Fonqolcha Miyaanmaar: UN juntaa Miyaanmaar 'balaa cimaaf' akeekkachiise

Hiriirtonni isa mormitoonni humnaan gadi qabamuun cabsamaa jiran hadheeffatanii mormu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni isa mormitoonni humnaan gadi qabamuun cabsamaa jiran hadheeffatanii mormu
Maxxanfame

Mootummoonni Gamtoomanii - UN ''mirgi nagaan walitti qabamuu guutummaatti kabajamuu qaba'' jechuun juntaa waraanaa Miyaanmaaritti hime.

Haasaa bilbilaan taasisaniin Ergamtuun Addaa UN Kiristiin Shiraanar Barganar ''deebiin humna ofkeessaa qabu bifa kamuu bu'aansaa rakkoo cimaadha'' jechuun akeekkachiisan.

Miyaanmaaritti tajaajilli intarneetii erga halkan lamaaf adda citee booda, Kibxata ganama deebiyeera.

Gareen juntaa erga Guraandhala 1 fonqolcha gaggeessee booda, irra deddeebiin intarneeta ugguruun mormii dhabamsiisaa jira.

Akeekkachiisni Aadde Schraner Burgener kan dhagahame, haasaa bilbilaa hogganaa ittaanaa juntaa Soe Win waliin taasisaniin tahuu dubbi himaan UN himan.

Ergamtuun addaa kun intarneeta ugguruun ''qajeelfamoota ijoo demokraasii kan gadi cabsudha'' jedhan.

Kibxata ganamallee mormitoonni daandiitti bahan - Rooyitars akka gabaasetti gareen muraasni walitti qabamaa turan.

Mormitoonni, hojjettoonni mootummaa magaalaa guddoo Yaangon keessa jiran, diddaa karaa nagaa kanatti akka dabalaman jajjabeessaa jiru

Yeroo dhiyoon duratti, qondaaltonni waraanaa kanneen hoggantoota fonqolchaa morman irratti adabbii cimaa tahe beeksisan.

Juntaan kun akka jedhetti, hooggantoota filataman kanneen akka Aung San Suu Kyi fi kaan aangoorraa hari'uu hime. Sababni isaatiis, jarri kun karaa seera-qabeessaan hin filatamne jedhan - kanaaf ragaa deeggaru garuu hin dhiyeessine.

Maaliif intarneeta ugguru?

Halkan halkan intarneeta ugguruun kun mormii fonqolchaafi hidhamuu hooggantootaa irratti taasifamu adda kutuurratti kan xiyyeeffatedha.

Bakki namoonni diddaa karaa nagaa itti qopheessaniifi walwaaman - Facebook, erga fonqolchaa as uggurameera. Akkasumallee Twitter fi Instagram hin dalagan.

Intarneeta adda kutuun kun namoota dabalataa biroo hidhuuf oola jechuun rogeeyyiin sodaa qabu.

Dhiyeessaan tajaajila telekoomii biyyattii inni guddichi Telenor jedhamu, ammarraa eegalee marsariitii isaarratti waa'ee tajaajilli adda kutamuu odeeffannoo dhiyeessu akka hin haaromsine hime.

Dhaabbatichi AFPtti akka himeti, haalli jiru ''burjaajessaa fi kan ifa hin taanedha'', nageenyi hojjettootaaf wanta dursa kennamuufidha jedhe.

2px presentational grey line

Waa'ee Miyaanmaar - gabaabumatti

  • Biyti Miyaanmaar maqaa Barmaa jedhamuunis ka beekamtu oggaa tahu, wayita juuntaan waraanaa 1962 haga 2011 bulchaa turetti, addunyaarraa foo'amtee yeroo dheeraaf turte.
  • 2010tti sadarkaa sadarkaan bilisoomaa dhufuun, 2015tti filannoo gaggeessite. Kanaanis mootummaan hooggantuu paartii mormituu yeroo dheeraa kan taate Aung San Suu Kyi'n gara aangootti dhufte.
  • 2017tti waraanni biyyattii miidhaa Muslimoota Roohingaa irra gaheen, walakkaa miiliyoonaa ol kan tahan daangaa ce'anii baqachuun Baangilaadesh galan. Boodarra UN ''kuni fakkeenya sirrii duguuggaa sanyiiti'' jedhe.
  • Aung San Suu Kyi fi mootummaan ishee filmaata Sadaasaan sagalee olaanaan mo'atan, fonqolcha waraanaan Guraandhala 1 aangoorraa ari'aman.
Ibsa waa'ee viidiyoo, Eenyu akka ta'an isaanumti nutti himu