Dhuguma manaa hojjachuun ogummaa dagaagfachuuf gargaaraa?

Maxxanfame

Elenaa Gormaan wayita hojiishee geeddarachuuf carraa argatteetti isa manaa hojjatamu ariitiidhaan simatte.

Dhaabbanni isheen duraan bira hojjataa turte akka mucaashee dhiheenya deessee kunuunsaa hojjattuuf haala hojii mijatuu kennuuf hindandeenye ture.

UK nannoo Durhaam keessa jiraattu Elenaan, ammaan tana hojii dhaabbata biraa keessatti jaalataa turte hojjachaa jirti.

''Gaheen kiyya haaraan baayyee gaariidha. Waanan hojjachuun barbaadu hordofaan jira,'' jechuun BBC'tti himte.

"Manaa hojjachuutti kan argadhe dhugaatti gaariidha. Mucaa kiyya waggaa jahaatiif kunuunsituu argachuu hin hin dandeenye. Kanaafuu isa mana barnootaa geessuufi deebiisuun manaa hojjachuun barbaade.

"Kanaan alatti, boqonnaa dahumsaatiin alatti gara hojiitti deebi'uu kiyya hinbeekun ture.''

Akka qorannoo BBCtti, dubartoonni harka wallakaan olii (%56) ta'an manaa hojjachuun, ogummaa hojii isaaniitiin akka dagaagan yaadu. Kunis akka daa'imasaanii kunuunsanii fi waan hojiisaanii guyyaa guutuutti danqaa ta'an akka furanii ni gargaara waan ta'eefiidha.

Waliigalatti, hoggantoonni parsantaa 65 ta'anis dubartoonni manaa hojjachuunsaanii akka ogummaasaanii cimfachuuf isaan gargaaru himu.

Haata'u malee, harki nuusni dubartoota YouGov'n gaafataman ammoo manaa hojjachuun oguummaasaanii hingargaaru jedhu.

Elenaan amma gita hojii amma manaa hojjattuuf kan duraa irra gadaanaatu kanfalamaaf.

Odeeffannoo Waajjira Istaastiksii Biyyaaleessaa (ONS) irraa argamee akka mul'isetti, dubartoonni tibba uggura weerara koovidiitti, dhiiroota caalaa guyyaatti itti gaafatamummaa kunuunsa daa'imaa harka lama sadii baatan.

Amajjii 13 - Guraandhala 7, 2021tti dubartoonni ijoolleen umuriin manneen barnootaa qaban %67 warra dhiiraa (%52) caalaa ofiin mana keessatti barsiisaa turan.

Dubartoota 1,684 YouGovn gaafataman keessaa, baayyeen manaa hojjachuu ogummaa hojii guddifachuuf ni gargaara jedhanii amanan kanneen umuriin isaanii waggaa 18 fi 24 (%65) jidduutti argamaniifi dubartoota Landan (%61) ta'aniidha.

Iskootilaandi irraa garuu dubartoota harka 49 ta'aniitu amantaa walfakkaatu qaba.

Irra caalli gosa hojii tibba weeraraa manaa hojjataa turan kanneen hojii ogummaa qabaniidha.

Gosti hojiiwwan ogummaa olaanaa fi muxannoo baayyee barbaadan, kanneen harkaan hojjataman caalaa carraa manaa hojjachuu kennuu danda'u.

Fulbaana keessa mootummaan UK mindeessitoonni hojjattoota haaraa isaanitiif haala hojii geeddaramu (jechuun manaafi waajjiira irraa hojjachuun danda'amu) akka mijeessaniif gaafatee ture.

Kileer Mikaartnii gorsituun olaantuun Imaammataa qabeenya humna namaa dhaabbata CIPD, manaa ''hojjachuun dhuguma bu'aalee qaba'' jetti.

''Keessattuu dubartoota itti gaafatamummaa daa'imman baayyee kunuunsuu qabaniiif bu'aa dhugaa qaba manaa hojjachuun,'' jette.

"Namoonni manaa fi haala hojii gegeeddaramaa ta'een hojjatan, sababii qaamaan bakka hojiitti hinargamneef waan bu'aa dhabaniitti yaadu hinqabaatan.

"Hojjattoota hundaafuu garaagarummaa saalaa tokkoo malee wal qixaan mijeeffamuu qabaata,'' jechuun yaada ishee xumurte.