Waranni Israa'el Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa bahuufi - Gabaasa
Waliigaltee US-Iraan hordofee Israa'el waraanashee Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa baasuufi jechuun miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.
Akka gabaasa kanaatti Israa'elifi Libaanos torbee dhufu wal-arguun akkaataa itti Isaa'el bakkeewwan muraasa keessaa baaturratti ni mariiyatu.
Israa'el guutummaa Libaanos keessaa akka hin baane, haleellaa Hezbollaarraa of ittisuuf jecha naannoo nageenyaa [Security Zone] hundeessuun akka turtu beeksifteetti.
Haa ta'u malee bakkeewwan muraasa keessaa yeroo baatu, bakka baatus sana Humna Waraanaa Libaanositti kennuun akka baatus ibsame.
Iraan waliigaltee US waliin taasisteen Israa'el Libaanos keessatti haleellaa gaggeessitu akka dhaabdu gaafachuurraa kan ka'e US itti waliigalteetti.
Israa'el guutummaan Libaanos keessaa akka baatus Iraan gaafataa jirti, Israa'el ammoo waraanashee akka hin baasne Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irra deddeebin ibseera.
USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo erga waliif mallatteessanii as guyyaa kaleessaa Siwizarlaanditti marii taasisaniin, Libaanos keessatti lolli maricha danqu kamuu akka hin gaggeeffamne waliigalaniiru.