Warseessi jaalallee barbaacha Taayiwaanii gara Jaappaan imalte

Maxxanfame

Warseessi adii waggaa shanii Emaa jedhamtu Taayiwaanii irraa gara Jaappaanitti kan imalte jaalallee barbaacha jedhame.

Emaan erga gara sana imalteen booda dahoo bineensotaa Jaappaan Toobuu keessatti warseessa waggaa 10 Mooraan kan jaalalleeshee jalqabaa ta'e waliin jiraachuu jalqabdeetti.

Warseessota 23 keessaa akka warra kaanii si’ooftuu tahuu didnaan ture kan gara Jaappaanitti ergamte.

Dahoo bineensotaa keessatti yeroo dabarsitu kanattis, yaalii qorannoo lakkoofsa warseessota Eeshiyaa dabaluuf godhamu ni gargaara jedhameera.

Akka Dhaabbanni Wide Fund for Nature (WWF) jedhuutti warseessonni adii warra baduu jala gahan keessaayi. Sanyii isaanii 18,000 qofatu hafeera.

Emaan gaafa Kibxataa ture Paarkii Le’ofoo Taayiwaan irraa ka’uun imala sa’atii 16’n booda kan Jappaan galte.

‘’Sababa koronaavaayirasiitiin Emaan imallishee boodatti harkifatee kan ture yoo tahu, warseessi adiin kun gaafa Waxabajjii 8 Jaappaan geesse,’’ jedhe dahoon Saayitaamaa Toobuu.

‘’Dhuftee kutaa ciisichashee bira yeroo geessu osoo homaa hin soodaatiin kallattiin gara kutaa ciisichaashee deemteetti,’’ jechuun ibseera.

Baatii Bitootessaa keessa imaluu kan qabdu ta'ulleen garuu akkuma namootaa imallishee sababii weerara koronaavaayrasiin harkifate.

Tibba turtii sana keessa ammoo imalasheef qophii biineensi tuun taasisaa turte keessaa jechoota afaan Jaappaanii kan akka ‘koottuu’ fi ‘lakkii’ jedhanii barachaa turte jedhame.

Paarkiin gara Jaappaan ishee erges ulfaatinnishee xiqqoo waan ta'ee geejibuun salphaa ture jedheera.

Dhaabbileen hormaata warseessota kanaa irratti hojjatan, lakkoofsa gosa warreen adii gama kibbaatti dabaluu irratti hojjataa jiru.

Haata'u malee dhaltuuwwan warseessaa kaaba jiran carraa kana hin arganne, sanyii isaanii keessaa lamatu hafe.

Lamman isaaniyyuu dhalaadha. Kana jechuun ammoo, saayintistoonni mala yoo dhawan malee yeroo dhiyoo keessatti baduu danda’u.

Adamoon rakkoo guddaa sanyii warseessaa mudataa jirudhas jedhameera. Daldaltoonni seeraan alaas gaanfi warseessaa kaansarii irraa nama fayyisa jechuu gurguru.