Waliigaltee US-Iraan ammaa kan bara bulchiinsa Obaamaa irraa maaltu adda godha?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidaant Doonaald Tiraamp waraana Israa'el waliin ta'uun Iraanirratti labsii ture xumura itti gochuuf ifatti waliigaltee mallatteessera.

Waliigalteen Wal-hubannoo US-Iraan waliifa mallatteessan qabxii 14 kan qabu yoo ta'u, maaltu waliigalticha keessatti hammatamuu qabaafi hin qabuurratti qeeqi cimaan irratti ka'aa jira.

Waliigaltee kanaafi kan bara buchiinsa Obaamaa Iraan waliin mallatteeffame wal-bira qabuun garaa garummaan guddaan akka hin jirre kan kaasan jiru.

Bara 2015 bulchiinsi Obaamaa marii dippilomaasii Iraan waliin taasiseen gabbisa yuraaniyeemii Iraanitti daangaan akka godhamuufi bakkasaa qoqqobbiin akka irraa ka'u Waliigalteen Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamu Iraan waliin waliif malatteessanii turan.

Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa akkuma dhufeen waliigaltee Obaamaa kana diige.

Waliigalteen US-Iraan ammaa kun hiikoo akkamii akka qabu ilaaluuf BBCn qabiyyee waliigaltee kanaafi kan kana duraa wal-bira qabuun xinxaala kana qopheessera.

Meeshaalee waraanaa

Waliigalteen bara bulchiinsa Obaamaa USfi Iraan irratti waliigalan biyyoota akka Chaayinaa, Raashiyaa, Faransaayi, UK fi Gamtaa Awurooppaa kan of keessatti hammatte ta'ee sagantaa gabbisa nikularaa Iraan irratti qoqqoobbii xiyyeeffate kan kaa'edha.

Sanadi waliigaltee JCPOA bara 2015 mallattaa'e, kuufamni yuraaniyaamii Iraan 300kg akka hin dabarre kan dhorkuufi Tehraan waggaa 15 keessatti yuraaniyeemii parsantaa 3.6 ol akka hin gabbisne kan daangessu ture.

Gabbisni yuraaniyeemii parsantaa 3.6 boombii nikularaa omishuuf kan gahu miti; garuummoo anniisaa elektirkii maddisiisuu kan danda'uudha.

Waliigalteen bara Obaamaa kun ejansiin UN anniisaa atomikii to'atu, International Atomic Energy Agency (IAEA), Iraan akkaataa waliigaltichaan nikulara gabbisuushee akka to'atu kan hayyamu ture.

Ejansiin UN hanga bara 2018 Tiraamp dhufee US waliigaltee JCPOA keessaa akka baatu godhuutti, Iraan waliigaltee nikularaa kabajaa akka turte ibse. Tiraamp waliigaltee US bara bulchiinsa Obaamaa Iraan waliin waliigalte keessaa akka baatu gochuusaa hordofee Iraan yuraaniyeemii gabbisuu itti fufte.

Qondaalonni US akka jedhanitti, Guraandhala 28, 2026 yeroo USfi Israa'el duula waraanaa banan, Iraanyuraaniyeemii gabbate 440kg ykn parsantaa 60 gabbate qabdi.

Kuni ammoo saffisaan gara parsantaa 90 kan boombii nikularaa omishuuf oolutti guddachuu danda'a.

Waliigaltee wal-hubannoo amma US-Iraan waliigalan irratti Iraan "meeshaa waraanaa nikularaa akka hin omishne irra deebiin waadaa galteetti" kan jedhu taa'ee jira. Garuu bal'inni isaa waliigalticha irratti hin ibsamne.

Waliigaltee waggootan dura USfi Iraan waliif mallatteessan, JCPOA, irrattis waanuma wal-fakaatatu taa'e: "Iraan haala kam keessattuu meeshaalee nikularii gabbisuuf yaaduu, gabbisuu ykn hidhachuu akka hin dandeessu," jedha waliigalteen bara bulchiinsa Obaamaa.

Waliigaltee ammaa keessattis dhimma gabbisa yuraaniyeemii marii qaaman wal-arganii mariyachuuf jiran keessatti akka irratti dubbatan waliigaluu ibsa. Kuni kan akeeku akkuma bara bulchiinsa Obaamaa gabbisa yuraaniyeemii Iraanitti daangaa gochuun akka hin oolledha.

Garuu yuraaniyeem gabbatee amma Iraan harka jiru akka achii fuudhamu Tiraamp irra deddeebin dubbata.

Waliigalteen bara 2015 bulchiinsi Obaamaafi Iraan irratti waliigalanii ture, marii waggaa lamaa booda kan milkaa'edha. Akkaataa waliigaltee wal-hubannoo US-Iraan ammaa kanaan garuu guyyoota 60 keessatti biyyoonni lamaan dhimma nikularaa Iraan irratti dubbatanii waliigalteerra akka gahantu ibsame.

Tiraamp gaafa waraana Iraanirratti labsu kaayyoonsaa "misaa'eloota Iraan mancaasufi dandeettii misaa'eloota haaraa omishuu Iraan haleeluu" akka ta'e ibsee ture.

Haa ta'u garuu sanada waliigaltee US-Iraan ammaa keessatti waa'een misaa'ela Iraan hin ibsamne.

Inumaayyuu Iraan misaa'eloota kana muraasa yoo hidhatte rakkoo akka hin qabne dubbate Tiraamp.

Bara 2018 yeroo US waliigaltee JCPOA keessaa akka baatu godhu, sababni Tiraamp dhiyeessee ture, Iraan fedhii nikulara hidhachuu qabdi jechuu qofa osoo hin taane Iraan misaa'eloota bilaastikii gabbisuunshee yaaddoo ta'uu kaasee ture.

Maallaqa

Bulchiinsi Obaamaa bara 2015 yeroo Iraan waliin waliigaltee mallatteessu, Iraaniif maallaqa kiisidhaa kaffaleef osoo hin taane, qoqqoobbiin akka irraa ka'uufi Iraan maallaqashee jalaa uggurame hamma tokko akka argattu hayyameef.

Guraandhala 28 USfi Israa'el waliin ta'uun waraana osoo irratti hin banin dura qoqqobbiin USfi biyyoonni kaan Iraanirra kaa'anii ture diinagdee biyyattii akkaan miidhee ture.

Inumaayyuu sababa kufaatii diinagdeen guutummaa Iraan keessatti mormiin uummataa cimaan torbanootaaf gaggeeffamaa ture.

Keessumaa qoqqobbiin US boba'aa Iraanirra keesse, biyyattiin boba'aa omishtu gabaa addunyaarratti bilisaan akka hin gurgurre dhiibbaa guddaa irraan gahee ture.

Waliigaltee bulchiinsi Tiraamp amma mallatteesse keessatti garuu US qoqqoobbii Iraanirra keesse hunda akka irraa kaastu eera. Kana jechuun Iraan boba'aashee duraan qoqqobbii US jala ture dhorkaa malee gabaaf dhiyeeffatti jechuudha.

Dabalataanis, US fi biyyoonni Galoo Galaanaa Iraan deebisanii ijaarufi misoomsuf kan oolu dolaara biliyeena 300 akka kennaniif waliigaltee Tiraamp mallatteesse kana keessatti ibsameera.

Dooniwwan daldalaa

Waraanni kun osoo hin eegalin dura dooniwwan daldalaa boba'aa, gaazii uumamaa, xaa'oofi meeshaalee daldalaa garaa garaa fe'an waggoota hedduuf nagaadhumaan Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa turan.

Waliigaltee bara 2015 bulchiinsi Obaamaa Iraan waliin mallatteesse, Waliigaltee JCPOA, keessatti waa'een Ulaa Hormuuz tasumaa hin kaane ture.

Inumaayyuu guyyaatti giddu galeessan dooniwwan daldalaa 95 Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa ragaan Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) maxxanse ni agarsiisa.

Erga waraanni Guraandhala 28 eegalee garuu Iraan ulaa kana cufuurraa kan ka'e, akkasumas US dooniwwan buufataalee Iraan akka hin seennefi hin baane ugguruu irraa kan ka'e, guyyaatti giddu galeessan dooniwwan jaha qofaan darbaa akka turan ragaaleen ni agarsiisu.

Waliigaltee wal-hubannaa kanaan US uggura galaanaa Iraanirra keesse kaasuu ibsameera. Iraanis, guyyoota 60 itti aananiif dooniwwan irraa qaraxa osoo hin sassaabin akka qaxxaamuran akka hayyamtu ibsameera.

Iraan gara fuulduraatti Omaan waliin ta'uun Ulaan Hormuuz akkamitti buluu akka qabdu irratti akka mariyatanis ni ibsa.

Iraan gamasheen Ulaan Hormuuz kana booda akka kana duraatti akka itti hin fufneefi dooniwwan achirra darban akka to'attuufi qaraxa irraa sassaabdu irra deddeebiin ibsaa turte.

US immoo Iraan dooniwwan achirra qaxxaamuranirraa gibira sassaabuu akka hin qabne dubbattus, waliigalticha keessatti kuni hin ibsamne.

Kuni ammoo humna diinagdee Iraan cimsuu qofaa osoo hin taane, Ulaa Hormuuz irratti olaantummaan to'annaa akka gaggeessitu irree cimsaaf.