Iloon Maask torbee lama keessatti sadarakaa tiriileeyenummaa isaa dhabe

Madda suuraa, Getty Images
Dureessi addunyaa kanaa Iloon Maask dhaabbata isaa SpaceX ifatti beeksisuu horodofee tiriiliyeenara tahee ture torbee lama keessatti sadarakaa tiriiliyeenummaa kana dhabuu odeeffannoon Biluumbergi agarsiisa.
Gabateen Biliyanarootaa Biluumbargi odeeffannoo Kibxata baaseen gatiin qabeenya Iloon Maask doolaara tiriiliyoona 1.11 irraa gara doolaara biiliyoona 957tti hir'ateera.
Gatiin qabeenyasaa duubatti deebi'uun kan mudate qoodni dhaabota SpaceX fi Tesla sababa shakkii bu'aa qabeessummaa hubannoo nam-tolchee irratti jiruufi qoodni gabaa teeknolojii waan gad bu'eefi.
Gatiin qabeenyasaa gad bu'ullee Iloon Maask ammallee dureessa addunyaa kanaa yoo tahu abbootii qabeenyaa isa duuba jiran dachaa baayyeen caala.
Biiliyanarri kuni gaafa Waxabajjii 12 dhaabbatasaa rookeetii, SpaceX fi jijjiirraa maallaqaa Nasdaq jedhaman uummatatti as baasuun tiriiliyanara tahuun seenaa hojjetee ture.
Dhaaboti kunneen yeroo banaman warri qooda bitatan doolaara 150'n bituu jalqaban.
Yeroos gatiin abbaa qabeenyaa rookeetiifi saatalaayitii doolaara tiriiliyooan 1.77 tilmaamamee ture. Sababiin ammoo Iloon Maask qooda qabeenyaa SpaceX harka 42 waan qabuufi. Kunis qabeenyasaa gara doolaara tiriiliyoona tokkootti guddiseera.
Gaafa Waxabajjii 16 invastarooti fedhii SpaceX irraa qaban qooda bittaa doolaara 225.64 ol guddisan kunis gatii qabeenyaa Iloon Maask doolaara tiriiliyoona 1.32tti guddise
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa tahu malee gabaan bittaaf hiriire badaa hin turre.
Yaaddoon baasii kaappitaalaa, gatii bu'uuraaleen hubannoo nam-tolchee baasisan akkasumas gatiin dhalaa rincicaa gatiin qabeenyaa teeknolojiiwwan gurguddoo saffisaan akka gad bu'u godhe.
Haala kanaan qoodni SpaceX baatiidhuma Waxabajjii gara gidduu, guddiina %30 dhabuun gurgurtaan qooda qabeenyaa doolaara 156tti gad hir'ate.
Wiixata gaafa Waxabajjii 22 qofa %16 gatiin qoodaa gad buunaan Iloon Maask hamma qabeenyasaa keessaa doolaara biiliyoona 240 dhabe.
Gatiin qooda dhaabbata konkolaataa Teslaa %6 gad bu'uun miidhaa faayinaansii guddaa irratti fide. Maask qooda Teslaa keessaa %12 qaba.
Iloon Maask tiriiliyeenara tahuun sababa kuufama qabeenyaa guddaa taheen konkolaachuudhaaf saaxilamaa dha.
Biliiyanarooti durii qabeenyi isaanii waantota baayyee irratti kan hundaa'e yoo tahu kan Iloon garuu dhaabota lama keessaa qofa qooda olaanaa qaba. SpaceX gatii qabeenyasaa harka 80 bakka bu'a,inni hafe kan Teslaa irraa dhufe dha.
Xiinxaltoonno gabaa akka jedhanitti dhaabotii maallaqa guddaan socho'an ititanii turuun rakkoo tahus kan qabeenya Iloon garuu waan qabatamaan jiru irraa inni hafarsamu caala jedhu.















