Dubbi himaan Waayit Haawus gaazixeessituun ’sin balleessa’ jedhe hojirraa dhorkame

Maxxanfame

Dubbi himaan Waayit Haawus TJ Duukiloo, gaazixeessituun tokko dhimma dhuunfaasaa gaafannaan’’Sin balleessa’’jedhee doorsise torban tokkoof kaffaltii dhabuun hojiirra ittifame.

Gabaastuu Politikoo kan taate Taaraa Paalmerii walitti dhufeenya Duukiloon gaazixeessituu biraa wajjin qabu qorataa turte.

Waayit Haawusitti gorsaan dhimma saab-qunnamtii Jiin Saakii , Duukiloon Jimataa kaleessaa Aadde Paalmerii dhiifama gaafachuu ibsaniiru.

Addatti garuu dhimmichaarratti Jiin Saakiin yaada hin kennine.

Namoonni taatee sana argan muraasni garuu, pirezedant Joo Baayidan tarkaanfii cimaa irratti hin fudhanne jedhanii qeequ.

Baayidan nama waayillan wajjin hojjatan dubbisaatiin kabajaa dhorku,‘’battaluma sanattin hojiirraa gaggeessa’jedhanii turan.

Dubbi himaan Waayit Haawus, Duukiloon hojiirraa kan ittifame barruun ‘Vanity Fair’ dorsiisa gaazixeessituu Paalmerii irra gahe gabaasuu hordofuudhaan ture.

Gabaastuun Politikoo hariiroo walitti dhufeenya Duukiloon gaazixeessituu dhimma duula filannoo Baayidan gabaasaa turte Aleksii Makamoond wajjin qabu qorataa turte.

Sana booda bilbileefitu "sin balleessa" jechuusaatiif himatame.

Kana malees, arrabsoo biraallee akka jedheen barruun kun gabaasera.

Dubbi himtuun pirezedant Joo Baayiden toora tiwitaraa isheerratti Jimaata akka barreessitetti, Duukiloon naamusa Pirezedantichi jedhaniin waan wal hin gitne raawwachuu amaneera jette.

Itti dabaluun, kana booda Waayit Haawusitti Duukiloon wayita deebi’u gabaastuu Politikoo wajjin hin hojjatu jette.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidan guyyaa jalqaba waajirasaanii seenan amala wal qoccollaaf obsa hin qabu jedhanii hojjattootatti himuun ni yaadatama.