Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan gabaasa dhaabbileen mirgaa waa'ee Lixa Tigraay dhiheessan akka qoratu hime, gaaffii kaase
Mootummaan Itoophiyaa himannaa dhaabbileen mirga namoomaaf falman Lixa Tigraay kan Naannoon Amaaraa kiyya jedhurratti bahe qorataa akka jiru beeksise.
Aminastii Intarnaashinaaliifi Humaan Raayitis Waach qorannoo bal'aa waggaa fudhate taasisne jedhaniin dhalattoota Tigraay irratti 'bakkaa dhabamsiisuun' raawwataa jira jechuun himataniiru.
Kanaafis, humnoota Amaaraa bakkicha to'atan himatan. Yakki achitti raawwate jedhaniis ''yakka waraanaafi yakka namoomaan qixxeedha'' jedhaniiru.
Dhimma kana kan gaafataman Dubbii Himaan mootummaa federaalaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu mootummaan ''qorataa akka jiru,'' BBC'tti himaniiru.
Ibsa mootummaan baaseen dhaabbileen mirga namoomaa ''gabaasa Walqaayit irratti xiyyeeffate baasan of eeggannoon qorataa jira,'' jedheera.
''Gabaasichi haala gaddisiisuun nagaan akka bu'u yaalii taasifamuuf gorsa hin gumaachine dhiheessuus mootummaan himannaa mirga namoomaa kamuu gad- fageenyaan ni qorata,'' jechuun hime.
Dhaabbileen lamaan gabaasicha baasuu dura himannaa ka'eef qondaaltota Naannoo Amaaraa gaafachuu himaniiru. Naannoon Amaaraas himannaa irratti ka'e akka hin fudhanne ibse.
''Mootummaan Itoophiyaa kanneen sarbamiinsa mirga namoomaa raawwatan mara seera dura akka gaafataman gochuuf kutannoo qaba'' jechuun koreen ministeerotaa hundaa'e akka qoratu ibseera.
Haa ta'u malee, qorannoorratti gar-tokkotti baabsuun jira jechuun komii ibsate.
Dhaabbileen lamaan qorannoo isaanii keessatti ''Qondaaltotni mootummaa sochii naannoo sanii dhorkuu irraa kan ka'e duula duguuggaa sanyii mootummaan gaggeessu dhokseera,'' jechuun himatan.
Qorannoon mata duree 'Lafa kanarraa isin dhabamsiisna' jedhuun dhihaate waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee godinni Lixa Tigraay harka humnoota Amaaraa erga galee yakkoota raawwataman qoratee dhiyeesse.
Bakki Lixa Tigraay jedhamuufi Naannoon Tigraay bulchaa ture Naannoon Amaaraa yeroo dheeraaf kiyya jechuun gaaffii irratti dhiheessaa ture.
Mootummaan maal jedhe?
''Dhaabbileen lamaan dhimmicha qorachuuf dhimmoota siyaasaa fayyadaman baay'eerratti mootummaan gaaffii kaaseera,'' jedha ibsi bahe.
''Jalqabumaa dhimmi waldhibdee daangaa keessoo kan ilaalamuu qaban qaamota aangoo heeraa qabaniini. Dhimma kanarratti dhaabbileen akkanaa deebii kennuun wallaalummaadha,'' jechuun ibse.
''Gabaasichi bifa sabaa hordofuun isaas mootummaa yaaddessa,'' jechuun loogiin himate. Dabalataan, ibsi mootummaa gabaasicha haala ''miira kakaasuun dhihaate'' jechuun qeqeera.
''Qaama tokko qofa qeequun mirgi namoomaa akka kabajamuufi nagaan akka bu'u hin gumaatu,'' jechuun namoonni gabaasichaaf dubbifaman gar-tokko qofa ta'u hime.
''Gabaasichi gara caalu namoota yookiin ragaa garee tokkotti dhihaatanirratti kan bu'uureeffate waan ta'ef walabummaa dhabeera.''
Dhimma himannaa kana irratti gama dhaabbilee qoratanii deebiin kenname hin jiru.
Mootummaan federaalaa ibsa baaseen raayyaa ittisaafi humna addaa Naannoo Amaaraarratti gabaasichi ''himannaa hin malle dhiheessuus mootummaan sirnaan ni qorata,'' jedha.
Qorannoo waloo UN fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa booda koreen sadarkaa ministeerotaa hundaa'e himannaawwan kanneen akka qoratee ummataaf beeksisu mootummaan himeera.
Qorannichi maal jedhe?
Humnoonni naannoo Amaaraa hirmaannaa Raayyaa Ittisaa dabalatanii dhalattoota Tigraay kumoota hedduun lakkaawwaman tooftaan qe'ee isaaniirraa godaansisaniiru jechuun himata.
Dabalataan, seeraan ala ajjeesaniiru, haleellaa saalaa irraan gahaniiru, jumlaan hidhaniiru, deeggarsa namoomaas dhorkaniiru jedha gabaasichi.
Godinni kun ejensiiwwan gargaarsaaf banaa ta'ee warreen jumlaan hidhamaniis gadhiifamanii haqni amansiisaan akka kennamu dhaabbileen lamaan gaafataniiru.
Qaamoleen nageenyaa naannoo Amaaraa fi michootni isaanii daboon gudeeduu, jecha afaaniifi reebichaan miidhaa qaqqabsiisuu, butuu, fi salqunnamtiif gabroofachuun himatamaniiru.
Akkasumas, ''humni idila addunyaa nagaa tiksu kan Gamtaa Afrikaan hoogganamu Lixa Tigraayitti bobbaafamee ummata hunda miidhama irraa eeguu qaba'' jedhaniiru hoogganaan HRW Keneez Root.
Maanguddoon ganna 63 dargaggeeyyiin mana isaanii yeroo mancaasan ijaan argan, isaan keessaa inni tokko ''kun lafa keessan miti. Asitti kan kooti wanni jettan hin jiru'' ittiin jechuu himataniiru.
Lolli waggaa dura Tigraayitti eegale kumaatama lubbuu yoo dhabsiisu miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqaaseera.
Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.