Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaana Iid al-Faxir: Gondaritti salaatni Iidaa hin adeemsifamne jedhan jiraattonni
Magaalaa Gondar torbee tokko dura walitti bu’insi bifa amantii qabu erga mudatee booda hawaasni Musliimaa salaata [sagada] Iidaaf addabaabaayitti akka hin baane jiraattonni dubbatan.
Jiraattonni BBC’n haasofsiise akka jedhanitti isteediyeemiin Faasiladas kana dura salaatni Iidaa kan itti adeemsifamu yoo tahu guyyaa har’aa namni hin dhaqne.
Kuni kan dhagahame Manni Maree Ulaamaa magaalichaa hawaasni Musliimaa mana jireenyasaatti ayyaana akka dabarsu ergaa erga dabarseen booda dha.
Guyyaa har'aa hordoftoonni Amantii Islaamaa Ayyaana Iid al-Faxir kabajataniiru. Salaata Iidii Finfinnee irratti jeequmsi ka'ee akka ture poolisiin ibseera. Garuu, lubbuun darbe hin jiru.
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa baasen bakkeewwan Itoophiyaa hedduu ayyaanichi nagaan xumuramuu ibse.
Rakkoo Finfinneetti qunnameef qaamolee amantii dahoo godhatanii socho'an kan yakke mootummaan, ''Mootummaan tarkaanfii finxaaleyyiirratti fudhatu cimsee itti fufa,'' jedheera.
Ibsi mootummaan kanneen amantii dahoo godhatanii galma biraaf socho'an akka hin obsineefi seeratti dhiheessuf ''kutannoo cimaafi humna jabaa akka qabu,'' hime.
''Karoorri daba diinota keenya yeroo dheeraafi tumsa baandaa keessoo keenya jiraniin Itoophiyaa jeequuf yaadame tasa galma hin gahu,'' jedheera ibsa baasen.
Ummannis kanneen tokkummaa isaa jeequf socho'an jedhe hubachuun akka irratti qabsaa'u dhaame.
Gondar maaltu ta'e?
Jiraattonni Musliimaa magaalaa Gondar akka jedhanitti isteediyemii deemanii jamaadhaan salaatuun kan hafe sodaan nageeyaa gatii jiruufi.
Manni maree Ulaamaa kaleessa A.L.I Ebla 23/2014 ibsa baaseen, ‘’mootummaan haala itti gaafatamummaasaa hin baanetti balaa irraa eeguun gatii barbaachiseef ayyaana Iid al-Faxir amantoonni mana mana isaanitti akka dabarsan,’’ jedhe.
Manni maree kuni magaalaa Gondaritti walitti bu’insa Ebla 18 mudateen namoota lubbuun isaanii darbeef haqni akka kennamuufi kanneen qabeenyi isaanii barbadaa’eef beenyaan barbaachisu akka kennamu gaafateera.
‘’Mootummaan akka kanaan duraa salaatni Iidaa isteediyeemiitti akka kabajamu tattaaffii taasisullee hawaasni Musliimaa garuu manasaatti dabarse,’’ jechuun jiraattonni magaalaa Gondar maqaa isaanii himachuu hin feene dubbatan.
Hordoftoonni amantichaa waliin tahanii addabaabaayiitti salaatuu baatanillee masjiidota naannoo isaanii jiranitti namoonni salaatan akka jiran jiraattonni dubbataniiru.
Jiraataan Musliimaa ganda 18 walitti bu’insa Kibxataan booda haalli itti namoota harka keessaa qaban to’annoo jala oolfamaa ture haqa-qabeessa hin turre jechuun himatu.
‘’Qaamni walabaa qulqulleessee namoota yakka kana raawwatan gara seeraatti hin dhiyeessu taanaan ammas du’aaf of hin saaxillu jenneetu manaa hin baanu jenne,’’ jedhan.
Jiraataan kuni hawaasni Musliimaa jamaadhaan bahee kan hin salaatneef gaaffiinsaa gatii hin deebineefi jedhaniiru.
Mootummaa Federaalaa fi bulchiinsi Naannoo Amaaraa walitti bu’insa booda tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran irratti ibsa kennaniin shakkamtoonni 300 ol humnoota nageenyaan to’annoo jala oolfamaniiru jechuun isaanii ni yaadatama.
Jiraataan biraa nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafate, masjiidonni Azaana(waamicha salaataa) dhageessisuu erga dhaabanii guyyaan afur akka darbe dubbateera.
‘’Har’a Gondar keessa homtuu hin jiru. Sochiin baayyee hin jiru. Iida sitti hin fakkaatu,’’ jedheera.
Gama biraan guyyaa har’aa Ebla 24/2014 Finfinnetti jeequmsa salaata irratti ka’een qabeenyarratti miidhaan qaqqabuu poolisiin beeksiseera.
Viidiyoowwan miidyaa hawaasummaa irratti qoodamaa turan irratti akka mul’atetti namoota dhakaa darbachaa turanirratti poolisiin aara imimmaanessu dhukaasaa ture.
Viidiyoowwan kallattiin darbaa turan akka agarsiisanitti qaamolee nageenyaafi gamoowwanitti namoota dhakaa darbachaa turan dhaabsisuuf namootni yaalaa turan jiru.
Jalqaba torbee darbee irratti walitti bu’iinsi amantii bu’uura godhate ka’ee namoonni yoo xiqqaate 20 tahan ajjeefamuu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksisee ture.
Eegasii Hoogganaan Bulchinsaafi Nageenya Naannoo Amaaraa Obbo Dassaalany Xaasaw hammi namoota ajjeefamanii 14 akka ta'eefi namoonni 100 ol madaa'uu himan.
Koreen waloo nageenyaafi tikaa federaalaa ibsa A.L.I Kamisa Ebla 20/2014 baaseen naannoolee biyyattii garagaraa keessatti sababa amantiin jeequmsaafi hokkora kaasuuf qaamolee socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira jedheera.
Haaluma wal-fakkaatuun pirezidantiin Naannoo Amaaraa Yiliqaal Kaffaala(PHD), ‘’naannicha qaxanaa jeequmsaa gochuuf qaamota gocha shororkeessummaa raawwatan irratti tarkaanfii keessa hin deebi’amne fudhanna,'' jedhaniiru.
Mootummaan federaalaas tahe, kan naannoo shakkamtoota to’annoo jala oolchuurra darbee gochaawwan akkanaaf obsa akka hin qabne ibsanillee taatee Gondar booda dhaabota amantaa naannolee biyyattii garagaraa keessa jiran irratti haleellaan qaqqabee ture.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa, gaafa Ebla 20/2014 magaalaa Dabaarqitti masjiidonni lama akka gubatan ibseera.
Waajirri lallabaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Hadiyyaafi Silxee immoo godina Silxee magaalaa Waraabee keessatti guyyaama sanatti bataskaana lama irratti manca’insi akka gahe ibsa baaseen himeera.