Odeessa suuraa: Kabajni ayyaana Iid al-Faxirii 1443ffaa Itoophiyaatti maal fakkaata?

Maxxanfame

Sooma Ramadaanaa baatii tokkoof tureen booda, ayyaanni Iid al-Faxirii 1443ffaa addunyaa maratti kabajamaa jira.

Ayyaana amantaa Islaamaa gurguddoo lamaan keessaa 'ayyanni sooma hiikaa' isa tokkodha. Ji'a soomaa qulqulluu Ramadaanaa dhuma irratti yeroo addeessi ba'u eegala.

Itoophiyaattis haaluma walfakkaatuun hordoftoonni amantii Islaamaa ganama bariin gara dirreefi addababayiitti bahuun salaatuun ayyaanicha kabajaniiru.

Kabaja Ayyaanaa magaalaa Finfinneetti taasifame irratti Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis, tokkummaan, nagaan, misoomaafi guddinni biyyattiif daran barbaachiisaadha jechuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee Salaata Idaarratti jeequmsa mudateen qabeenyarra miidhaan gahuu ibsa baaseen himeera.

Viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti qoodaman akka mul'isanitti, poolisiin namoota dhagaa darbachaa turan irratti gaazii imimmaanessu wayita dhukaasu agrsiisa.