Namichi 'waa'een namaa na gahe' jechuun odola Xaaliyaaan tokkorra kophaa waggaa 32 jiraate hari'ame

Maxxanfame

Maanguddoo umuriin isaa ganna 81 ta'edha. Maa'uroo Moraandii jedhamu. Jireenyi nama waliin 'na gaheera' jechuun waggootaa 32 qophaa bahanii odola biyya Xaaliyaan tokkorra jiraachaa turan.

Odolli Moraandiin irrra jiraachaa ture kun Budellii kan jedhamtu yoo ta'u, kaaba Sardiiniyaatti argamti.

Moraandiin bara 1989 ture gara odola kanaatti kan godaanan.

Haata'u malee, bara darbe, Abbaa Moraandiin, warri qabeenyaa odola halluu diimaddee qabaachuun addatti beekamtu kanaa akka gadi dhiisanii deemaniif akeekkachiisanii turan.

Odola Budellii kana keessa namni jiraate maanguddoo kana qofaadha.

"Budelliin gara fuula duraatti akkuma ani waggoota 32 darbaniif eegaafi kunuunsaa turetti ni eegamti abdii jedhuunan gadi dhiisee deemaa jira," jechuun Dilbata fuula Feesbuukii ofiirratti barreessan Aab Moraandiin.

Maanguddoo kun yeroo bosona odala kanaa keessa jiraatanitti ibsaa humna aduurraa argtan (solaarii) fayyadamaa turan.

Aab Moraandii waqtii Gannaa kitaabota 30 hanga 40 dubbisuun dabarsu.

Dokumentarii waa'ee isaarratti hojjetame tokkorratti akkamiin hiriyyaa malee waggaa hanga kanaa jiraatta jedhamee gaafatamee, "Ani hiriyyoota baayyeen qaba. Isaanis, kitaabotadha," jechuun deebisan.

Barsiisa duraanii jabeenya qaamaa kan turan Moraandiin bara 2018 keessa BBC Outlook'tti yeroo dubbatanitti, "ani yeroo hunda fincilaafi waan adda ta'en hojjedha" jedhanii ture.

Maaliif qophaa bosonatti galuuf murteessan?

Aab Moraandii maaliif 'waa'een namaa na gahe' jedhanii akka qophaa bahan gaafatamaniillee ture.

"Waa'ee hawaasa keenyaa wan hedduu isaa nuffeera. Hawaasni keenya safuufi dudhaa isaa gadi dhiisee hamileen isaa kufeera. Hawaasni keenya waanuma callistee irra keessa miidhagu/callaqqistuuf kaka'ee du'a. Kun nama jibbisiisa. Siyaasni Xaaliyaan bukaa'aanillee natti hin tolu. Natti hdhaa'eera.

Kana waan ta'eef, uumama waliin caalaa walitti dhiyaachuun addunyaa callistee calaqqistuu taate kanarraa fagaachuun barbaadeen kana murteesse. Kanaafan jireenya haarawaa barbaadeen gara odola nama hin qabneetti godaanes," jechuun ibsan Aab Moraandiin.

Jalqaba yeroo namarraa adda bahanii jiraachuuf yaadan inniifi hiriyyoonni isaa dura gara bakka Laa Madaleenaa jedhamtu tokkoo deemuudhaan hojii hojjechuun maallaqa walitti qabacuuf murteessan.

Haata'u malee, yroo odola Budellii gahan eegdonni odala kanaa gadi dhiisanii deemaa waan turaniifi soorama akka bahan yeroo baranitti Moraandiin achumattin hafa jedhe.

Kan hafusi qofattii isaati kan ture.

Amma turtii qophaa waggoota 32 booda namatti makameera.

"Odola kanarra qophaa kiyya waggoota 32 yeroon qophaa kiyya jiraataa turetti guyyaa tokkollee ana dhukkubee hin beeku. Yeroo Gannaa qorri jirullee guyyaa tokko anna qufaasisee hin beeku. Jireenya akka malee miidhagaan dabarse," jedhan maanguddoon kun.

Moraandiin yeroo odola kana irraa akka gadhiisaniif dirqaanitti lamileen Xaaliyaan akka hin ari'amneef deeggarsa gochuuf mallattoo walitti qabuun mootummaatti dhiyeesaniifillee turan.

Mootummaan akka maanguddoo kana odola kanarraa hin ariineef namoonna 70,000 ta'an mallattoo walitti qabanii gaafatanii turan.

Dilbata darbe Moraandiin gaazexee Gaardiyaanitti akka dubbatanitt, bara jireenya isaanii hafte appartaamaa xiqqoo tokko keessatti akka dabarsaniifi kutaan manattiis ulaa foddaa gara galaanaatti agarsiiftu waan qabduuf achirraan galaana ilaalaa akka oolanidha.