Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sabni lakkoofsi isaanii namoota 99 qofa ture amma gara 560tti guddataniiru
Maxxanfame
Saboota aadaa fi afaan ofii qabaatanii Keeniyaa keessa jiraatan keessaa tokko saba El-Moolooti.
Sabni kun Kaaba Keeniyaa Kaawuntii Marsabiit Odola Koomooteerra jiraatu.
Bara dhiyoo lakkoofsi saba kanaa 99 gahee balaan baduu isaan mudatee ture.
Amma lakkoofsi saba kophaatti Odola Koomooteerra jiratan kanaa 560 gaheera.
Gaazexessaan Viidiyoo BBC Afaan Oromoo Yaadataa Birhaanuu Odola kanatti imalee isaan dubbiseera.