Ajjeechaa barattuu Yunivarsitii Arbaaminci Tsiggeredaafi dhimmoota walqabatan

Barattii Tsigeeradaa Girmaay

Madda suuraa, ARBAMINCH UNIVERSITY

Maxxanfame

Barattuu Yunivarsitii Arbaamiinci kan taatee Tsigeeradaa Girmaay ajjesuun barataan shakkame mana murtiitti dhiyaate.

Yunivarsitii Arbaamincitti barattuu Maanegimantii Hoteelaafi Tiruuzimii wagga 2ffaa kan turte Tsigeeradaa Girmaayiin albeen waraanuun namni ajjeese mana murtiitti dhiyaachuu isaa BBCn odeeffannoo poolisiifi Yunivarsiitichaarraa argateen hubachuu danda’eera.

Barataa Yunivarsitichaa kan ta’e shakkamaan kuniifi bartoonni biroo lama ajjeechaa Tsigeeredaan wal qabatee Kibxata, mana murtii Arbaaminciitti dhiyaatanii, beellamni guyyaa 15 kennameefii mana hidhaa akka turan taasifamuu isaa Hoogganaan Dhimmaa Kominikeeshinii Yunivarsitii Arbaaminci Obbo Badiruu Irrigoo, BBC’tti himaniiru.

Tsigeeradaan waraanamtee kan ajjeeffamte Wiixata ( A L I Amajjii 23, 2014) galgala gara sa’aatii 5 irratti naannawaa mana kitaabaatti ta’uu isaa, godina Gaamoo, magaalaa Arbaaminciitti Hoogganaa Poolisii kan ta’an Komaandar Adanee Okee BBC’tti himaniiru.

Barattuun kun harmasheefi naannawaa cinaachaa irra daddeebiin erga waraanamtee lubbuu ishee oolchuuf gara hospitaalaatti geeffamtus ooluu akka hin dandeenye himaniiru.

Wa’ee ajjeechaa kanaa irratti odeeffannoo Yunivarsitiifi poolisii irraa argame

Ajjeechaa kana raawwachuun kan shakkame Yunivarsitichatti barataa Saaykoolojii yoo ta’u, wa’ee hariiroo inni Tsigeeredaa waliin qabu irratti odeeffannoon adda addaa dhaga’amaa akka jiran Obbo Badiruu himaniiru.

Tsigeeredaan kana dura shakkamaa kana waliin hariroo akka qabdu tureefi hariiroo isaanii kana waan dhaabdeef ajjeeseen kan jedhaniifi shakkamaan kun jaalallee isaa akka taatuuf gaaffii dhiyeesseef waan diddeef aariin akka ishee waraane odeeffannoon dhaga’amuu himaniiru.

Hiriyyaan ishee kan waliin doormii tokko keessa jiraattu eeruun Obbo Badiruu akka BBC’tti himanitti, shakkamaan kun gaffii jalaalaa dhiyeesseef akka isheen diddee himuun, kanarra kan darbe garuu deebii biraa kennuuf hin eyyamne jedhaniiru.

Barattii Tsigeeradaa Girmaay

Madda suuraa, ARBAMINCH UNIVERSITY

Gama biraan ammoo, odeeffannoon poolisii irraa argame, barattuun kuniifi shakkamaan hariroo jaalalaa akka hin qabne agarsiisa.

Shakkamaan kun yommuu Tsigeeradaaf bilbilu akka isheen hin kaasneefi deebii hin kennineef Obbo Badiruu odeeffannoo argachuu isaanii ibsaniiru.

Galgala ajjeechaan kun raawwatametti, shakkamaan kun bilbilasaa waan isheen hin kaafneef, bilbila barattoota dhiiraa lama isheen beektu fayyadamuun, galgala sa’aatii afur hanga shan gidduutti Tsigeeredaa waamsisa.

Tsigeeradaanis gara naannawaa mana kitaabaa akka deemtu ishee taasise.

Erga achi geessees, barattoonni sun lamaan akka fagaataniifi ,”waldhabdee qabnu qofaatti hiikkanna,” sababa jedhu waan kenneefiif isaanis irraa fagaachuu isaanii Obbo Badiruun himaniiru.

Utuu badaa hin fagaatiin iyya Tsigeeradaa akka dhaga’aniifi albee qabateenis akka ishee waraane ibsaniiru. Barattoonni kunneen figaanii akka dhufaniifi iyyashees dhaga’anii poolisiin mooraafi miseensotni Raayyaa Ittisaa naannicha ga’an.

Kana boodas shakkamaan kuniifi bilbila bilbilaniiru kan jedhaman barattoonni lamaan to’annoo jala olfamuu Obbo Badiruu BBCtti himaniiru.

Yeroosuma Tsigeeradaan gara Hospitaala Arbaamincitti hatattaaan akka geeffamtu taasifamtus wal’aansi utuu taasifamuuf lubbuun ishee darbeera. Guyyaa itti aanu (A L I Amajjii 24, 2014) reeffi ishee gara bakka dhaloota ishee Walqaayiit Addii Ramatsiitti gaggeefame.

Odeeffannoo nama shakkamee muraasa

Dabra Birhaan irraa kan dhufe barataan ajjeechaa kanaan shakkame kana dura rakkoo naamusaa akka qabu ture, odeeffannoon BBCn Yunivarsiticha irraa argate ni mul'isa.

Kana dura barattoota dubaraa dorsisa nurra geessisa jechuun Yunivarsitichatti himachuu isaaniifi amala “rakkisaa” jedhamu akka qabus Obbo Badiruun odeeffannoo Yunivarsitichaa eeruun himaniiru.

Kanaan dura barattuun jaalallee isaa turte waan isaan wal-qabateen Yunivarsiticha akka gadhiistee baateefi barattoonni dubaraa lama kan biraan Yunivarsitichatti iyyatanii dhimmicha namusaan akka ilaalamee, akeekkachiisi kennameefiif ture.

Irra daddeebiin rakkoo naamusaa mul'atu qaba yoo ta’e Yunivarsitichi maaliif tarkaanfii hin fudhannee gaafii jedhuuf, “irra daddeebiin miti, Yunivarsitichatti komiin irratti kan dhiyaate al tokkodha. Tsigeeredaanis na dorsiisa ykn eegumsi na barbaachisa himata jedhu hin dhiyeessine,” deebii jedhu kennaniiru.

“Utuu lubbuu isheef sodaa qabdi tureeti Yunivarsitichaaf ni beeksisti ture,” jedhu.

Ajjeechaan kun sabummaa waliin kan walqabatudha?

Ajjeechaan Tsigeeradaa sabummaa (eenyummaa) ishee waliin kan wal-qabate ta’uu isaa miidiyaa hawaasummaa irratti kaafamuu isaa ibsuun BBCn Obbo Badiruuf gaaffii dhiyeesseera.

“Dhimichi kan siyaasaa ta’uu baatus hiikaa siyaasaa akka kennamuuf kanneen yaalan ni jiraatu,” kan jedhan Obbo Badiruu himati kun bu’uura hin qabu jedhu.

Shakkamaan kun kana dura dhalattoota Tigraay irratti haleellaa ykn jibba xiyyeeffate geessisee kan beeku utuu ta’ee kun bu’uura ta’uu danda’a ture kan jedhan Obbo Badiruun, ta’us garuu amallii shakkamaa kanaa kanarraa kan fagaatedha jedhaniiru.

“Wanta sabummaa waliin wal qabatedha jechisiisuuf sababni cimaan hin jiru. Haala siyaasaa amma jiru utuu hubanneefi dhimma kana waan siyaasaa gachuuf yaaliin taasisamu sirri miti,” jedhu.

“Miseensonni hawaasa Tigraay Yunivarsitichaafi magaalattii keessa ni jiraatu. Waldhabdeen siyaasaa jiraatus hawaasicha walitti buusuuf namoonni hojjatan gocha isaanirraa of qusachuu qabu,” jechuun gorsa isaani kennaniiru.

Dabaluunis Obbo Badiruun, “barattuun kun kan keenya. Hunda isaanii ija tokkoon ilaalla. Du’a isheen Yunivarsitichi guddaa gaddeera,” jechuun ajjeechaan akkanaa Yunivarsitichatti uumamee hin beeku jedhaniiru.

Barattuun Tsigeeradaa abbaa ishee Obbo Girmaay Gabramadiniifi harmeeshee Aaddee Yabeshaa Yazezewu irraa A L I bara 1993tti Godina Wolqaayit magaalaa Addii Ramatsiitti dhalatte.