Kiiroos Asfaawu: Bishaan Abbayyaa anaafi ummata Itoophiyaaf qoricha’

Maxxanfame

Kiiroos Asfaawu dhalataa naannoo Tigraayi yoo ta'u, waggoota saddeetiif osoo adda hin kutiin walakkaa mindaasaa boondii hidha guddicha Abbayyaa ittiin bitaa jira.

Ofii Kiiroos eenyuu?

Maatiin Obbo Kiroos ijoollee jaha godhatani. Sababoota adda addaan ijoolleen isaanii shan du'anii Kiroos qofaatu keessaa hafe.

Maatiin isaaas Kiiroosis akka ijoollee kaaniitti akka jalaa hinduune yaadda'un hanga waggaa kudha afuriitti maqaa dubaraatiin waamaa guddisan. Akkana gochuun immoo Tigraayitti aadaadha.

Akkuma waggaa 14 guuteenis ALI bara 1972'tti qabsoo TPLF'tti makamuuf gammoojjii bu'e.

Osoo qabsoorra jiru miidhaa mataasaarra gaheen baatii jahaaf of wallaalee ture. Balaa kanaanis ijasaa tokko dhabe.

Erga miidhaan qaamaa irra qaqqabeen booda ture gara maatiitti deebi'uun baratee leenjii ogummaa fayyaa kan hordofe.

Bara 1984 irraa kaasees Naannoo Tigraayi godina Jiddugalaa, Magaalaa Abbiyyu Adiitti, Hospitaala Adiitti narsummaan keessattuu ogummaa fiziyooteraappiitiin tajaajilaa jira.

Egaan walitti fufuun waggoota saddeettan darbaniif miindaa galii hojiisaa kana irraa argamu keessaa walakkaa boondii Hidha guddichaatiif oolchaa jira.

BBC: Naannoo jireenyaa keetti namoonni 'Kiiroos Boondi' jechuun si waamu. Kun maaliifidha?

Kiiroos Asfaawu: Hidhi Guddichaa wantoota Ministira Mummee duraanii Mallas Zeenaawii ittiin yaadamu keessaa tokko.

Innis murtee kutannoo taasisuun eegalchiseera. Tibba sanattis jechi inni maallaqa, humnaa fi ogummaa keenyaan ijaarruudha jedhan yoomiyyuu hindagadhu.

Kanaan kan ka'e hanga hidhichi ijaaramee dhumutti walakkaa miindaa kiyyaa kennuuf ofiif waadaa gale. Waadaa kiyya sana eeguufis kunoo walitti fufee waggoota saddeettan darbaniif boondii bitaan jira.

BBC: Amma waliigalatti boondii meeqa qabda jechuudha?

Kiiroos Asfaawu: Waliigalatti boondii 95 biteera. Kan dhumaa baatii Guraandhalaa 25, 2012 bite.

BBC: Waan waadaa seentan akka eegdaniif wanti isin dandeessise maali?

Kiiroos Asfaawu: Waadaa kanan galee Abbayyaaf malee namaaf miti. Ummanni Itoophiyaas hidhichi akka hojjatamuuf barbaada. Hidhamees bu'aa ummataatiif ni oola abdii jedhun qaba.

Kanaafuu anis walitti fufiinsaan yoo boondii bitu maallaqni narraa hafee ykn namni na gargaaru jiraate osoo hintaane, abdiin hojjatamee hojiirra ni oola jedhu waanan qabuufiidha.

Tarii ani kallattiin hidha kanarraa bu'aa hinargadhu ta'u mala. Garuu, akkuma lammii biyyattii tokkootti na qaqabu mala. Hunda caalaa ammoo imaanaan Mallas Zeenaawii bahachuun barbaada.

Rakkoon Itoophiyaa maallaqa osoo hintaane, siyaasaa fi nageenya dhabiinsadha

Osoo haaluma jalqabameen itti fufamee ta'ee, Abbayyaa lammaffaa eegalla ture. Yeroodhuma qabameetti xumuramee hojii eegale osoo ta'ee baay'ee bu'aa irraa arganna turre.

Haa ta'u malee, rakkina hoggansa siyaasaatiin harkifatee guffachaa tureera. Rakkoon mudatulleen ammoo amantaa ni ijaarama jedhuun qaba.

Wayitan bakka hidhi itti gaggeefamaa jiruutti imaleettis dhagaafi bishaan lagiichaa fuudhen deebii'e.

Dhagaan kunis bakki hidhi kuni itti ijaaramaa jiru hangam rakkisaa akka ta'ee kan mul'isu yoo ta'u, nuti ijaarsa sana dhugoomsuuf amantaa cimaa qabaachu keenya aragsiisa.

Bishaanichas akka mallattoo qoricha ummata biyyattiitiin olkaa'e.

BBC: MM Abiy erga gara aangootti yeroo dhufan hoggantoonni dur turan hidhichi hojii propoggaandaatti itti fayyadamuun alatti hojiin ijaarsaa hinraawwatamne.

Maallaqnis malaammaltummaan badeera. Haala kanaafuu ijaarsichi waggaa 10 keessattu hindhumu jedhanii turan. Injinar Simanyanis konkolaataa isaanii keessatti ajjeefamanii argaman.

Kana hunda yoo dhageessu maaltu sitti dhagahame?

Kiiroos Asfaawu: Dhugaadha kana hunda wayitan dhagahuutti gaddeen ture. Haa ta'u malee, boondicha bitu dhaabuu hindandeenye.

Hoggansi ammaatiis barbaachisummaa hidhichaatti kan amanu yoo ta'e, amantaa ijaarsisaa ni xumurama jedhuun qaba.

Duuti Mallasiifi kan injinarichaa anaaf tokkuma. Du'a isaattis baayyee gadduun boo'eeras. Garuu ani waanan qabsaa'aa tureef abdii hinkutanne.

Tiibba adda waraanaa jirru aanga'oota jaalleewwan keenya ciccimoo du'aan dhabneera. Taatee sanaanis baay'ee gaddinee boonya.

Eenyutu bakkasaanii nu hogganaa laata jennee yaaddoon qabamna ture. Garuu ammoo hoggantoonni gootaa kan biraa bakka bu'uun qabsoo keenya hoggananii jiru.

Kanaafuu ammas gootooti adeemsa keenya hogganuun hidha kanan fiixan baasa jiraachusaaniif abdiin qaba.

Abbayyaan hirmaannaa ummataatiin ni ijaarama jedheen amana. Isaaniis gara neegaatiivi yoo galan nuti ammo gara pozatiiviitti imalla jedheen yaada.

BBC: Eeyyu waliin?

Kiiroos Asfaawu: Abbayyaan akka hin hidhamne warra taasisaa jiraniifi kanneen maallaqni isiin buufatan nyaatameera kanneen jechuun abdii nu kutachiisaa turan waliin jechuu kiyya.

BBC: Amma oduu qofaan osoo hintaanee Masrii, Ameerikaa fi dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa kan biraas ijaarsa abbayyaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtu mirga isheen qabduu akka dhabduuf dhiibaa taasisa jiru.

Kanaafuu isin haalli kun dhiibbaa qabaata jechuun ni yaaddooftu?

Kiiroos Asfaawu: Ana akka dhuunfaa kiyyattii dhiibbaa baayyeetu narra gahe. Daa'ima xiqqoo kaasee namoonni dhufanii Abbayyaan gurgurameera, maallaqni keessa badeera naan jedhu.

Anga'oonni keenyaa Hidha abbayyaa ilaalchisee murannoo waan agarsiisuu dhabaniif biyyoonni kunneen amma akkasiin bookkisani. Garuu hiikaa hinqabaatu. Nuti inuma ijaarra.

BBC: Akkamiin hiika hin qabaatu? Biyyoota gurguddoo mitii?

Kiiroos Asfaawu: Yoo tahanihoo? Waadaan ani qabu Mallas ni dhuma jechuu isaati. Ameerikaa haataatu Masrii akkasumas namootumti keenyi ijaarsi hidha kanaa akka hin milkoofne danqaraa tahan jiru.

Garuu kanas ni darbina amantii jedhu qaba, Mallasillee kanumaaf nu jajjabeessetu darbe.

BBC: Bara jireenyi qaala'e kanatti walakkaa mindaa ji'a ji'atti ummata kaffalaa jechuun hin ulfaatuu?

Kiiroos Asfaawu: ''Soreessi akka isaa sifaahuuf, harka qalleessis akka darbuufii' jedhu firoonni keenyi.

Hidhi kun gaafa xumuramu qarshiinsaa karaa al kallattiin na bira gaha. Galata kee otoo hin nyaatiin hin bulle, hin oolle.. ijoolleen koos ni baratu, qarshiin ergus daa'ima kootti akkan erge natti dhagahama.

Kanaaf baankiin naannoo koo jiru boondii mirkanaa yoo naa kennees bilibila dhaheen qaqqabeeraa jedheen gaafadha. Gammachuu naaf kenna.

BBC: Hidhaa kana ijaaruun garuu qarshii biiliyoonaan lakkaa'amu gaafata.

Kiiroos Asfaawu: Nan beeka garuu ummatni Itoophiyaas miiliyoonaan lakkaa'ama. Inni boondii bituu danda'u yoo bite kaan immoo guyyaatti qarshii tokko yoo baase miiliyoonni meeqni hin argamuu?

Kuni waggaa waggaan walitti idaa'amee hidhicha ijaaruu ni danada'a.

BBC: Kanaaf?

Kiiroos Asfaawu: Kanaafimmoo hidha kana ijaarree ni xumurra amantiin jedhu yaada guddaa fi xiqqaa, dargaggoo fi hogganaan keessa jiraachuu qaba.

Yaada badaa siyaasaa geeddaruu qaba. Walitti bu'insa amantii fi sabaa wal qoqqoduuf nu saaxile cabsuu qabna.

Kutannoon ummatani Itoophiyaa tibbana agarsiise natti toleera.

Mootummaanis fuulduratti yoo beekuu baanneyyuu yaada Ameerikaan amma dhiyeessite mallatteessuu dhiisuusaatti aaara galfiitu natti dhagahame.

Fuulduratti garuu qoramaanni nu hin mudatu jechuu miti. Rakkoon amma agarru garuu walitti ida'amee, abdii hidha keenya ijaaruurraa nu hanqisu tahuu hin qabu.

Garaagarummaan siyaasaa kamiyyuu yoo uumame Abbayyi garuu tokko nu taasisuu qaba. Qormaata kana hundumaaa darbinee xumura hidhichaa guyyaatti agarru nan eega.