Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi Garba Paasfiik keessa bu'e sa'aatii 14f 'balfatti rarra'uun' lubbuun oole
Yabalaan dooniirraa kufee garba keessa bu’e ''balfa bishaanicha keessaa fagootti arge qabateeti of baraare,’’ jedhe ilmisaa.
Vidam Perevertilov erga doonii fe’insa mi’aa irraa kufee kaasee sa’atii 14 garba Paasfiik keessatti dabarseera.
Namni ganna 52 kuni jaakkeettii lubbuu baraaru hin uffanne ture, garuu bishaan keessaa huuba gurraacha wayii kiloomeetira fagoorraa argeeti lubbuusaa oolchuuf itti daakee deeme.
Yeroo bira gahu meeshaa ittiin qurxummii kiyyeessantu bololi’aa ture, hamma bishaanicha keessaa bahutti isa qabateeti daakaa ture.
''Yeroo achii bahee isa argine nama dulloomaa ganna 72 fakkaatee ture, dadhabus garuu hafuurri keessa ture, jechuun Maaraat ilmisaa marsariitii oduu Niiw Ziilaand’tti hime.
Perevertilovlammii Luutiiniyaa yoo tahu injinara dhaabbata Siilvar Sappoortar jedhamuu keessatti dhiyeessii miyaa buufata doonii Niiw Ziilaand Taawuraangaa fi daangaa Biriiteen addaa Piitkreen gidduu deddeebisu keessa hojjeta.
Geeddarumsi motoraa kutaa yaa’a boba’aatti taasifame qaamnisaa akkatti bulluquu fi mataan akka isa jaanja’u godhe jedhe ilmi nama kanaa. Kanumaaf qilleensa gahaa argachuuf gara iddoo banaa doonichaatti deeme.
Akkaataa abbaansaa itti of baraare kan galmeessee qabu ilmisaa kuni gara iddoo sanaatti deemuusaa ijaa hin yaadanneef yeroos gaggabeera taha jedhe.
Namni kuni dooniirraa kufuufi dooniin isa dhiisee deemuusaa hin yaadatu.
Hanga aduun baatutti bololi’ee turuuf yaaluun yaabalaan kuni huuba gurraacha wayii arge sanatti gara bishaanicha daakuu jalqabe.
''Waan tokkottiyyuu gad-hordamee hin turre. Balfuma galaana keessaati,'' jedhe Maaraat kiyyeessituu qurxummii kanaan.
Hojjettoonni doonichaa injinariin isaanii akka hin jirre yoo baran sa’atiin 6 darbeera, sana booda kaappiteeniin doonii ofirra naannesse.
Perveertiiloov kana booda doonisaa fagootti argee, harka mirmirsaa of agarsiisuu yaale. Haala ajaa’iba jedhamuun imaltoota keessaa tokko sagalee dadhabaa namaa kanaa dhagahe.
Boodarra harkasaa gargaarsaa arganii yabalaa kana nagaan isa baasan.
''Of oolchuuf murannoo inni qabu adda…. otoo ana tahee takkaattiin liqimfama ture, inni garuu yeroo hunda jabeenyaa fi fayyaasaa eeggata kanaafi irraa hafuus danda’e,’’ jedhe Maaraat.