Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bara 2019'tti hojjattoonni mil. sagal ta'an dhukkubsachuu himatan
Bara 2019 keessa hojjattoonni miliyoona 9'tti siqan hojiin garmalee itti heddummaachuudhaan walqabatee dhukkubsachuu himaniiru jedha qorannoon tokko.
Qorannoon ragaa dhukkubaa biyyaalessaa (National Sickie Day) sababeefachuun ifa ta'e tokko akka ibsetti, aadaan hojii, hiriyoonniifi baayyachuun hojii rakkina kanaaf akka maddaatti eeramu.
Haata'u malee hojjattoonni gara miliyoona 12 ta'an ammoo bara kana keessa dhugaadhaan dhukkubsataniiru.
Kubbaaniyyaan IT qorannoo kana gaggeesse tokko akka jedhetti, aadaan hojimaataa dhaabbilee keessaa 'dhimma cimaadha' jechuun sa'aatii hojii geedaramuu danda'u (flexable working) hojiirra oolfamu qaba jedheera.
Argannoon 'Kantar' kunis bu'aa qorannoo hojjattoota gaheessota 1,250 irratti bara kana baatii Amajjii keessa gaggeeffameen kan argameedha.
Argannoon hojjattoota kanneen irraa walitti qabame kunis hojjattoota biroo gara miliyoona 33 ta'an biratti akka waa mul'isuutti amana.
''Dhaabbileen qaccarrii itti gaafatamummaa nageenya hojjattoota isaanii to'achu qabu. Kunis fayyummaa qaamaa fi sammuu kan dabalatudha,'' jedha gorsaa olaanaan dhaabbata Acas Tom Niil.
''Hojjattoonni bakka hojii isaaniitti akka amanamoo ta'an gochuuf, lafa hojiitti aadaa hunda hammaatuufi haalli bulchiinsa namootaa gaariin jiraachuun murteessaadha.''
Qorannicha keessatti, namoota deebii kennan keessaa kan harka tokko sadii ta'an bara darbee keessa waan hojiisaaniitti hingammanneef boqoonnaa dhukkubbii fudhannee jedhaniiru.
Muraasni akka jedhaniitti, kan irraa eegamuun caalaa akka hojjatan itti dhagahama ykn haalli sirnaafi adeemsa gaarii hintaaneefi hojii isaanii itti cimsuu dubbatu. Kuun ammoo waldhabdee hiriyyoota bakka hojii akka sababaatti himatu.
Haa ta'u malee, kanneen deebii kennan keessaa parsantaan 37 osuma dhukkubsatanu hojii dhufaa akka turan dubbatu.
Baayyeenis kun sababii boqonnaa kanfaltii malee fudhachuu hindandeenyees ykn boqonnaa dhukkubsannaa kafaltii waliin waan hinarganneef jedhu. Kaan ammoo qaccartoota ykn namoota waliin hojjataniin akka hintaajjabamneef jecha akka hojii dhaqan himu.
Guyyaa Wiixataa
Haaluma walfakkaatunis kan gara shanaffaa ykn miliyoon 6.5'tti tilmaamamu wayita dhukkubsataniitti manaa hojjachuu kan barbaadan yoo ta'u, dhaabbanni isaanii kanaaf hineeyyamuuf.
Akka qorannoowwan gara biraa muraasaattis, namoonni dhukkubsannee jedhan heedduun yeroo kamiyyuu caalaa jalqaba Wiixata baatii Guraandhalaa qaccartoota isaaniiti bilbilaan himan. Kan bara darbee namoota kuma 215 tu dhukkubsachu bilbile guyyaa walfakkaatti.
Haa ta'u malee, bara 2019 keessa dhaabbanni Qaccarii seeraa Elas akka jedheetti, guyyoota gara biraattis namoota hojii hingallee baayyee galmeesseera.
Akka inni jedheettis guyyoonni hojjattoonni hojii itti galu didan kan jalqabaa 10 hundi guyyaa Wiixata irraa oola. Sababii olaanaan kanaaf kennemee tures:
- Dhukkubbi galaa (24%)
- Qofaa, utaalloo fi qofaa hamaa (flu) (16%)
- Dhukkubbii mataa (7%)