Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhabbanni Google hojjatoota manaa hojjataan irraa mindaa hir’isuu danda’a
Hojjattoonni dhaabbata Google, US keessatti kanneen dhaabbataan manaa hojjachuu filatan irraa mindaan hir’achu akka danda’u beekisse.
Dhaabbanni teeknoolojii guddichi kun, mala midhaawwan hojjatoonni fageenyarraa ykn waajjira deemuun hajjachuun qabaatu ittiin madaalu uumeera.
Hojjatoonni fageenyarraa hojjattan tokko tokko, keessumaa kanneen lafa hojii fi manarraa fageenya gabaabaa fagaatanii jiraatan, osoo mana hin jijjiriin mindaan isaanii hir’achu danda’a.
Dhaabatichi ammatti kana UK keessatti hojiirra olchuuf karoora hin qabu.
Hojjattoonni dhaabbilee hedduu yeroo weerara koronaavaayirasi kanaatti manaa hojjachuun filannoo foyya’aa akka ta’e baraniiru.
Dhaabbileen hedduu yeroo weerarri koronaavayirasii hir’isaa deemutti hojjattoonni isaanii akkamiin hojii isaanii akka hojjatan irratti ammumaan mala barbaadaa jiru.
Dhaabbileen teeknoolojii, kan gariin isaanii hojjattoonni gara waajjiraatti akka deebi’an barbaada, mala miindaa hojjettoota isaanii itti geeddaran barbaadaa jiru.
Microsoft, Facebook fi Twitter dabalatee dhabbileen teeknolojii gurguddoo biroo hojjatoota isaanii manaa hojjatan kana bakki jireenyaa isaanii qaalii hin taane irraa miindaa hir’isuuf gaafataniiru.
Dhabbileen teeknoolojii xixiqqoo kan akka Reddit fi Zillow garuu hojjattoonni isaanii eessayyu yoo hojjatan miindaa isaanii akka hin geeddarre ibsaniiru.
Dubbi himaan Google “bakka hojjattoonni irraa hojii hojjatan irratti hunda’uun gabaa jiru caalaa hojjattoota keenyaaf kaffalla,” jedhan.
Hojjataan Google tokko, kan Siyaatil keessa hojjatu garuu sa’aatii lama imalee kan hojii deemu, yoo guutummaatti manaa hojjachuuf murteessan miindaa isaanii irraa %10 akka hir’ifamu Reuters’tti himeera.
“Gattiin nurraa cituu hanga dhiyeenya yeroon sadarkaa olaanaatti ol guddadhee hamma miindaa naaf dabalameedha. Kanan cimee hojjedhee ol guddadhe akka deebi’ee miindaankoo narraa cituuf mit,” jedha.
Hojjataan Google biraa Konneetikat jiruufi wajjirra Niiwu Yoork irraa imala baaburaa sa’atii tokko fagaatee jiru, manaa yoo hojii itti fufan miindaa isaanii irraa %15 ni hir’ifama, akkasumas nannoole Siyaatil, Boostan fi Saan Firaansiskoo kanneen jiraniif ammoo adda addummaan isaa gara %5 fi %10dha.
Hojjatoonni magalaa wajjirri isaanii keessa jiru keessa jiraachaa manaa hojjachuuf yoo filatan Google mindaa isaanii hin hir’isu.
Dhabbileen Teeknoolojii US kan akka Cisco mala hojii haaraa kan yeroo hangamiin hojjataan waajjira seenuu qabu irratti seeraa murta’aa hin keenye hojiirra olchaniiru.
Cisco’n hojjatoota isaa keessa hangi tokko torban keessatti guyyaa sadii ykn lamaaf waajjira seenuu ni filatu jedhee tilamaama.
Dhaabbileen biroo kan akka Goldman Sachs garuu hojjattoonni isaanii wajjiratti akka deebi’an barbaadu.