Wikileaks: Juuliyaan Asaanji mana hidhaa keessatti jaalallee isaa waliin akka wal fuudhaniif eeyyamameef

Maxxanfame

Juuliyaan Asaanji mana hidhaa Belmaarish keessatti jaalallee isaa Isteellaa Mooris waliin akka wal fuudhaniif eeyyamamuufii BBC'n odeeffateera.

Hundeessaan Wikileaks Juuliyaan Asaanjii fi Isteellaa Mooris waliin ijoollee dhiiraa lama qabu.

Akka isheen jettetti ijoollee ishee lameenuu kan ulfooftee deesse yeroo Asaanji imbaasii Ikuwaadoor Landan jiru keessatti koolugaltummaa gaafatee turedha.

Manni hidhichaa akka jedhetti iyyanni Asaanji ''bulchiinsa mana hidhichaan akkuma kana dura barameen ilaalame.''

Aadde Isteellaa PAtti akka himtetti ''dhimma kun mo'ateera, lammaffaa hin gaddu,'' jette.

Itti dabaluun ''kana caalaa gaa'ila keenya gidduu galuun hin jiraatu jedheen abdadha'' jette.

Akka Seera Gaa'ilaa 1983 baheen namootni mana hidhaa keessa jiran bultoo dhaabbachuu danda'u. Kunis eeyyama kan argatan yoo baasii gaa'ila sanaaf barbaachisu hundaa gargaarsa biraa malee of danda'u tahedha.

Gaaffiifi deebii gaazexaa 'Mail on Sunday' jedhamu wajjin bara dabre gaggeessiteen, ogeettiin seeraa Afrikaa Kibbaatti dhalatte Mooris erga bara 2015 as Asaanji waliin jaalalaan turuu fi ergasiis ijoollee isaanii lamaan ofumasheen guddisaa akka jirtu himte.

Viidiyoo chaanaalii YouTube Wikileaks irratti maxxanfame irratti akka himtetti, kan wal baran bara 2011 yeroo garee seeraa isaatti makamtedha.

Itti dabaluun Mooris imbaasii keessa yeroo daheeffatee turetti guyya guyyaan deemtee dubbisaa akka turtee fi ittuma ''Juuliyaan waliin haalaan akka wal baran'' himte.

Lamaan isaanii bara 2015 keessa jaalala keessatti kufan. Waggaa lama booda ammoo wal kaadhimatan.

Mooris akka jettetti Juuliyaan Asaanji ilmaan isaa lameenuu gaafa dhalatan karaa viidiyo ilaalaa ture. Ergasii abbaa isaanii imbaasiitti akka dubbisaa turan himte.

Juuliyaan Asaanji namni amma ganna 50 tahe icciitii Ameerikaa baasuun himatamee dabarfamee akka hin kennamne falmataa jira.

Ragaalee kuma dhibbaan lakkaahaman shira waraanaa Ameerikaa kan Afgaanistaanii fi Iraaq keessaa waliin wal qabatan argachuu fi isas baasee Wikileaks irratti maxxansuun himatamee Ameerikaadhaan barbaadamaa jira.

Maxxansichi viidiyoo bara 2010 bahe yeroo loltootni Ameerikaa Iraaq keessatti helikoopteraan lammiilee nagaa haleeluun ajjeesan agarsiisu fa'a of keessaa qaba.

Lammiin Awustiraaliyaa Asaanji erga bara 2019 as mana hidhaa Belmarsh keessa jira. Imbaasii Ikuwaadoor Landan jiru keessaa poolisiidhaan baafamee haala mirga wabii isaa cabsuudhaan ammoo to'annoo jala oolfame.

Erga bara 2012 imbasii keessa daheeffatee kan ture yoo tahu kunis yakka haleellaa saalaan himatamee harka Iswiidinitt akka hin kennamneef.

Yakka kana irra deddeebiin haalaa turuun dhuma irratti himatichi addaan cite.

Dubbii himaan tajaajila mana hidhaa: ''Iyyanni Aab Asaanji fudhatameera. Akkuma kan sirreeffamtoota kaaniitti bulchaa mana hidhichaan fuudhamee ilaalameefi eeyyamameera,'' jedhe.