Daandiin Xiyyaaraa 'Ryanair' hojjettoota lafa rafan hari'e

Madda suuraa, SNPVAC
Gareen daandii balaliinsaa Ispeen 'Ryanair' jedhamu keessaa hojjetan ja'a waajjira keessa lafa raftan jedhamuun hojiirraa hari'aman.
Akka daandiin Xiyyaaraa kun jedhutti namoonni kunneen ji'a darbe keessa ture adaba mana hojichaan ala lafarra rafanii kan mul'atan.
Suuraan kun miidiyaa hawaasummaarraa faca'ee ture. Gareen Poorchugaal kan daandii balaliinsaa kana bakka bu'ee jiru suuraa tuuta hojjettoota lafa rafanii kana yoo argu daandii qilleensichaa hedduu qeeqe.
Haala kanaan suuraa ka'anii mul'achuunsaanii adaba mana hojichaan ala ta'uu kan ibsan Dubbi Himaan Daandii Balaliinsaa 'Ryanair' garuu namoonnii kuneen suuraarra darbee 'yeroo fudhatani waan rafan miti' jedha.
''Hojjettoonni ja'an xiyyaararraa akkuma bu'aniin waajjira seenanii xiqqoo erga boqotanii booda gara hojiisaaniitti deebi'aniiru, garuu suura ka'anii miidiyaa hawaasummaarra facaasuun sirrii miti'' jedhan.
Namoonni kunneen erga hojiirraa geggeeffamanii booda yaadni qeequmsaa Yuuniyenii Daandii Balaliinsaa Poorchugaal kan 'Ryanair' bakka bu'e, SNPVAC, irraa ka'aatti jira.
Akka yuuniyenichi jedhutti namoonni kunneen nyaataa fi dhugaatii akkasumallee iddoo taa'umsaa ga'aa maleedha kan isaan imalaa turan. ''Kanaaf yeroo muraasaaf boqonnaa fudhatan'' jedha.
Erga suuraan hojjettootaa miidiyaa hawaasummaarratti tatamsa'ee as daandiin qilleensichaa yaaddoo keessa galeera.














