Xiyyaara Beelaarus: 'Paayileetichi Minisk qubachuu malee filannoo biraa hin qabu ture' - Hogganaan 'Ryanair'

Xiyyaara Ryanair

Madda suuraa, HO VIA EPA

Maxxanfame

Paayiteetiin xiyyaaraa kallattii akka jijjiiratu godhamuun gaazixeessaa garee mormitootaa akka hidhamu taasise yeroo sanatti Minisk qubachuu malee filannoo hin qabu ture jedhame.

Yoo gara duraan itti balali'uuf ka'e Luutiniyaatti balalii itti fufe boombiin dho'uu akka danda'u akeekkachifamuusaa Hoggaanaa Daandii Qilleensaa 'Ryanair' himaniiru.

Maayikil O'Liyaarii akka himetti, balaliisaan xiyyaarichaa daandii xiyyaara irraa gorsa fudhachuu barbaadee ture. Haata'u malee, 'Ryanair' bilbila hin kaasuu yaada jedhu hojjattoonni kan itti himan.

Aab Maayikil O'Liyaarii ta'iin sun ''itti yaadamee ykn duraan karoorfamee seerri aviyeeshiinii cabe'' jedhee qeeqe.

Beelaruus garuu xiyyaarichi akka qubatu dirqamsiisuu haalte.

Gaazixeessaan Roomaan Pirotasevichi jedhamuufi jaalalleen isaa Soofiyaa Sapegaa, battaluma xiyyaarichi magaalaa guddoo Beelaruus Minisk qubateen hidhamaniiru.

Laman isaanii amma mana hidhaa keessa jiru.

Xiyyaarri 'Ryanair flight FR4978' ta'e magaalaa guddoo Giriik irraa gara Vilniyus, Luutiniyaatti Caamsaa 23, bara 2021 balaliirra kan turte yoo ta'u, daangaa Luutiniyaatti erga dhiyaatee km10 ta'u qofti hafee kallattii balalii jijjirrachuuf dirqame.

Gocha kana biyyoonni akka UK, Gamtaa Awurooppaafi biyyoonni lixaa biroonis balaaleffataniiru.

Biyyoonni kunneen xiyyaaronni Beelaruus buufataalee xiyyaaraasaanii akka hin qubanne dhorkuufi xiyyaaronni isaaniis daangaa qilleensaa Beelaruus akka hin seenne dhowwan.

O'Liyaariin Kibxata kana ta'ii xiyyaarichi akka kallattii jijjirratuuf ka'uumsa ta'an Koree Paarlaamaa Biriitishitti bal'inaan himaniiru.

O'Liyaariin akka jedhanitti, to'attoonni tiraafikaa Miniisk balaalisaa xiyyaarichaatiin''yoo xiyyaarichi daangaa qiilleensaa Luutiniyaa seene ykn buufata xiyyaaraa Vilniyus qubachuuf yaale, boombii xiyyaaricharra jiru akka dho'u odeeffannoo qabatamaa arganneerra''jedhanii itti himaniiru.

Boombiin dhohuufi erga jedhame booda balaliisaan xiyyaarichaa''irra deddeebiin''Daandii Qilleensaa 'Ryanair'itti dubbachuuf yaale ture.

Minisk garuu''Daandii Qilleensaa'Ryanair Poolanditti argamu deebii bilbilaan kennaa hin jiranii jedhaniiru''jechuun dubbate.

O'Liyaariin akka ibsetti, xiyyaarichi silaa gara Poolaanditti ykn biyyoota naannoo Baalitik jiranitti kallattii jijjirrata ture.

Mormitoonni akka gaazexeessaan hidhame hiikamuuf yeroo gaafatan

Madda suuraa, EPA

Haata'u malee, balaliisaan xiyyaaricha Minisk qubachuu malee filannoo biraa hin arganne jedhe.

Balaliisaan xiyyaaricha sadarkaa yaaddoo uumame sanaa hangam akka ta'e wayita gaafatu''yaaddoo cimaa, kan qubachuu malee filannoo biraa hin qabne''ta'uutu itti himamaa ture.

Xiyyaarichi''gowwoomsaa dharaa to'attoota tiraafika qilleensaa Miniskiitiin kan qubsifamee wayita ta'u imaltoonni lama dirqamaan buufanii hidhamaniiru''jedhan.

Aab Pirotasevich Beelaruusitti tarree shororkeessitootarratti kan kaa'ame himatameera.

Jaalalleen isaa Aadde Sapegaan lammii Raashiyaa yoo taatu, jeequmsa hawaasa keessatti uumuufi diinaa qabaachuun himatametti.

Hogganaan Beelaruus Aleeksaandar Lukashenkoo, namni bara 1994 irraa qabee amma yoonattu aangoorra jiran filannoo Hagayya darbe burjaaja'eera jedhamee balaleeffatamu injifachuu erga labsatanii asitti mormitoorratti tarkaanfii fudhataa jiru.

Hoggantoonni paartii mormituu ni hidhamu ykn biyyaa bahuuf dirqamu.