Paartiin Badhaadhinaa teessoo paarlaamaa harka caalu mo'ate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni filannoo marsaa torbaffaa waliigalaa teessoo mana-maree bakka bu'oota ummataa harka caalu argachuun mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Haaluma kanaan Paartiin Badhaadhinaa teessoo paarlaamaa 547 keessaa 438 mo'ateera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sirna Dilbata Waxabajji 21, 2026 Finfinnee keessatti gaggeesseen bu'aawwan filannoo mirkanaa'aniifi raggaasifaman ifa godheera.

Filannoo waliigalaa torbaffaatiin paartileen mormitootaa teesssoo mana-maree bakka bu'oota ummataa 41 kaadhimamtoonni dhuunfaan dorgoman ammoo 8 mo'achuun isaanii ibsameera.

Paartiin Badhaadhinaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad dursan filannoo mo'achuun isaanii kan ammaa kanaan marsaa lamaffaadha.

Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti teessuma mana-maree bakka bu'oota ummataa 20, naannoo Oromiyaatti 167, naannoo Amaaraatti 117, akkasumas naannoo Beneshaangul Gumuzitti 8 mo'achuu danda'eera.

Naannoo Sidaamaatti akkuma kana teessuma 13, naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti 17, Kibba Itoophiyaatti ammo 35 mo'ateera.

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti teessoo 28, akkasumas naannoo Somaaleetti teessoo 19 mo;ateera.

Filannoo waliigalaa biyyaalessaa marsaa torbaffaa kun naannoo Tigrayy ammallee waraanni keessatti dhalachuu mala jedhamee sodaamaaa jiruufi teessuma 38 qabu keessatti filannoon marsaa lamaffaaf hin gaggeeffamiin jira.

Aanga'oonni mootummaan feceraalaa fi TPLF waliigaltee Piritooriyaa waraanni akka dhaabbatu godhe hin kabjne jechuun wal himatu.

Haaluma walfakkaatuun naannolee gurguddoo lamaan ummanni baayyee keessa jiraatu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa sochii hidhattootaarraa kan ka'een bakkeewwan tokko tokko kessatti filannoon hin gaggeeffamne.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoo A L I Caamsaa 24, 2018 gaggeeffamerratti "naannolee filannoo muraasa keessatti rakkoo mudaterraa kan hafe, adeemsi isaa milkaa'aa" akka ture ibseera.

Naannolee filannoo sagaleen keessatti hin kennamneetti filattoonni sagalee isaanii akka kennan akka taasifamu, garuu guyyaan isaa yoom akka ta'u Boordichi hin ibsine.

Filannoo marsaa torbaffaa kanaan paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni teessuma mana-maree bakka bu'ootaa 438 argachuun caalmaan mo'ateera.

Kana waan ta'eefis Fulbaana dhufu gara dhumaa mootummaan Paartii Badhaadhinaan hogganamu ni hundeeffama jechuudha. Kana waan ta'eefis, MM Abiy Ahimad waggoota shanan itti aananiif baalliin aangoo harka isaanii turuu dandeessi jechuudha.