Gadduu Andaargaachoo: 'Waan fudhachuu hin dandeenye akka fuudhannuuf dhiibbaan nurratti taasifamaa ture'

Maxxanfame

Mariin Hidha Guddicha Abbayyaa kan Itoophiyaan ijaaraa jirtuurratti baroota dheeraaf taasifamaa ture hanga ammaatti osoo murtee hin agratiin jira. Mariin bakka Ameerikaafi Baankiin Addunyaa argamaniitti taasifameef abdii guddaan itti kennamee tures akka eegamee osoo hin ta'iin addaan galame.

Walgahicharrattis Itoophiyaan sanada bu'aa kiyyaa miidhaa jettee hin mallatteessu jetteenis akkasumatti rarra'ee hafe.

Mariin waashingitaniitti gaggeefaamaa turees kan Masriidhaaf loogee Itoophiyaa irratti ammoo dhiibbaa taasisee akka ture bal'inaan dubbatamaa ture. Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obboo Gaddu Andaargaachoo marii Suudaan, Masriifi Itoophiyaa jiduutti dhimmicharratti taasifamaa ture ilaalchisuun akkasiin BBC;tti himan.

BBC: Mariin biyyoota sadan jidduutti dhimma Abbayyaarratti taasifamaa ture amma sadarkaa maalirratti argama?

Obbo Gadduu Andaargaachoo: Mariin Hidha Guddichaa amma gara dhumaa gahaa jira. Adeemsi marii kanaas waggaa salgan harraa wayita ijaarsi Hidha Guddichaa egalamu kan jalqabeedha. Akkuma ijaarsi eegalameen Sudaaniifi Masriin dhimmi isaa nu yaachisu jiraa jechuun gaaffii waan kaasaniif dhibbaan inni biyyoota gara gajjalaatti argaman irratti qabaatu omtu akka hin jirree hubachiisuuf yaallee turre.

Itoophiyaan garuu jalqabumaa kaastee karaa of eeggannoo qabuufi ifa ta'een waan eegalteef wayita isaan gaaffii kaasanitti tole jechuun gara mariitti galte.

Kana malees, haala nageenyummaa hidhichaarrattis gaaffii kaafnaan, kanuma mirkanneessuuf jecha oggeessoonni biyyoota Awurooppaa kan akka Jarman, Faransaayi, Inglizii, fi Afriikaa Kibbaa, Masrii, Sudaan fi Itoophiyaa irraa babahan akk qorataniif Itoophiyaan qophii ta'uu ishee mirkaneessite.

Isaan booda marsaalee adda adaatiin qaamoolee garagaraatiin mariin gaggeefamaa ture. Mariichis yeroo tokko tokko gaarii yoo ta'u, yeroo biraa ammoo osoo adda cituu bara 2018 qaqabe. Baruma sana Fulbaana keessaa walii haammallatteessinu jennaan bakka bu'ootiin Masrii lakkii amma hin mallatteesinu, gara biyyaa gallee mari'annaa jechuun sanadichi dhiisanii deeman.

Sababii kanaan ammoo adda cite. Boodas Suudaan keessatti warraaqsi ka'e.

Booda keessa ammoo Hagayya 2019 keessa warri Masrii yaada maricha itti fufuuf nu dandeessisu qabna jechuun dhiyaatan. Yaadni isaaniis kan duraa waliin hidhata kan hin qabne ture. Innis Itoophiyaa wabii bishaanii nuuf haa kennitu kan jedhuufi wayita Hidhaa Asiwaan hirratuutti haala itti gutamuurratti waliigalteerra haa geenyu kan jedhu ture. Yaadi kunneenis fudhatam kan hin qabneedha.

Kanatti aansuunis Itoophiyaanis, Suudaanis yaada mataasaanii qabachuun Fulbaana 2019 mariin eegalame. Yaada muraasa irratti waliigalamulleen kaan irratti ija walitti baasuun waan dhufeef, aanga'oonni Itoophiyaafi Masrii Rusiyaa-Soochii keessatti wal arguun marii teekinikaa akka itti fufaniif waliigalame.

Jidduu kanatti ture kan Ameerikaan marii keessan isin haa gargaarru jechuun gaaffii kan dhiyeessite. Nutis afeerraa nuuf dhiyaanan tole jennee deemne. Kanaanis Ameerikaafi Baankiin Addunyaa gargaaruun biyyoonni sadan garaa garummaa hedduu hiikuun danda'anii ture.

Gara dhummaatti garuu, osoo guttummaatti waliigalteerra hin gahamiin, qabxilee muraasa irratti waliif haa mallatteessinu yaada jedhu dhiyyeessan. Nuti ammoo osoo waliigalteerra hin gahamiin dhimma garaagarummaa qaburratti waliif mallatteessuun fudhatama hin qabu jennee itti himne.

Kun osoo kanumaan jiruu mariin biraa itti fufe. Ammas ejjannoodhuma walfakkaatu qabanne nuti. Yeroo kana ture Ministirri Maallaqaa Ameerikaa 'Isin walii galuu waan dadhabdaniifuu gargaarsa Baankii Addunyaatiin sanada waliigaltee qopheesseen dhiyeessa' kan jedhe.

Nutis 'kun gonkumaa hin ta'u, kan mari'atu nuyi waan taaneef, numatuu mari'achuun hiikuu qaba malee sanada qaamni biraa qopheessee malatteessaa jedhu hin fudhannu,' jenneen.

Warri Masrii battalumatti ni fudhanna jedhan. Nuti garuu Ameerikaafi Baankiin Addunyaa nu marsiisuuf malee sanada qopheessuun nuuf dhiyyeessuuf hin turre. Kun kaayyoon ka'umsaa keenyaan faallaadhaa. Mariichi kallattii gadhiiseera. Adeemsa akkasii keessa galu hin dandeenyu,'' jechuun yaada dhiyeessineef. Sababii kanaa amma marichi adda citeera.

BBC: Gama Itoophiyaatiin kanaan boodaa marichaan walqabatee maalitu eegama?

Obbo Gadduu Andaargaachoo: Nuti mari'atamee waliigalamuun ni danda'ama jennee amanna. Kanaaf ammoo, dhimmi warra Misirirraa eegamu tokkootu jira. Kunis bishaan Abbayyaa qabeenyaa Itoophiyaa, Suudaan fi kan Masrii kan walinii ta'uu hubachuun, Itoophiyaan mirga bishaan kanatti fayyadamuu kan qabdu ta'uu amanuu qabaatu. Isaan booda qaama sadaffaa osoo hin barbaachifne waliigaluun ni danda'ama.

Waliigalteerra gahamuun kan hin danda'amne yoo qaamni tokko mirga qaama biraa haaluudha. Keessattuu gama Masriitiin dhaala bara koloneeffannaa sana itti fufsisuuf jecha waliigaltee bara 1959 Suudaan waliin mallatteessaniifi itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa hin taane sana itti fufsiisuu barbaadu. Yaaliin kana itti fufsiisuuf taasisan dhaabbachuu qabaata.

Kanaan alatti haala bishaan itti guutamuufi itti gadhiifamuufi dhimmoota kana fakkaatan ilaalchisee hanga marii daangeeffamaan taasifamuun waliigalamuun danda'ameetti, gama Itoophiyaatiin yoomiyyuu karri keeenyaa baanaadha. Qaamni biraa sanada qopheessee isarratti mari'achuu osoo hin taane numti haala fedhii keenya calaqisiisuun tokko tokkoon mari'annee waliigalteerra gahuun ni danda'ama.

BBC: Marii kanarratti hirmaannaa Ameerikaafi kan Baankii Addunyaa attamiin gamagamtan isin? Ameerikaan Itoophiyaan akka sanadicha mallatteesituuf dhiibbaa taasisaa turte yaadni jedhu ture, gama kanaan ilaalchi Itoophiyaan qabdu maal?

Obbo Gadduu Andaargaachoo: Jalqabarratti warri Ameerikaa tajjabdummaan ejjannoowwan walirraa fagaatanii turan akka walitti dhufan taasiuun nu gargaaraniiru. Kun kan cimu miti. Haata'u malee, adeemsa keessa Ameerikaanonni adeemsichi dafee akka xumuramu barabaadan. Dhimmichis dafee xumuramee argu barbaada.

Gama keenyaa ammoo waliigaltee Abbayyaa kanaan dhaloota ammaatiin qofa osoo hin taane, isa dhufuurrattis haala dhiibbaa hin qabaanneen, waliigaltichi of eeggannoon ilaalamuu qabaata jenne amanna. Kan sardame ta'u hin qabaatu. Kana malees, mariicha keessatti abbaa ta'uu kan qabnu biyyota sadan.

Kanaaf, dhiibbaa keessan olaanaa nurraan gahuun waliigaltee haqa qabeessa irra akka geenyuuf nu hin geessusuu jechuu keenyatu garaa garummaa uume.

Jalqabarratti gama sadeeniinu haala tasgabaa'een mari'atamee carraan itti waliigalteerra gahamu ture. Garuu haala qaxxaamuraatiin dhimmoota nuti gonkumaa fudhachu hin dandeenye akka fudhannuuf dhiibbaa taasisuun itti cimee adeemnaan kun lakkii adeemsa sirrii miti jenneen. Isaan ammoo ejjaannoo waliigaluu qabdu jedhu fudhatan.

Gara dhummaatti guutummaatti mootummaa Ameerikaadha jedhee fudhachuu baadhulleen, keessattuu Minisitirri Maallaqaa (head of Treasury Department) dhiibbaansaanii cimaa dhufe. Kun ammoo sirrii miti, fudhatamas hin qabu.

BBC: Kanaafuu Ameerikaafi Baankiin Addunyaa mariisisummaatti osoo deebii'anii Itoophiyaan rakkina hin qabdu jechuudhaa?

Obbo Gadduu Andaargaachoo:: Mariin gaggeefamu kan kaayyoo irratti hundaa'e haata'u malee, Itoophiyaan kan marisiisu eenyu ta'uuyyu omaa miti. Mariin kunis biyyoota sadan abbaa dhimmaatiin ta'u qabaata. Yaaliin taasifame kan marii bu'a qabeessa ta'erraas nu geessisu miti.

Mariin akkas gara fuuladuraatti kan rakkina dhiisee darbu ta'a. Warri kaan nu gargaaruufi nu deeggaruu danda'u, garuu bakka nu bu'uu hin danda'an.

BBC: Masriin fedhii bishaan qulqulluu harka 90 kan argattuu bishaan Abbayyaarraati. Kanaaf, hidhichi fedhii bishaanii kiyyakoo balaarra busaa jechuun yaaddoo qabdi. Yaaddoon ishee kun fudhatama hin qabuu?

Obbo Gadduu Andaargaachoo: Warri Masrii waliigalte nuti haqa qabeessa miti jenne akka mallatteesinu barabaadu. Nuti ammoo waan dantaa biyyaaleessaa keenya miidhuuf hin mallatteesinu jenneerra. Kan bu'urreeffachuunis duula adda addaa gaggeessa jiru. Dulli kunis fiixaan haa bahuufi haadhiisuun dhimma biraa ta'ee osoo jiru, nuti daandiin isaan qabatan sirrii miti amantaa jedhu qabna.

Nuti mari'annee osoo rakkinicha hiikuu dandeenyuu, dhiibbaan dippilomaasii gama adda ddaatiin taasifamuun Itoophiyaan ni mallatteesiti jechuun yaadu yoo ta'u, kun gonkumaa waan hin yaadamneedha. Sababiinsaas Itoophiyaan bu'aa eenyutuu hin tuqne, hin tuqxus Hidhaan kunis ijaaramaa kan jiru Itoophiyaa keessatti.

Bishaan Hidha kanaaf kuufamuuf kan Itoophiyaa keessa maddu. Gahee mataashee malee gahee Masrii miti kan kuuftu. Hidhiaankunis kan hiyyeessi osoo hin hafne lammiileen biyyattii gumaachuun ijaaramaa jiruudha.

Kanaaf, waliigalteen Hidhaa kan ilaalchisee taasifamu kan dantaa biyyattii walitti fufiinsa qabu mirkanneessuu yoo ta'e malee, dhiimmaa qaama kamiinuu, ykn soodaachisuun kan ta'u miti.

Kan wayyuuf obbolaa saanii waliin mar'achuun dhimmicha salphiisuuf yaaluudha. Kaayyoon Itoophiyaa Abbayyaa ajandaa waldhabdee taasisuu miti. Nuti Abbayyaan madda walta'iinsaa akka ta'u barbaadna.

Annisaan Hidhaan kun maddisiisuu Itoophiyaa, Suudaan yoo barbaadan Masriifilleen ooluu danda'a. Itoophiyaan biyya dinagdeeshee guddifachuuf yaalaa jirtuudha. Qofaas osoo hin taane biyyoota ollaa waliin guddachuuf fedhii qabdi. Kaayyoo kana keessatti Abbayyaan madda walta'iinsaa akka ta'uudha fedhiin keenya. Sochiin warri Masrii bakkeewwan adda addaatti taasisan bu'aa kan qabu natti hinfakkatu.