Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan murtee Liigiin Arabaa hidha Abbayyaarratti dabarse guutummaan guutuutti hin fudhu jette
Ministirri Haajaa alaa Itoophiyaa murtee Manni Maree Seera raawwachiftuu Liigii Arabaa Bitootessa 5, 2020 [kaleessa] dabarse mormuun ibsa har'a baaseen, Itoophiyaan waan murtaa'e 'guutummaa guutuutti' hin fudhattu jedheera.
Masriin adeemsa waliigaltee itti- fayyadama Hidha guddicha Abbayyaa irratti deggarsa miseensota Liigii Arabaa argachuuf jecha yaada dhiyeessite Sudaan mormuun ishee ni yaadatama. Haa ta'u malee, miseensota liigichaa hafaniin sagalee caalmaan darbeera.
Itoophiyaan ammoo murtee kana 'guutummaa guutuutti' hin fudhattu kan jedhee ibsi kun, murteen kuni haala qabatamaa marii hidhicharratti taasifame osoo xiyyeeffannaa keessa hin galchiin duchaadhumaan kan murtaa'edha jedheera.
Itti dabaluunis, ejjannoo Sudaan murtii Liigii Arabaa kana fudhachuu diduu isheetiif baay'ee akka dinqisiifatu ibseera.
Kanaanis, Sudaan irra deebiin sagalee haqaa ta'uushee kan mirkaneessiteefi ejjannoon ishee kunis furmaata hundaaf haala wal qixaan hojjatu barbaachuf kan deeggaru ta'us ibseera.
Liigichis akka dhaabbata walitti qabaa biyyoota walabaatti dhugaa fi wal qixxummaa bakka bu'iinsa fedhee biyyoota dhimmicha keessatti hirmaatan xiyyeeffannaa keessa galchuutu irraa eegama tures jedheera ibsi kun.
Haa ta'u malee, faallaa kanaan yoo raawwatu, amanamummaa fi dandeettii nageenya, tasgabbii fi walta'iinsa addunyaa gaaffii keessa kan galchuudha jedheera.
Itoophiyaa ammoo akkuma kana dura waltajjiiwwan mootummootaa irratti dubbataa turte ammaas ''fedhii dhalootashee kan ammaafi kan egeree guutuuf bishaan Abbayyaatti fayyadamuuf mirga qabdi'' jechuun jala muruun ibsichi kaa'eera.
Lagni Abbayyaa kan daangaa qaxxaamuru ta'us Itoophiyaa qajeelfamawwan bishaanicha haala walqixaafi haala fudhatamaa ta'een akkasumas miidhaa cimaa haala hin qaqqabsiisneefi waliigalteen itti fayyadamu ni kabajjis jedheera.
Ammas marii ifaafi walitti fufaan fala hunda fayyadu irra gahuf ammas carraan jiraachuu isaa Itoophiyaan ni amanti jedheeras.
Kana malees, Itoophiyaa qajeelfamawwan Waliigaltee (DoP) dursa bishaan guutuuufi ijaarsa hidhichaaf bu'uura ta'eef ni cimsitee ni kabajji jedheera.
Qajeelfamichi waliigaltichaas osuma hojiin ijaarsa hidhichaa gaggeefamaa jiruu marsaa jalqabaa bishaan akka guutamuuf hayyama.