Dhalataan Somaalii dhiirota Muslimaa miidiyaa hawaasaa irratti gowwomsaa ture hidhaan adabame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dhalataan Somaalii akkaawuntii miidiyaa hawaasaa 100 ol banee dhiirota Muslimaa qaanessaafi qoccollaa saalaa irraan gahaa ture hidhaa waggaa 16'n adabame.

Waaliid Sayiid dhalataa Somaaliifi lammii Biriiteen yoo tahu Poolisiin Metiroopoolitaanii fedhii ''hammeenyaa'' guddaa jechuun dhimma kana ibseera.

Dhaddachi Isneerisbiruuk Landanitti argamu namni kuni akkatti akkaawuntii sobaa Isnaapchaat, Istaagiraamiifi Giraandar jedhamu fayyadamuun Muslimoota dhiiraafi dargaggoota umrii waggaa 15 tahan kan fedhii saala lamaa qabanfaarraa suuraa ergisiifata ture.

Erga suuraa isaanii fudhateen booda maatiifi fira isaaniirraa akka isaan kutu itti hima.

Yeroo miidhamtoonni kunneen qarshii kaffaluu dadhaban qaamaan isaan arguun haleellaa saalaa irraan gaha.

Sayiid yakka 17'n balleessaa kan jedhame yeroo tahu kunis gudeeddii, arrabsoo amantii akkasumas suuraa ijoollee akka malee fayyadamuu fa'a dabalata.

Bitootessa darbe Sayiid himannaa irratti dhiyaate keessaa sagal balleessaa tahuu amaneera. Kunis suuraa miidhamtoootaa qooduuf doorsisuu fa'a dabalata.

Tuutni hawaasa irraa walitti bahee dhaddachatti murtoo kennu gudeeddii, yaalii gudeeddiifi safuu cabsuun balleeessaa tahuu mirkaneesseera.

Poolisiin ammallee dhimma miidhamtootaa 100 olii sakatta'aa jiraachuu BBC'n hubateera.

Diisii Piitar Koolingitan nama qorannoo kana hogganaa turan yoo tahu''namoonni miidhaa kanarraa haftan kallattiinan waamicha isinii dhiyeessa,'' jedhan.

''Garaa laafummaa, kunuunsaafi icciitiin keessan osoo hin bahiin isin deeggaruu barbaanna. Waan isinirra gahe sirrii miti, waan hundaan isin deeggaruu barbaanna,'' jedhan.

Sayiid yakka kana bara 2018 irraa qabee raawwachaa turus dhimmichi as kan bahe garuu bara 2024tti yeroo gudeeddiin lafa lalisaa Landan keessatti raawwate gabaafamu ifatti bahe.

Miidhamtuun ganna 18 goyyomfamtee suuraa qabiyyee qaama saalaa qabu qooddus boodarra Sayiid tahee argamuusaa eeruu kennite.

Kana booda Sayiid akkaawuntii biraa fayyadamuun ergaa doorsisaa itti ergaa turee, suuraa sana akka hin saaxilleef qarshii gaafataa ture.

Yeroo miidhamtuun qarshii inni gaafatu kaffaluu diddu akka isheen Paarkii Landanitti isa argattu marsaa sadiin ishee beellamee haguuggii fuulaa keewwatee ishee gudeede.

Qorannoon foreensiikii akka agarsiisutti bibilli miidhamtuu teessoo namichaatti qajeelche. Yeroo qabametti bibilli lama argamee daa'imman dabalatee suuraan ijoollee keessatti argameera.

Maqaa "Trans Girl Leah", "amzyyyy09", fi "ComeDeal" jedhaman fayyadamuun miidhamtoota Landan keessa jiran irratti qiyyaafata ture.

Ergasii poolisiin bara 2018 irraa qabe eeruu ''gochaa yakkaa walitti fufinsaan raawwate,'' isa qaqqabaa jira.

''Miidhamtoonni hundi ijoollee dhiiraa ol adeemoo dha. Aadaa sababa gochuun badiidhaaf saaxilaanii turte,'' jechuun daanyaan dhaddachatti hime.