Dargaggoon shamarree Hayimaanot Badhaadhaa ajjeesuun himatame hidhaan waggaa 21 itti murtaa'e

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Manni murtii olaanaa Federaalaa Itoophiyaa shamarree Hayimaanot Badhaadhaa ajjeesuun dargaggoo himatame, hidhaa cimaa waggaa 21'tin akka adabamu murteesseera.
Waggaa tokkoo fi ji'oota torbaa oliif adeemsa himataa irra kan ture dhimma ajjeechaa shamarree kanaarratti, Manni murtii olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa, dargaggoo Dagginat Warquu irratti murtee kana kan dabarse.
Himatamaan kun qorannoo qorichaa HIV AIDS irratti gaggeessaa jira jechuun xalayaan Gaamoo Goofaa irraa kennameef akka sababa adabbii hir'isiisuf tokkotti akka ilaalameef manni murtii himeera.
Shamarree Hayimaanot Badhaadhaa waggaa tokkoo fi ji'a saddeetiin dura mooraa Yunivarsiitii Finfinnee hospitaalaa Xiqur Ambassaa keessatti osoo kutaa laaboraatoorii keessatti qorannoorra jirtuu haala sukanneessaadhaan ajjeefamte.
Manni murtiis ajjeechaa shamarree kanaa irratti ragaalee namaa fi sanadaa erga qulqulleessaa tureen booda, dargaggoon kuni yakkamaadha jechuun dhadhacha Amajjii 6, baara 2022 ooleen hidhaa waggaa 21'tin akka adabamu murteesse.
Murtii kenname irratti maatiin miidhamtuu maal jedhu?
Abbaan shamarree Hayimaanot Obbo Baadhaadha Fayyisaa murtee kennameen booda yaada BBC'f kennaniin, murtee kennametti akka hin gammadnee fi haqni micayyoo tiyyaa ammalleen hin argamne jedhan.
"Jalqabarratti waraqaan waajjirri barnootaa Gaamoo Gofaa barreessef kan qoricha HIV AIDS guyyaa 14 keessatti fayyisu argate jedhee barreessef suni osoo qoratamee hin mirkanaa'in akka adabbii hir'isuutti qabameef. Namumti qoricha HIV argate biyya kana miti addunyaarrayyuu hin jiru. Kuni xalayaa sobaatu akka ragaatti qabaameef," jedhan.
Gama biraatiin dargaggoo kallattiidhaan ajjeechaa raawwate kanaan alatti, kanneen gocha ajjeechaa kana keessatti shoora qaban biroo sirriitti qoratamee adda bahee haqni hin baaane jedhan Obbo Badhaadhaan.
"Murtiin kenname murtii haqaatii miti. Dargaggeessi kuni Arbaamiinci irraa kallattiidhaan dhufee hospitaala kana kutaa laaboraatoorii seenee kan ajjeeche cancala yakkaa namootni biroo wajjin jiru. Namootni kana keessatti qooda bahan wanti adda bahe hin jiru," jedhan.
Waggaa tokkoo fi ji'oota saddeet guyyaa guyyaadhaan Adaamaa irraa Finfinneetti deddeebi'uun haqni micayyoo tiyyaa akka argamuuf dhama'aa turulleen, dhumarratti murtiin kenname yakka raawwatameen kan wal hin madaallee fi haqa keenya kan hin mul'isnedhas jedhan.
"Murtiin kuni haqa micayyoo tiyyaa hin baaasne. Ani nama umriidhaanis deemee fi sababa du'a intala kiyyaatin dhibee meeqaaf saaxilamedha. Murtiin kunimmoo ittuu numiidhe. Ani humna hin qabu namoonni humna qaban nagargaaranii ol iyyannoodhaan haqni intala kiyyaa akka bahuuf uummanni haa nagargaaru," jedhan Obo Badhaadhan.
















