Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teessoo torba kan mo'ate 'Tibibbir LeItoophiyaa Andinnet' mana maree akka hin seenne ibse
Gamtaa paartilee siyaasaa shanii kan ta'e paartiin siyaasaa 'Tibibbir LeItoophiyaa Andinnet' filannoo waliigalaa 7ffaatiin teessoowwan argate akka hin fudhanne BBC'tti hime.
Gamtichi haaldureewwan asiin dura dhiyeesse kan guutaman yoo ta'e mana maree seenuu ilaalchisee itti laaluun danda'a jedhe.
Gamtaan kun irra deddeebiin haal dureewwan guutamuu qaban akka hin guutamin ibsa baasaa kan ture yoo ta'u, sababa kanaanis filannoorraa akka of baasu ibsaa ture.
Filannoon gaggeeffamee guyyoota lama booda mo'atus mana maree akka hin seenne ibsee ture.
Waxabajjii 21, 2026 Boordiin Filannoo Itoophiyaa bu'aa filannoo waliigalaa kan ibse yoo ta'u, paartiin Tibibbir LeItoophiyaa Andinnet teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa lamaa fi manneen maree naannolee shan mo'ateera.
Gamtichi kaadhimamtoota 1,032 dhiyeessuudhaan paartii Badhaadhinaa fi EZEMA'tti aanee kaadhimamtoota baay'ee dhiyeessuudhaan sadaffaarratti argama.
Finfinnee, naannolee Amaaraa fi Giddugaleessa Itoophiyaatti walumatti teessoowwan torba kan mo'ate gamtaan paartilee kun filannicha balaaleffachuun ejjennoo isaa akka cimse itti gaafatamaan sabqunnamtii uummataa paartichaa Obbo Geetinnat Warquu BBC'tti himan.
Filannicha waan "irra keessaa'' jechuun "rakkoo biyya keenyaa hamaarraa gara baay'ee hamaatti geessuu malee dimookiraasii hin barsiisu" jedhuun busheesse.
Gamtichi sababoota nagaa fi tasgabbii dhabuu akkasumas dirree siyaasaa "dhiphate" akka sababaatti kaasa.
"... mootummaan garaa bal'achuun gara mariitti;kennanii fudhachuutti hanga dhufutti nutis beekkamtii hin kenninu. Tapha abshaalummaati" jechuun biyyoonni filannicha akka beekkamtii dhowwatan waamicha godhaa akka jiru" himaniiru.
Ejjennoon kun filanoon dura yoo jiraate maaliif hirmaattan? jedhee gaaffii BBC'n gaafateef, Obbo Geetinnat hirmaachuu isaaniif sababa kan ta'a "waliin dubbiin" sababa tureefi jechuun garuu bal'ina isaa ibsuurraa of qusatan.
"Haaldureewwaniif tarii gurra kennuun ni jiraata, ni dhagahu jennee amanuurraani" jechuun wan dubbachuu hin feene fi "gara fuulduraatti ni goona jedhanii waan karoorsan" qabaachuun gara filannoo seenuu akka murteessan dubbatan.
Obbo Geetinnat sababi mana maree akka hin seenne ejjennoo qabataniifis naannolee filannoo torbarratti uummata isaan filate beekkamtii dhorkachuuf akka hin taane himaniiru.
Qeeqni wal fakkaataan filannoo 1997 (2005) ejjennoo paartii Qinijjit mudate waliin wal fakkaachuu kan eeran qondaalli kun, haalli kun adda ta'uu yoo ibsan "hanga dachii fi samiiti jedhan.
"Iddoowwan dhiphoo torba nuu kennanii 'kana fudhu, kaan immoo tursiisi hamma jedhamnu gaaffilee gurguddoof deebii hin barbaannu kan jedhu dha" jechuun ejjennoo isaanii "madaaluun"; wal caalchisuu akka ta'e ibsameera.
Mootummaan haal dureewwan isaan dhiyeessan kan dhaggeeffatu yoo ta'e ejjennoo isaanii kana jijjiiran akka ta'e dubbatan.
"Hin seennu jechuun bara baraan hin seennu jechuu miti" jechuun dubbii harka mootummaa keessa akka jirtu eeran
Mana maree seenuu dhiisuu akka 'haaldureetti' kan dhiyeessu gamtichi, "nuti dirree duwwaattin miti warra iyyinu miti" jedheera.
"Gabrummaa hambisuu, hidhamtoota hiikuu, dirree siyaasaa fooyyessuu, hiree biyyaarratti mari'achuun waan ganama eegalee galgala sa'aatii 11tti xumuramuu miti. Yoo xiqqaate gara marii nu barbaadnu sanaatti wanti nu dhiibu jiraayii? kan jedhu dha" jechuun yaada falmii isaanii dhiyeessu.
IHAAPPAA, MA'I'AD, fi EZEMA dabalatee paartileen shan kan hammate gamtaan Tibibbir LeItoophiyaa Andinnet filatamtoonni murtee gamtichaa didanii kan seenan yoo ta'e tarkaanfii akka fudhatu beeksise.
"Dhimma dhaabbataa [paartii] malee kan nama dhuunfaa mit" jechu Obbo Geetinnat filatamtoonni gaafatamummaa hamilee fi seeraa qabu" jedhe.
Kaadhimamaan kamuu "Tibibbir bakka bu'ee mana maree hin seenu. Tarkaanfii naamusaa ni fudhanna" jechuun balaaleffannaa fi hanga paartii keessaa ari'uutti tarkaanfii hordofsiisu akka fudhatan ibsan.