Gabaasni dhimma Lixa Tigraay 'madaalawaa, loogiin alaa fi amanamaa miti'- MNA

Maxxanfame

Mootummaan Naannoo Amaaraa gabaasni jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman yakka Lixa Tigraayitti dhalattoota Tigraay irratti raawwatame ilaalchisee baasan ''madaalawaa, loogiin alaa fi amanamaa miti'' jechuun balaaleffate.

Mootummaan naannichaa ibsa Ebla 10, 2022 baaseen gabaasni Aminsitii Intarnaashinaaliifi Hiyuumaan Raayits Waach yakka Lixa Tigraay keessatti raawwatamaa jiruuf hidhattoota naannoo Amaaraa fi aanga'oota naannoo dabalatee qaamolee mootummaa komatan balaaleffateera.

Jaarmiyaaleen lameen gabaasa torban darbe waloon baasaniin dhalattoota Tigraay godina Lixa Tigraay kan naannoon Amaaraa seenaan lafa kiyya jedhu keessatti yakki ''waraanaafi namoomaan qixxee ta'e'' raawwateera jedhaniiru.

Gabaasichi yakka kana keessatti qaamoleen nageenyaa naannoo Amaaraa, hidhattoonni Faannoo, humni waraanaa Tigraayiifi kan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa keessaa gahee qaban seera dura akka dhiyaatan gaafateera.

Haala naannoo sana jiru tasgabbiitti deebisuufis nagaa eegdonni Gamtaa Afrikaa akka bobbaafaman, Faannoonis hidhannoo akka hiikkatu akka godhamu gaafatan.

Naannoon Aaaraa gama isaan himannaa humna addaa naannichaa, milishoota, Faannoorratti dhiyaate kufaa godheera.

''Iyya uummata keenyaa ukkaamsuufi walabummaa biyya isaanii eegsisuuf dirqama biyyaalessaa irra kaahame hooggantoota, miseensota caasaa qaamolee nageenyaa fi Faannoo warra dhugaa gidduu hariiroo jabaa jiru cabsuun fuula durattis birmadummaa keenyarratti balaan yoo aggaamame hawaasa tokkummaan hin duulle uumuu kan kaayyefateedha'' jechuun gabaasa jaarmiyaalee mirga namoomaa irratti hojjetan kana balaaleffate.

Gabaasichi uummata Amaaraa akka sabaatti haqa dhoorgateera kan jedhu mootummaan naannoo Amaaraa ''uummatichi dhaabbilee idila addunyaa haqa, mirga namoomaa fi ijaarsa dimookraasiirratti hojjetan irraa akka abdii kutu kaayyeefate'' jedheera.

Kanaafis gabaasichaan ''madaalawaa, loogiin alafi amanamaa kan hin taanedha ittiin jedheera.

Mootummaan naannoo Amaaraa Amanistii Intarnaashinaaliifi Hiyuumaan Raayits Waach ''Jijjiirama siyaasaa keessoo biyyaa danquufi naannoolee gidduu rakkoo daangaa jiruuf kaayyoo murtee kennuu qabu'' jechuunis komateera.

Mootummaan Federaalaa ibsa jaarmiyaaleen lameen baasaaniif dhuma torbee darbee deebii kenneen gaabsni isaanii ''dantaa siyaasaaf oolu mala'' jechuun yaaddoo qabu ibsee ture.

''Dhaabbileen lamaan dhimmicha qorachuuf dhimmoota siyaasaa fayyadaman baay'eerratti mootummaan gaaffii kaaseera,'' jedha ibsi bahe.

''Jalqabumaa dhimmi waldhibdee daangaa keessoo kan ilaalamuu qaban qaamota aangoo heeraa qabaniini. Dhimma kanarratti dhaabbileen akkanaa deebii kennuun wallaalummaadha,'' jechuun ibse.

''Gabaasichi bifa sabaa hordofuun isaas mootummaa yaaddessa,'' jechuun loogiin himate. Dabalataan, ibsi mootummaa gabaasicha haala ''miira kakaasuun dhihaate'' jechuun qeqeera.

Aministii Intarnaashinaalii fi Hiyuumaan Riaayits Waach ji'oota 15 darban dhalattoota Tigraay gara Sudaan baqatan qaamaan dhaqanii dubbisan dabalatee namoota dararaawwan hamaan irra gahan ykn ammoo ijaan argan 400 bilbilaan dubbisuu isaanii himu.

Ibsa qorannoo isaanii haaraa irratti hundaa'uun baasaniin Aministii Intarnaashinaaliifi Hiyumaan Raayitis Waach duulli sanyiin adda baasanii balleessuu (ethnic cleansing) humnoota naannoo Amaaraafi kanneen isaan deeggaraniin dhalattoota Tigraay bakka walfalmisiisaa Lixa Tigraay keessa jiraatan irratti itti fufiinsaan raawwatamaa ture jedheera.

Yakkoon kunis ''yakka waraanaafi namoomaan qixxeedha'' jechuun ibsan.

Dhaabbileen lamaan kun dhalattootni Tigraay kumoota hedduutti lakkaawwaman ammallee jumlaan hidhamanii haala lubbuu isaaniif yaaddessurra jiru amantaa jedhu qaba.