Buruunoo Fernaandez, Eenzoo Fernaandez fi jijjiirraa taphattootaa kaan

Eenzoo Fernaandezii fi Buruunoo Fernaandez

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Maanchister Siitiin taphataa Nootiingihaam Foorest Eliyoot Andersan gatii rikardii Biriiten taheen harka galfachuuf fiixeerra jira.

Gatiin taphataa kanaa paawondii miliyoona 130 Liiverpuul Aleeksaander Isaakiif baase caala jedhamee yaadama.

Maanchister Yuunaayitid sababa gatiin isaa qaalii taheef dorgommicha keessaa bahuu beeksiseera.

Kilebni ollaa Maan Siitii, Maanchister Yuunaayitid erga Edersaniin mallattesisee ammayyuu taphattoota sarara gidduu biroo adamsaa jira.

Kaarlos Baalebaan gara Yuunaayitiditti imala jedhamee haalaan eegamaa ture. Gahumsi taphataa kanaa gadi bu'uu fi gatii isaa ol ka'uu irraa kan ka'e Yuunaayitid fedhii taphatichaaf qabu qabbanaa'eera.

Kaazemiiroon kilebicha waan gadhiiseef taphataa gahumsa guddaa fi maqaa guddaa qabu tokko ni mallattesisu jedhamee eegamaa ture.

Saandiroo Tonaalii fi taphataan Riyaal Maadrid Shuumeenii jedhamu kilebichaan hedduu barbaadamu.

Gatiin Toonaalii paawondii miliyoona 100 gadi hin hir'atu erga jedhamee Yuunaayitid filannoo biraas ilaalaa ture. Taphataan West Haam Maatiyaas Fernaandez Maan Yuunaayitid dabalatee kileboota hedduun barbaadamaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaaf Yuunaayitid taphataa kana filannoo jalqabaa godhachuun paawondii miliyoona 80 kaffaluuf qophiidha jedhamaa jira.

Isa cinatti ammoo taphataa Barnimooz Aleeksi Iskoot barbaada. Barnimooz ammoo paawondii miliyoona 60 gadi hin gurguru. Leenjisaa haaraa Maarkoo Rooz ammoo taphaticha barana gurguruu hin barbaadu.

Yuunaayitid dabalataan sarara ittisa cinaa irraan Luuk Shoow akka bakka bu'uu fi dorgomuuf taphataa biraa barbaadaa jira. Niwkasil irraa Luwis Haal haalaan barbaadaa jiru.

Gatiin taphataa kanaa pawwondii miliyoona 50 gadi akka hin taane himama. Taphatichis haala leenjisaan Niwkaasil Edi Haaw itti fayyadamu waan hin jaalanneef gara Yuunaayitid deemuu akka barbaadu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Dursaan taphattoota Maanchister Yuunaayitid Buruunoo fernaandez gaaffii kileboota Sawud Arabiyaa irraa dhiyaataafii jiru akak hin fudhanne hime.

Waayillan isaa Waancaa Addunyaa irratti wlaiin taphatanitti kan hime Buruunoon Oldi Tiraaford turuun abjuu isaa milkeessuu akka barbaadu himeera.

Buruunoo Yuunayitiif taphachuun abjuu isaa ijoollummaa akka tahee fi kilebicha gara ulfina isaa duraaniitti deebisuuf akka carraaquu himeera.

Maayikil Kaarik jalatti Buruunoon gahumsa guddaa irra gahuun taphataa cimaa Piriimer Liigii 2025-26 tahuunis filameera.

Arsenaal taphataa Astoon Viilaa Morgaan Roojersi haalaan barbaadaa jira. Astoon Viilaan Shaampiyoonsi Liigiis waan taphatuuf Roojersiin gurguruu hin barbaadu. Haa tahu malee, Roojersi Arsenaal galuuf fedhii akak qabu gabaafameera.

Arsenaalis Roojersiin filannoo isaa jalqabaa godhachuu himamaa jira.

Gama biraan Arsenaal Gabri'eel Yesus gurguruu barbaada. gatii taphataa kanaaf barbaadus gara paawondii miliyoona 25tti gadi buusuu ibseera.

Everteen yeroo dheeraaf Gabri'eel Yesus akka barbaadu himamaa ture.

Arsenaal taphataa sarara gidduu Ispoortiing Liisban Moorten Hoolmund mallattesisuuf Maanchister Siitii waliin morkata.

Cheelsii Maark Kukurellaa osoo itti hin qophaa'iin tasa dhabe. Riyaal maadirid gatii dhiyaateef kaffaluun aduu guyyaa tokkoo keessatti Kukurellaa mallattesise.

Dabalataan Enzoo Fernaandez mallattesisuun xiyyeeffannoo isaanii jalqabaa akka tahe himamaa jira.

Joosee Moorinihoon Fernaandeziin Maadiriditti barbaadu. Cheelsiin Yuuroo miliyoona 150 akka taphatichaaf barbaadu himameera.

Dorgommii Piriimer Liigii Hagayya 12 jalqabu dursuun kileboonni Ingilizii garee isaanii jabeeffachuuf hojiitti jiru.