Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daldalaa Indiyaa haadha warraasaaf mana gamoo jaarraa 17ffaa, Taaj Mahaal, fakkaatu ijaareef
Daldalaan umuriin isaa ganna 52 mana gamoo beekamaa Indiyaa Taaj Mahaal jedhamu fakkaatu haadha warraasaa waggaa 27f waliin jiraateef ijaare.
Namni maqaan isaa Anaand Piraakash Chuksii jedhamu magaalaa Burhaanpur jedhamtu keessattidha gamoo kana kan ijaare.
‘’Kuni kennaa haadha warraa kooti, dabalataan kan magaala kanaafi kan ummataatis,’’ jechuun hime.
Ijaarsi mana kanaa ruppii miiliyoona 20 (doolaara 260,000) fixeera.
Taaj Mahaal gamoo jaarraa 17ffaa magaalaa Indiyaa Agraa jedhamtu keessatti argamu dha.
Gamoon Taaj Mahaal mootii Shah Jahaan jedhamuun haadha warraasaa yeroo daa’ima isaanii 14ffaa deessu lubbuun darbe yaadachuuf ijaare dha.
Gamoon ogummaa guddaadhaan hojjetame jedhamuun jajamu kun hawwata tuuristii gurguddoo Indiyaa kanneen jedhaman keessaati.
Manni gamoo Taaj Mahaal fakkeessuun hojjetame kunis hospitaala dabalatee tajaajiloota garagaraa kan qabu yoo tahu daawwattoota murtaa’oofis banaa ni taha.
Chuksiin, ‘’namoonni ammallee suuraa gaa’ela isaanii asitti ka’uu jalqabaniiru,’’ jedhe.
‘’Magaalli keenya xiqqoo gatii taateef hunduu wal-beeka. Kanaaf manni koo nama hudaaf banaadha, garuu mana keenya gatii taheef yeroo hunda keessummeessuu hin dandeenyu,’’ jedheera.
Manichi mana ciisichaa mummee lama kan darbii adda addaa irra jiran qaba. Mana kitaabaafi kutaa itti sammuu ofii itti boqochuuf itti dhimma bahaanis qaba.
Manichi Taaj Mahaal fakkeenya godhachuun haa ijaaramuyyuu malee guutummaatti akka aadaa Islaamaatti hin ijaaramne. Waan ammayyaa tahanis itti dabalamaniiru jedha.
Ijaarsi mana kanaa waggaa sadii kan fudhate yoo tahu, Chuksiin haadha warraasaa waliin tahuun Taaj Mahaalitti marmaaruun qo’ataniiru.
‘’Fakkii 3D gamoo Taaj Mahaal kana fudhanne. Waan wal-fakkaataa ijaaruuf yaadnuus injinarooti garuu hamma manichaa hir’isan,’’ jedha
Mana Taaj Mahaal fakkaatu ijaaruun kan jalqabaa miti.
Kana dura qondaalli mootummaa sooroma bahan biraanis Kaaba Indiyaatti yaadannoo haadha waarraasaaniif gamoo wal-fakkaataa ijaaraniiru.
Mana ijaarame kana haadha warraasaaf qofa miti kanan ijaare jedha Chuksiin.
Indiyaa amantiifi gita hawaasaan wal qoodaa jirtuudhaaf ‘’jaalala labsuun’’ barbaada jedhe.
‘’Manni kunis mallattoo jaalala sanaati-garaagarummaa hawaasaafi siayaasaan olidha.’’