Warseessi adii lafarratti hafteefi hormaataaf tajaajilaa turte soorama baate

Maxxanfame

Warseessi maqaan ishee Najin jedhamtu umuriin ishee waggaa 32 ta'e Keeniyaatti sagantaa sanyii warseessa adii addunyaarraa bade baraaruu keessatti haadha hormaataa ta'uun tajaajilaa turte soorama baate.

Saayintistoonni warseessa adii sanyii kaabaa (northern white rhinos) lama kan dhumaa lafarratti hafan keessaa tokko erga sagantaa sanyii bineelda kana baduurraa baraaruuf ittiin hojjechaa turanii booda akka soorama baatu taasisaniiru.

Murteen hanqaaquu Najin irraa fudhachuu dhaabuu kan taasifame "madaallii balaa safuufi naamusaa" kan umurii isheefi dhimmooa biroo ilaalcha keessa galche taasifameen boodadha.

Amma Najinis ta'e intalli ishee Fatuu jedhamtu hanga guyyaa da'umsaatti jabbii warseessaa garaatti baachuu hin danda'an.

Kormaan dhumaa sanyii warseessa kanaa bara 2018 du'e, garuu sanyiin kormaa isaa (sperm) isaa fudhatamee amma akka hanqaaquu dhalaatti makamee dhalee uumuuf ittiin hojjetamaa jira.

Adeemsi hojii kanaa garee hakiimota beeyladaa tokko kan hirmaachise yoo ta'u, malawwan qorannoo baroota dheeraatiin argame fayyadamuun hanqaaquu warseessaa baasuun raawwatama.

Isaan booda hanqaaquuwwan kunneen gara laaboraatoorii hormaataa Xaaliyaan jirutti ergama. Hanqaaquun warseessaa kun ammoo sanyii kormaa (sperm) kormaa kanaan dura warra du'an lamarraa fudhatame waliin ergama.

Hanga ammaatti micireewwan 12 ta'an kan uumaman yoo ta'u, saayintistoonni gadameessa warseessa adii haadhoo sanyii gara kibbaa jiran keessa kaa'u.

Gareen saayintistootaa BioRescue jedhamu sagantaa kana gaggeessu akka jedhetti, hanqaaquu Najin irraa fudhachuu dhaabuu kan murteesse balaa jiraachuu malu erga madaalee ilaalee boodadha.

"Nageenya bineeldaa ilaalcha keessa galchuun tokkoo ishee sagantaa kunuunsanii tursiisuu keessaa sooramaan baasuun gaaffii yeroo dheeraaf irratti yaaduun barbaachisu miti...garuu yeroo tokkoon ishee ammaa guutummaa qabdu keessaa parsantaa 50 qabatu ta'e murtee akkasii taasisuuhaaf si'a baayyee ilaaluu qabda," jedhan dursitoonni garee ogeessota baayladaa Firaank Goriiz fi Isteefen Niguluu.

Altiraasaawondiin akka agarsiisutti, umuriin ishee deemuu isaatiin xannachawwan xixiqqan baayyeen fiixee gadameessaafi gadameessasheerratti, akkasumas dhiitaan bishaan kuusan qabee hanqaaquu gama bitaasheetiin uumamuu agarsiisa.

Haata'u malee, BioRescue akka jedhutti hanqaaquu isheerraa fudhachuun yaa hafuyyu malee qorannoo hundee seeliitiif saamudawwan tishuu dhisuudhaan qaama qorannichaata'uun itti fufti warseessi kun.

"Beekumsa hariiraa hawaasummafi amala ishee dhaloota dhufutti dbarsuuf," ni dabarsiti jedhamee abdatama.

Warseessonni aduu kaabaa sababi adamoo seeraan alaafi mancaatii bakka keessa jiraataniirraa kan ka'een sanyiin isaanii lafarraa baduuf saaxilameera.

Najin tursiisa bineeldaa Cheek jedhamu keessatti dhalatte garuu waggaa kuhaniin booda gara bakka Kunuunsa Ol Pejeta Keeniyaatti argamuu geeffamte. Bakka itti geeffamte kana yeroo ammaa hidhannoon eegamaa jiraatti.