Rogeessi Belaarus mana murtii keessatti ‘morma of waraanee’ lafa dhahe

Madda suuraa, spring96.org
Odeessi kun hordoftoota keenya garii miira jeequu mala.

Rogeessi lammii Belaaruus, mana murtii magaalaa guddittii Miniski jirutti erga dhiyaate booda mormarra of waraanuusaa, gartuuleen mirga namoomaa fi miidiyaaleen mormituu gabaasaniiru.
Viidiyoon taatee kanaa Kibxata Stepan Latypov wanta kobbee ykn qalama fakkaatuun of waraanee lafatti yeroo kufu agarsiisa.
Isteefan gara mana yaalaatti geeffamee, wal’aansa baqaqsanii hodhuu booda haala foyya’aarra akka jiru gabaafameera.
Himannaan irratti dhiyaate miidiyaa hawaasummaa mormituu uumuu fi Fulbaana darbe to’annoo jala oolfamuu mormuuni. Himata irratti dhiyaate hunda haaleera.
Hagayya darbe yeroo filannoo injifachuun isaa guddaa qeeqame as Pirezidaant Aleksaandar Lukashenkoo mormitoota irratti tarkaanfii ciccimoo fudhachaa tureera.
Mana murti Minisk keessatti maaltu ta’e?
Isteefan kan of waraane erga abbaan isaa mana murti keessatti ragaa ba’ee booda akka ta’e gartuun mirga namoomaa Beelaruus, Viyaasnaa ibseera.
Gartuun kun akka jedhutti, yakkamaa ta’uu isaa yoo hin amanu ta’e miidhaa qaamaan akka adabamu anga’ootni isa dorsiisuu, Isteefan yemmuu abbaa isaatti himu dhaga’ameera.
Akkasumas firootaa fi olloota isaa irratti himannaa yakkaa akka banan waadaa seenuu dubbateera.
Viyaasnaan akka jedhutti, kutaa yakkamaa Isteefan keessa ture eegdoonni mana murtii bananii seenuuf yeroo itti fudhateera.
Miidiyaan mormituu Belaaruus Nexta Telegram jedhamu viidiyoo yeroo Isteefan barcuma mana murtii irra gadi ciisee jiru mul’isu maxxanseera.
Boodarra ambulaansiin mana yaalaatti geeffameera.
Isteefan wal’aansa baqaqsanii hodhuu argatee haala “fooyyee qabu” keessa akka jiru Nexta gabaaseera.

Madda suuraa, EPA
Ministeerri fayyaa Belaaruus, namni ganna 41, madaa isaaf wal’aansa argate haala gaarirra akka jiru Reuters’tti himeera. Nama kana ministeerrichi maqaan hin dhoofne.
Hogganaan mormituu Belaarus Sivetlaanaa Tikhanoviskaya, “Roggeessi Belaarus, hidhamaan siyaasaa Isteefan Laatipoov har’a mana murti keessatti morma isaa of mureera. Yoo yakkamaa ta’uu isaa hin ammanne maatiin isaa akka miidhaman dorsifameera,” jechuun Tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
“Kun bu’aa dorsiisa mootummaa, cunqursaa fi dararaa Belaaruusidha. Hatattamaan dhaabsisuu qabna!”
Odeessa biraan, namoota eeyyama jireenya biyya biraa qaban dabalatee Belaaruus lammiileen hedduu biyyaa akka hin baaneef dhorkeera.
Koreen Daangaa Biyyaa seera isaa kan cimseeru, erga dhiyeenya Beelaruus imala balalii Ryanair addaan kutuun mormituu fi jaalallee isaa xiyyaaricha keessa turan to’annoo jala olchanii booda, dheekkamsa biyyootii idil addunyaan irra ga’een booda.
Mormitoonni hedduun filannoo falmii kaase booda Belaarus keessaa ba’aniiru.
Filannicha mo’achuu kan himan Aadde Tikhanoviskaya gartuu ishee waliin gara biyya ollaa Lituyeeniyaa seenaniiru.














