Hoggantuun Miyaanmaar Aang Saan Suu Kii viidiyoon mana murtiitti dhiyaatte

Aang Saan Suu Kii

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Hoggantuun Miyaanmaar Aang Saan Suu Kii erga aangoorraa buufamtee hidhamtee baatii tokko booda abukaatota ishee waliin wal agarte.

Wayita gama viidiyoon mana murtiitti dhiyaattetti 'fayyaa gaarii' akka qabduu mul'atte, abukaatota ishee dubbisuuf gaaffii dhiyeeffatte jedhan abukaatonni ishee.

Guraandhala 1 erga humnaan aangoorraa buufamtee booda bakka hin beekamnetti hidhamtee turte.

Aangoorraa buufamuu ishee hordofee Miyaanmaar mormiin raafamaa jirti. Dilbata darbe namoonni 18 mormii irratti kan ajjeefaman yoo ta'u, Wiixatas mormiin itti fufeera.

Ajjechaan Dilbata kan uumame humni waraanaa fi poolisoonni mormitoota diiomkiraasii deeggaruun fonqolcha raawwatame morman irratti dhukaasa erga bananiin booda.

Sana boodas Wiixata mormiin itti fufee mormitoonni mootummaan kara diimokiraatawaa filatame aangootti akka deebi'u, Aang Saan Suu Kii fi waahillan ishii mana hidhaa akka gadi dhiifaman gaafataa jiru.

Waraanni biyyattii fonqolcha kan godhe filannoo Sadaasa darbee keessatti hanni raawwatameera hiamtni jedhu dhiyaachuu isaan akka ta'e hima.

Himata kanaaf ragaa hin dhiyeessine. Komishinii Filannoo jijjiiruun bara dhufu akka haaraatti filannoon akka adeemsifamu waadaa galeera.

Aang Saan Suu Kii eessa turte?

Badhaafamtuu noobeelii nagaa kan taate Aang Saan Suu Kii Guraandhala 1 erga humnaan aangoorraa buufamte booda uummatatti hin mul'anne turte.

Har'a yeroo duraaf gama viidiyoon wayita mana murtii magaalaa guddoo biyyatti Naay Piyiitti dhiyaattu mul'atte.

Jalqaba irratti himati lama irratti baname ture, tokko raadiyoo qunnamtii seeraan ala gara biyyaa galchuu yoo ta'u, kan lammataa seera balaa uumamaa Miyaanmaar cabsuu kan jedhu ture.

Wiixata kana garuu himati haaraan dhorkaawwan Covid-19 cabsuun duula filannoo gochuu fi 'sodaa uumuu' jedhu itti dabalamee jira.

Himatawwan duraanii hanga hidhaa waggaa sadii itti murteessisuu danda'u. Himatni dabalataa garuu adabbiin isaa maal ta'uu akka danda'u hin beekamne.

Dhimmi ishii Bitootessa 15f beellamameera.

Namoota fincilan

Madda suuraa, EPA

Miyaanmaar keessatti jaalatamummaan Aang Saan Suu Kii erga hidhamteen as dabalee jira. Hawaasa idil-addunyaa biratti garuu sababa gocha sanyii-balleessuu Musliimota Roohiingaa irratti raawwatameen wal qabatuun maqaan ishee badeera.

Mormii Wiixataa irratti poolisoonni mormitoota irratti dhukaasaa turan. Rasaasa gommaa haa ta'u, isa sirrii adda hin baafamne.

Gaaza imimmaanessus mormitootatti darbataa turan.

Mormitoota Miyaanmaar

Madda suuraa, Getty Images

Mormitoota Miyaanmaar

Madda suuraa, Getty Images

2px presentational grey line

Waa'ee Miyaanmaar

  • Miyaanmaar, Burmaa jedhamuunis beekamti. Bara 1948 kolonii Biriteen jalaa walaba baate. Ergasii ganna hedduuf waraanaan bulaa turte.
  • Bara 2010 booda dhorkaawwan laaffataa deemanii bara 2015 filannoon bilisaa godhame. Filannoo kanaanis qabsooftuu mormituu gameettiin Aang Saan Suu Kii aangootti dhufte.
  • Bara 2017 hidhattoonni Musliimota Roohiingaa buufataalee poolisii haleeluu hordofee humni waraanaa biyyattii fi hordoftoonni amantaa Budiizimii warra Roohiingaa ari'achuu eegalan. Musliimonni Roohiingaa kuma hedduun lakkaa'aman akka ajjeefaman himama. Miliyoona hedduutti kan lakkaa'aman ammoo gara biyya ollaa Baangilaadeesh baqatan. UN akka jedhutti warra Rohiingaa irratti gocha sanyii-balleessuuti raawwatame.
2px presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Eenyu akka ta'an isaanumti nutti himu