Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti gurbaan lukkuusaa dhukkubsatte hospitaala geessee ijoo dubbii ta'e kennaa argate
Gurbaan ol adeemaa maqaan isaa Maarqos Abbaayyee jedhamuufi lukkuun isaa tibba kana ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta'aniiru.
Maarqos baadiyyaatti guddate. Namni isa guddisu Obbo Qalamawarq Amoonyee barnoota fooyyee qabu akka argatuuf jecha godina Goojjam Lixaatti kan argamtu gara magaalaa Danbacaatti erge.
Gara magaalaa yeroo deemetti, lukkuu/handaaqqoo maatiin isaa kennaniif fudhatee deeme ture. Lukkuun kun ammoo akka tasaa jalaa dhukkubsatte.
Carraaqqii inni ishee fayyisuuf taasise milkaa'uu didee jennaan dhumarratti gara hospitaalaa geeffate.
"Kurruufaa bultee mana hakiimii geessi jedhameen hospitaala geesse. Achitti ammoo 'hospitaala namaati, as hin jiru' naan jedhan,'' jechuun waan isa mudate hima Maarqos.
Ol adeemaan kun handaaqqoo isaa dhukkubsatte baadhatee gara hospitaalaatti kan qajeele torban lama dura ture.
Narsiin Hospitaala Sadarkaa Tokkoffaa Danbacaa Umar Caannee gurbaa ol adeemaa kana yeroo ilaaletti dura kan isatti mul'ate gaarummaa isaa akka ta'e dubbata.
Umar osoo bakka hojiitii gara manaa deemuuf jechaa jiruuti Maarqosiin kan arge.
"Lukkuun isaa jalaa dhukkubsattee jennaan gara hospitaalaa fidee dhufe. Mana hakiimaa ta'uu isaa qofa kan hubate. Akkuma inni gara hospitaalaa dhufeen namoonni baayyeen itti kolfuuf yaalaa turan" jedha.
Umar narsii waan ta'eef "garraamummaa gurbaa kanaa fuula isaarraa hubachuu akka danda'e" dubbata.
Garraamummaan isaa waan isatti toleef waa'ee handaanqoo isaa gaaffii tokko tokko gaafachaa viidiyoo waraabuun TikTok irratti qoode.
"Namnillee garraamummaa isaa ilaaluun baayyee jaallatamaa ta'e."
Handaanqqottii fooxaan hammatee gara laafummaan qabatee yeroo arganitti waa'ee lukkuu isaa kanaa yaadda'aa jiraachuu hubachuun kabajaafi xiyyeeffannaa kennuufiin tasgabbeessuu akka yaale dubbata.
"Dhukkubsachuu isheetiin baayyee gaddeera. Fuula isaarra yaaddootu jira. Miira sana keessa ta'eeti kan natti dubbate."
Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame sanarratti narsichi waa'ee lukkuu kanaa Maarqosiin yeroo gaafatu "Kurruufaa jirti... achi deemii wallaansisi naan jedhan... Har'adha kan kurruufaa bulte... Hirriba hin raftu," jechuun deebisa.
Narsiin kun hospitaalichi wallaansa fayyaa kan kennu namootaaf akka ta'e hubachiisuun gara mana hakiima horii deemuu akka qabu itti hime.
Maarqosillee lukkuu isaa kana qabatee gara mana hakiima horii akka deemu itti himamuu ibsa. Amma handaanqoon isaa kun akka "fooyyoofte" dubbata.
Namni gurbaa kana guddifatu Obbo Qalamawarq "wanti uumame baayyee kan nama ajaa'ibudha. Akka abjuufi mul'ataatti natti mul'ate," jedha.
Ol adeemaan kun baadiyaa bakka jiraachaa turerraa akka barnoota argatuuf dhiyeenya akka fidee dhufe dubbata. Innis lukkuu isaa qabadheen deema jedhe.
Lukkuun isaa kun yeroo baadiyyaa turettis jalaa dhukkubsattee turte. Fayyisee qabatee erga gara magaalaa dhufee booda irra deebiin jalaa dhukkubsatte.
Irra deebiin yeroo jalaa dhukkubsatetti barnootallee dhiisee lukkuu kana kunuunsuu itti fufe.
Magaalaa deemee lukkuu kana ogeessota bira geessus akka fayyuu diddee turte dubbata.
"Lukkuun kiyya naaf fayyuu didde jechuun gaddee barnootas, nyaatas addaan kute."
Furmaata ta'a jedhee kan yaades, lukkuu isaa kana gara hospitaalaa geessuudha.
"Hospitaala yeroo jedhame inni kan yaadu kan namootas, beeyladas kan wallaanu godhee yaade. Hunda wallaananii fayyisuu kan danda'an itti fakkaate," jedha.
Lukkuun kiyya na jalaa dhukkubsatteetti jechuun kallattiin hospitaala geessee fayyisuun qaba jedhee hospitaala geesse.
Kun yeroo ta'u maatiin hin barre ture.
"Nuti hin dhageenye ture. Yeroo fudhates eessa akka geesse hin beeknu ture. Guyyaa sadii hanga afurii tureeti kan miidiyaarraa dhageenye," jedha Obbo Qalamawarq.
Lukkuun kun maatii isaarraa "akka mana ba'iitti" akka kennamteef dubbata.
"Yeroo lukkuu kaan waliin wal argitus kan ishee nyaatan itti fakkaata. Baayyee ishee jaallata."
Yeroo baadiyyaa jiru lukkuu kana qofa osoo hin taane beeyladoota kaanillee ni kunuunsa ture. Yeroo dhihuttillee lukkuu namoota ollaa ta'anillee ni galcha.
Yeroo tokko lukkuun warra ollaa dhukkubsattee kuftee jennaan geessee akka kenneef yaadata.
"Isaan duuteetti jedhanii gatanillee lubbuun keessa osoo jiruu argee kenneef."
Lukkuu kan isaas "humnaa ol jaallata" jedha.
Nyaata isaaf kennamerraa hir'isee, sukkuumee, harkaan qabatee ykn qodaarra godhee nyaachisa.
Yeroo baayyee dhimmee xiyyeeffanaan ilaala. Gara isheen deemtu ilaala.
Akka isheen hin kufneef boolla durashee jiru jalaa duucha. Daangaa ta'e caalaa fagaattee akka hin deemne ishee tiksa. Lukkuuwwan kaan waliinis akka wal hin argine "akka ishee dhorku" dubbata.
"Ija isaa duraa hin dhabamtu. Qalbiin isaa kan jiru barnootaafi lukkuu isaarradha. Barnootasaarratti akka xiyyeeffatuuf qalbii kee lukkuu keerraa kaasin ittiin jedha ture.
Maarqos lukkuu qabatee gara hospitaalaa deemeen miidiyaa hawaasaarratti beekamaa ta'uurra darbee lukkuuwwan 100 qallaba isaanii waliin akka kennamuuf waadaa galameeraaf.
Viidiyoon isaa kun erga miidiyaa hawaasaarratti qoodameen booda hormaata lukkuurratti kan hojjetu 'Trust Agro Consulting' lukkuuwwan 100 akka kennuuf beeksiseera.
Hundeessaafi hoji-gaggeessaan itti aanaa dhaabbatichaa Dr. Abuunuu Andaargee guyyaa sadiif bakki turtiifi qallaba danda'uun leenjii akka argatuufi waraqaan ragaa akka kennamuuf ni taasifama jedheera.
Sirna nyaataa lukkuufi amala isaanii dabalatee waa'ee beeyladaa hubannoo fooyyaa'aa akka argatu gochuu akka fedhan himeera.
Dr. Abuunuun, lukkuun "dhala namaa waliin waliigalanii jiraachuuf kan uumamanidha," jechuun dubbata.
"Isaanitti dhiyaannaan, haala nama ajaa'ibuun lukkuun bashannanuu danda'u. Waan dubbatan dhaga'uu ni danda'u. Deebii kennuus ni danda'u. Hanguma itti dhiyaatanii kunuunsan buphaa/hanqaabuu isaanii, akkasumas omisha isaanii kennuu danda'u. Akkuma dhala namaa itti dhiyaachuu kan barbaadaniifi dhala namaa waliin jiraachuuf kan uumamanidha," jedha.