Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ramaddiin tapha Piriimer Liigii 2026-27 bahe, Arsenaal Koovantarii waliin taphata
Shaampiyoonaan 2025-26 Arsenaal bara kana kan ol guddate Koovantarii Siitii waliin tokko jedhee morkii isaa eegala.
Taphni Piriimer Liigii Ingilizii bara 2026-27 Hagayya 21 jalqaba. Koovantariin waggaa 25 booda gara Piriimer Liigiitti deebi'e.
Arsenaal ammoo erga bara 2004 as yeroo jalqabaaf waancaa Piriimer Liigii mo'ate.
Kilebni biraa Piriimer Liigiitti guddate Haal Siitiin Maanchister Yuunaayitid waliin morkata.
Ipsiich Taawon ammoo bara darbe ol guddachuun hirmaannaa Awurooppaa Liigii kan argate Sanderlaand waliin taphata.
Waggaa 10 booda Peep Gaardiyoolaa malee dorgommii kan jalqabu Maanchister Siitiin Barnimooz waliin morkata.
Barnimooz akkuma Maan Siitii leenjisaa isaa Andoonii Iraayoolaa dhabeera.
Bakka isaa Maarkoo Rooz Barnimooz Maanchister Siitiin ammoo Eenzoo Maareshkaadhaan leenji'a.
Araayoolaan leenjisaa Liiverpuul tahuun bakka Arnee Isloot bu'eera.
Cheelsiin Zhaavii Aloonsoo qacareera. Fuulhaam bakka Maarkoo Silvaa ammayyuu leenjisaa haaraa hin qacarre.
Ramaddii torban jalqabaa guutuu
Taphoota torban jalqabaa
Jimaata Hagayya, 21
Arsenaal v Koovantarii
Sanbata, Hagayya, 22
Haal Siitii v Maanchister Yuunaayitid
Everteen v Kiristaal Paalaas
Ipsiwich v Sandarlaand
Nottingiham Foorest v Liidsi Yuunaayitid
Birentford v Totenhaam
Dilbata, 23
Biraayitan v Astoon Viilaa
Manchester Siitii v Baarnimooz
Newkaasil v Liiverpuul
Dilbata 24,
Fuulham v Cheelsii
Taphni jalqabaa Hagayya 21 kan jalqabu yoo tahu, Waancaa Addunyaa Ameerikaa xumuramee guyyaa 34 booda eegala.
Kan xumuramu ammoo Dilbata Caamsaa 30, 2027, Waancaan Shaampiyoonsi Liigii ammoo isaan booda guyyaa jaha booda xumurama.
Sababa Waancaa Addunyaatiin guyyaa Piriimer Liigiin itti jalqabuu fi xumuramu achi siiqeera.
Torban 33 kan taphatamu yoo tahu, taphoonni hafan shanan kaan ammoo guyyaa idilieerra torban gidduutti taphatamu.
Rikardii kan tahekileboonni Piriimer Liigii sagal dorgommii Awurooppaaf darbaniiru.
Arsenaal, Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitid, Astoon Viilaa fi Liiverpuul Shaampiyoonsi Liigii keessatti dorgomu.
Barnimooz, Sanderlaand fi Kiristaal Paalaas Awurooppaa Liigii keessatti hirmaatu.
Biraayitan ammoo Konfiraansii Awurooppaa keessatti dorgoma.
Yeroo Ayyaana Qillee fi Waggaa Haaraa kilebni tokko garaagarummaa sa'a 60 gadi taphoota lama walitti aansee hin taphatu.
Seerri rifeensa taphataa qabanii kaardii diimaa kennamu ni jijjiirama. Murteessaan gochaan sun tasa mudatemoo tahe jedhee qabee harkise kan jedhu sirriitti ilaalee qofa tarkaanfii fudhata malee akka bara darbee kallatumaan kaardii diimaa hin kennu.
Karra eegaan miidhame jedhee yoo yaala argatu taphattoonni kaan gara leenjisaa dhaquun gorsa fudhachaa kan turan bara dorgommii haaraa kanatti ni hafa.
Yoo karra eegaan yeroo gubuuf dafee tapha jalqabsiisuu dide murteessaan sekendii shan irraa gadi lakkaa'uu jalqaba.
Sana gidduutti hin jalqabamne taanaan rukuttaan koornaa garee fallaaf kennama.