Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akkamiin 'lakki' jedhu? Maloota afur bakka hojiitti waa itti didan
Hogganaa keef, waahillan hojii keetiif, maamiltootaa fi kanneen biroo yeroo waa sigaafatan hunda tole jette taanaan, tarii hedduun barbaachisa jettee of ilaaluu dandeessa.
Rakkoon kan dhufu garuu gaafa ati waa sitti baay'atee raata'uu eegaltudha. Yookaan ammoo waanta karoorsite galmaan gahuu dhiiste, mufannaaf saaxilamta. Kun ammoo jireenya hojiikee ammaa fi kan fuulduraas ni miidha.
Kuni ilaalcha nama Biruus Tulgaan jedhamudha. Namni kun hundeessaa dhaabbata 'Rainmaker Thinking' jedhamuuti.
Dhaabni kun kanneen bizinasii hooggananiif leenjii kenna. Kana malees kitaaba "The Art of Making Yourself Indispensable at Work" jedhamu barreesseera.
''Milkaa'inaaf karaan inni qofaan lakkii jechuu barachuudha. Kanas karaa ulfina qabuun gochuu qabna,'' jechuun Tulgaan BBCtti hime.
Gama hojiin guddachuuf waan maraaf tole jechuu qabna ilaalcha jedhu qabda taanaan; yerookee, humnaa fi maallaqakeellee qisaasta jedha ogeessi kun.
Kanaafidha, yoomii fi akkamiin lakkii jechuun barbaachisaa akka ta'e barachuu kan qabnu. Kanaanis kabajaa namni siif qabuu fi walitti dhufeenya gaarii horatta jedha.
''Waanti gochuu qabdu, lakkii jechuun bu'aa gaarii argamsiisuu danda'uudha.''
Akka Biruus Tulgaan'itti tarsimoon afran kunniin bakka hojiitti ''lakkii! Tasumaa!'' akka jettu si gargaara.
1- Gaaffii barbaachisu gaafadhu, yaadannoo qabadhu
Waa akka hojjetuuf wayita si gaafatan, sadarkaan jalqabaa gaaffii isa sirrii gaafachuudha. Itti aansees deebii namni sun sii kennu yaadannoo qabachuu kee itti agarsiisi.
Kana yoo goote nama sanaaf qofa miti kan agarsiiftu, waan si gaafataniifis kabajaa qabdu agarsiisa.
Mee fakkeenyaaf namni ati itti dubbatu sun hoogganaa kee miti haa jennu. Dhimma sanarratti gaaffilee irra deddeebiin gaafachuun, fedhii agarsiifta taanaan, lakkii jechuuf sitti salphata.
Gaaffile gaggaarii gaafachuu keetinis, waa'ee dhimmasanaa beekumsa qabdu agarsiifta.
2-Lakkii jechuuf sababa gaarii kenni
Wanti guddaan akkatti deebistu keessa jira. Lakkii jetta taanaan, filannoo biraa dhiyeessuun barbaachisaadha.
Yeroo hunda deebiin kee tarii wanta biraa harkaa qabda taha. Yoo kana tahes, itti gaafatamummaa biraa harkaa akka qabdu gadi fageenyaan ibsuun barbaachisaadha.
''Dhiifama, wantoota hojjedhu biraa of harkaa qaba,'' jechuun qofti gahaa miti. Deebilee biroo kam fa'itu bu'a-qabeessadha?
Filannoo biraatiin akkas jechuu dandeessa ''dhimmoota x, y, z kanniin hojjechaan jira'', jechuun hojiiwwan hojjechaa jirtu kaan ifatti lafa kaa'uu.
Deebiin ati lakkii jechuun gaaffii sanaaf deebistu, dhibaa'ummaatti akka si jalaa hin lakka'amnef, deebii gahaa kanniin kennuu qabda.
Yoo ajajichi nama aangoo olaanaa qabu ykn hogganaa keerraa dhufe taanaan ammoo, hojii haarayaa sirratti tuuluurra, yookaan hojii kamtu dursa kennamuufi qaba kan jedhu akka murteessaniif carraa kenniif.
Namoonni tokko tokko waa gaafatamnaan ''lakkii! lakkii! kun hojii koo miti,'' jechuun deebisu. Haatahu malee, deebiin kun kan gaarii hin taaneef gara waldhabdeetti oofuu danda'uu isaati.
Namni deebii kennituuf sun jecha kana ''ati hogganaa koo miti'' yookiis ''kana na hojjechiisuu hin dandeessu'' haala jedhutti hiikuu danda'a.
Malli biraa waa itti didan ammoo, gaaffii gaafataman sanaaf ammatti deebii kennuu hin dandayu jechuuni.
Kana oggaa jettus, dhimma si gaafatan irratti beekumsa olaanaa kan hin qabne tahuu kan mullisu wayita tahu, dhimmicha milkeessuufis yeroo fudhattee qorachuu akka qabdu mul'isa.
Akkas jechuun deebisuu dandeessa: ''Carraa naa kenniteef ulfaadhu. Hojjedhu naan jechuun kee misha, tahus garuu dursa baruun qaba.''
3-Milkaa'ina nama isa kaaniif tumsi
Namni gaaficha qabatee si bira dhufe akka milkaa'uuf akkas fa'i jechuu dandeetta: ''Dhimma kanarratti hirmaachuuf kana si gargaaruu nan dandaya.'' Yookaan ''Nama si qarqaaru biraa sii barbaaduu?'' jechuun gaaffu.
Gaafichi arifachiisaa yoo tahuudhaa baate, akkas jechuu dandeessa: ''Si qarqaaruu nan dandaya. Torbee lama eeguu qabda garuu''.
Yookis dhimmicha tasumaa hojjechuu hin dandeessu yoo tahe, akkas jechuu dandeessa: ''Dhugumatti kana gochuu tasumaa hin dandayu. Garuu gama kanaan si gargaaruu nan danda'a.''
Kanaanis nama hojiisaa kabaju tahuu kee mul'ista. Nama sana qarqaaruuf fedhii qabaachuu kees achumaan garsiifta.
4-Hordoffii
Nama sana barbaadiitii, akkam ture? Sii milkaa'ee? jedhi gaafadhu.
Dhimma sana furtee? Nama barbaaddu argattee? ''Gaafa dhimmoota a, b, c, barbaaddu anaan na mari'achiisi. Dhimmoota kanneen irratti beekumsa gahaan qaba,'' jechuun gaaffu.
Kaayyoon adeemsa kanaatis, walitti dhufeenya gaarii uumuun, amantii gaarii akka sirraa horatan gochuudha - deebiin kee faallaa tahus.