Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin bishaan jalaa US 'wanta hin beekamnetti' bu’ee yabaltoonni miidhaman
Dooniin niiwkilaraa Ameerikaa bishaan jala deemu (submarine), Galaana Kibba Chaayinaatti wayita bishaan jala deemuu ‘waanta hin beekamnetti’ bu’uun yabaltoonni miidhaman.
Yabaltoonni 15 tahanis miidhamni salphaa irra gaheera jedhame. Akka qondaalonni US jedhanitti dooniin USS Connecticut jedhamu kuni gaafa Sanbataa ture ‘waanta hin beekamne’ sanatti kan bu’e.
Sababiin maaltu akka itti bu’u taasise jedhus hamma yoonaa hin baramne.
Dubbi-himaan Waraana Galaanarraa US, doonichi amma gara daangaa Ameerikaatti deemaa jira jedhan.
''Sochiin niiwkilaraaa USS Connecticut's mudaannoo kanaan dhiibba irratti hin taane,’’ tahus hammi miidhaa doonii kanarratti gahe ammallee qoratamaa jira jedhan.
Dooniin USS Connecticut jedhamu kuni naannoo bishaanii falmisiisaa jedhamu keessatti hojjechaa ture.
Chaayinaan qaama bishaanii Galaana Kibba Chaayinaa kan kooti jetti. Biyyooti naannichaafi Ameerikaan garuu kanatti walii hin galan.
Fiilippiins, Birunaayi, Maaleezyiyaa, Taayiwaaniifi Veetnaam; Chaayinaan qaamni galaanichaa guutummaan kan kooti jechuu ishee hin fudhatan, muddamnis waggoota dhiyoon as dabaleera.
Ameerikaan immoo lola daangaa kanarratti biyyoota kunneen deeggarti.
US, UK fi Awustiraaliyaan dhimma Eeshiyaa-Paasfik faallaa Chaayinaa dhaabbachuuf waliigaltee seena-qabeessa taasisaniin booda mudate dhimmi kuni.