Dhibaa'ummaa akkamiin ofirraa ittisuun danda'amaa?

Maxxanfame

Erga dhibeen koronaa addunyaa mudatee amma waggaa darbeera. Haata'u malee ammalleen yaaddoo dhukkuba kannaa gutummaan hin hiikamne.

Talaalliin argamuunsaa ammoo hanga tokkoo abdii kennunsaa hinoollee.

Tibba weerara dhukkuba kanaattis haalli jireenya namoota hedduu kallattii geedareera. Yeroo dabarfachuuf jecha afaan kan baratan, mana keessatti sochii qaamaa hojjachuufi kanneen nyaataa bilcheesuu eegalanis jiru.

Haata'u malee, namoonni hundinuu haala walfakkaataa ta'een dhimmoota haaraa barachuuf ni kaka'u jechu miti. Yeroo tokko tokkoos sababii dhibaa'umaatiin wanti baayyee xiqqoo ta'e raawwachuun haalli itti dadhabamu jira.

Tibba miira akkasii keessa seenuutti malawwan ittiin deebifnee of kakaafnu muraasaa haa ilaallu.

Waan haaraa barachuu

Kaka'uumsi hojiiwwan abbaa gargaaran raawwachuufi kanneen birootiif hafuu hammata.

Gammachuun namoota biraa gargaaruu argamuu ykn hojii hojjattaniin gammaduun kaka'umsa dabala. Akkasumas maallaqniifi badhaasnis madda kaka'umsaati.

Koronaavaayirasiin namoota hedduu hojiirratti dhabsiiseera. Walitti dhufeenyi hawaasummaas akkasuma haphateera. Kanaaf, hedduun keenya kaka'umsa dhabnee dhibaa'ummaan nutti hammaatulleen nama hindinqu.

Daareektarri Waldaa Oggeessoota Ameerikaa Liin Buufaakaa akka jedhanitti, sammuun keenya waan gaarii irratti akka xiyyeefatu taasisuun abdii qabaachuuf yaaluun barbaachisaadha.

Fakkeenyaaf, waa'ee eegeeree wayita yaadnuutti akka barri fooyyee qabu dhufu yaaduun kaka'umsa dabala jedhu.

Kanaafuu, wantoota addunyaa kanarratti geeddaruu dandeenyu irratti qodaa xiyyeeffachuufi kanneen dandeettii keenyaa ol ta'an ammoo hubachuun barbaachisaa ta'uu gorsu.

Xiqqoo ta'anilleen fiixaan bahiinsa jireenya keenya keessatti arganneef gatii kennuun ni barbaachisa. Kunis sammuu keenyaafilleen hiikaa akka qabaatu himu.

Yeroo garaa garaatti waan haaraa raawwachuu kan gorsan ammoo gorsituun lammii Ameerikaa yeroo haalaan fayyadamu Elsaabeet Girees Saawundars jedhamu.

''Mee waa'ee nyaata yaaltanii hinbeeknee tokko yaadaa. Miilaan socho'aa, afaanoota haaraa baradhaa,'' jetti.

Waan barbaaddan baruu

Yunvarsitii Niiwuu Yoorkiitti barsiisaa Xin-Sammuu kan ta'an Gaabreel Otiingan akka jedhanitti, waan hundaafuu dursa kan barbaachisu dhimmicha beekuudha. Isaan booda ammoo wanta barbaadan sana argachuuf danqaawwan jiran adda baasuudha.

Waan tokko raawwachuu yoo barbaaddan, bu'aa maaliin ittiin argadha? jechuun gaafachuun gocha raawwatamu bu'aasaa waliin walitti hidhuun gaarii ta'uu gorsti oggeettiin kun.

Fakkeenyaaf, guyyaatti daqiiqaa 30f fiiguuf yoo murteessitan, bu'aa inni qaamaafi sammuu keessaniif qabu waliin ilaalu dandeessu.

''Erga ispoortii hojjadheen booda qaamni kiyya ni diriira. Fayyaan ta'a. Guyyaa fooyya'aan yaada...jechuun yaadaa'' jetti barsiiftuun kun.

Haala kamuu keessatti danqaawwan akka mudatan yaadama. Fallisaa garuu danqaawwan kanneen sodaachuun dhaabbachuu osoo hintaane, rakkinicha attamiinan darba? gara jedhuutti ce'uudha.

Oggeettiin kun akka jedhaniiti, ''Waan tokko raawwachuuf wayita yaadanitti, akkasumaan miiraan socho'uu qofaa osoo hintaane, rakkoo attamiitu mudachuu danda'a? jechuun yaaduun caalaa ni baasa.

Isaan booda ammaoo karoora baasuun gara hojiitti seenuudha jedhu.

Hiriyyoota sodaachuu

Oggeessoonni akka jedhaniitti dhiibaa'ummaa keessaa bahuuf namoota yaadaan isin fakkaatan waliin waliitti dhufeenya ummachuun gaariidha.

Biritishi Yunvarsitii Kolombiyaatti barsiisaa kan ta'an Isitiivan Teeyilar, ''Wanti tokkoo abjuu dhuunfaa ta'urra kaayyoo waloo yoo ta'u, kaka'umsi ni dabala. Miirri kan koo jedhurra kan keenya jedhuutu ni caala,'' jedhu.

Kanneen biroo waliin walgargaaruun danqaawwan haala salphaatti darbuuf ni gargaara jedhu.

Qorannoowwan akka mul'isaniittis, waan tokko ofii keenyaaf gochurraa namoota kaaniif gochuun ni salphata. Kanaaf, waan tokko kan dhuunfaa taasisuurra kan waloo ykn hawaasaa gochuutu gorfama.

Dhibaa'ummaa dhimma guyyaa tokkootti ittisuu dandeenyu miti. Haalawwan keessa darbamu mataansaa haala kaka'umsa namoota wayita hir'isu ni jiraata.

Haata'u malee, waan barbaaddan adda baastanii beekuufi yeroo hunda sammuu keessaan waan gaarii irratti akka xiyyeeffatu gochuun dhibaa'ummaa ofiirraa ittisuuf akka gargaaru oggeessoonni ni gorsu.