Maatiin Sablee kan jalallee isheetiin gubamuun ajjeefamtee maal jedhu?

Madda suuraa, Yaa'iqoob Nugusee
Sablee Nugusee maatii isheetiif dhala afraffaa akka taate obboleessi ishee angafaa Yaa'iqoob Nugusee BBCtti himeera.
A L I Fulbaana 1976 kan dhalatte Sableen, Yunivarsiitii Dabuub duraaniirraa Biizinas Adiministireesiniitiin eebbifamtee dhaabbilee gara garaa keessa hojjechaa turteetti.
Hanga gaafa lubbuun ishee darbuutti Waajira Muummee Hibirat Baank keessatti kutaa bulchiinsa qabeenya humna namaatti itti gaafatamtuu taatee hojjechaa akka turte obboleessi ishee kun ni dubbata.
Sablee Nugusee A L I Mudde 30, 2014 Sambata halkan keessaa sa'aatii 9 hanga 10 ta'u gidduutti haleellan akka irratti raawwate yaadate obboleessi ishee Yaa'iqoob.
Hiriyyaa ishee dhiiraa waliin ka'umsi waldhabdee isaanii aduu dhiisisee dhufee balbala naaf banuu didde kan jedhu akka ture kan dubbatu Yaa'iqoob, jalqaba fuula ishee keessa furtuudhaan erga dhahee booda ammoo billaadhaan waraane jedha.
Akka obboleessi ishee kun jedhutti, hiriyyaan ishee kun erga billaadhaan waraanee boodas qaama isheerratti saanitaayizarii firfirsuun ibidda itti qabsiisee ishee gube.
Sableen yeroo hospitaala turtetti jecha ishee kana miseensota maatii ishee sadiitti, akkasumas poolisiitti himuu ishee ibsa Yaa'iqoob.
Ekispertii sab-qunnamtii Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa kan taate Tinsaa'ee Taaddele BBCf akka ibsitetti, miidhaan Sablee irratti raawwatame akka ragaa hospitaalaafi maatii isheerraa hubatanitti qaamni ishee dhibba keessaa harka 40 kan ta'u gubateera.
Miidhaan Sablee irratti raawwatame ibidaan gubuu qofa osoo hin taane reebichii akka irratti raawwatameefi billaatiin akka waraanamte maatii isheerraa akka hubatte ibsiteetti Tinsaa'een.
Sableen guyyaa hospitaala galtee kaastee guyyoota sadiif akka of beektu kan dubbatu Yaa'iqoob, isaan booda garuu dhukkubbiin itti hammaachaa dhufnaan dubbachuu akka dadhabde hima.
Sableefi hiriyaan ishee dhiiraa mana amma yakki keessatti raawwatame kana keessa ji'a lamaafi guyyaa kudha shan qofa akka jiraatan kan yaadatu Yaa'iqoob, Sableen qofaa isheetti kireeffattee akka jiraattu malee hiriyyaa ishee dhiiraa waliin akka jiraachaa jirtu maatii isheetti himtee hin beektu jedha.
Kun ammoo erga wantonni hundumtuu toora qabatanii booda beeksisuu amala kanaan dura ittiin beekamtu akka ta'e ibsa.
Sableefi hiriyyaan ishee kun yeroo hangamiif akka waliin jiraatan akka hin beekne kan dubbatu Yaa'iqoob, erga lubbuun ishee darbee guyyoota kudhaniin booda hiriyyaan ishee tokko kanaan durallee jaalalleen ishee kun akka ishee reebee turee isatti himuu dhaga'eera jedha.
Yaa'iqoob Nugusee haleellaan dubartoota irratti raawwatamu umurii, dinadgee, sadarkaan barumsaa kan hin daagessineefi dubartii kam irrattiyyu akka raawwatamu beekamuu akka qabu dubbata.
Haleelaan dubartoota irratti raawwatamu suutaan hammaachaa akka dhufu kaasuun, al-takkaadhaan gara ajjeechaarra gaha jehee hin amanu jedha Yaa'iqoob.
Kanaaf, dubartoonni biroo michuu/jaalallee isaanii waliin haleellaa jalqabaa yoo hubatan maatii abalatee qaama dhimmi ilaallatutti beksisuun barbaachisaa akka ta'e eera.
Sableen haadhaafi abbaa ishee jiraachisaa kan jirtuufi obbolaawwan ishee quxisu ta'aniif fakkaanya turte kan jedhu Yaa'iqoob, fakkii milkaa'inaa isaanii akka taatellee ni dubbata.
Ekispertiin sab-qunnamtii Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa Tinsaa'een namni haleellaa raawwate kun to'annoo poolisii jala oolee dhimmichi mana murtiin ilaalamaa akka jiru ibsiteetti.
Sirna dungoo ibsuu

Madda suuraa, Yaa'iqoob Nugusee
Tinsaa'een Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa keessatti ogeettii miidiyaafi sab-qunnamtiidha.
Waldaan Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa kaleessa dubartii ibiddaan gubattee lubbuun ishee darbe Sablee Nugusee yaadachuudhaaf saganataa qopheessee ture.
Sirna dungoo ibsuu qophaa'e kana irratti maatiin ishee, namoonni ishee waliin hojjetaniifi gaggeessitoonni waldaalee sivilii, akkasumas aanga'oonni ol-aanoo argamuu isaanii Tinsaa'een ibsiteetti.
Sirna shaamaa ibsuu kana qopheessuun kan barbaachiseef dhimmichi xiyyeeffannaa akka argatu taaisuuf, namoonni haqaaf iyyuun kan isaanirra jiru taanaan sagantaawwan akkasii kana qopheessuun barbaachisaa waan ta'eef, akkasumas maatii ishee hiriyyoota ishee akka taanellee agarsiisuuf akka ta'e ibsiti Tinsaa'een.
Dubartootarra haleellaan gosa gara garaa irratti yeroo raawwatamu saba himaaleetiin akka dhaga'aman, akkasumas gara Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartootaa akka qaqqaban yaadachuun, yeroo ammaa kana naannoo Tigraayiin alatti naannolee biyyattii hunda keessatti waajira banatee akka socho'aaa jiru dubbatti.
Walumaagala waajiraaleen tajaajilli seeraa bilisaa keessatti kennaman keessatti haleellawwan hedduu dubaroota irra gahan akka dhufan yaadachuun, miidhaan mana keessaa isaanirra gahee dubartoonni dhufan lakkoofsi isaanii dabalaa jiraachuu dubbatti.
Miidhaa mana keessaa kun haleellaa qaama irratti raawwatamu qofa osoo hin taane bifa baayyee akka qabu kan ibsitu Tinsaa'een, haleellaawwan kunneen ammoo namoota dhiyootiiin kan raawwataman ta'uu dubbatti.
Haleellaan sukkaneessoo akkasii akka hin raawwatamne gochuudhaaf hubannoo hawaasaa cimsuufi jijjiiruudhaaf waldaan kun hojiiwwan gara garaa akka hojjetu kaasuun, waldaaleen biroon dhimmi kun isaan ilaallatus hirmaachuu akka qaban ibsiti Tinsaa'en.
Hawwaasnis qoor-qalbii ijoollee ittiin guddisu, akkasumallee dhaabbileefi qaamoleen seeraa adduma adda isaaniitiin hojiin isaanirraa eegamu jiraachuu dubbatti.
Namoonni haleellaa raawwatan to'annoo jala erga oolfamanii booda adabbiin barsiisaa ta'e akka kennamu gochuun dhimma biroo xiyyeeffannaa barbaadudha jetti Tinsaa'een.















