Fayyaa: Wantoota biiroo keessatti nama si'eessan shanan

Maxxanfame

Yoo barcumarra teessee hojii hojjetaa oolta ta'e si'oominaan dalagaa kee milkeessuun rakkoo guddaadha.

Kana sirreessuuf yaaltus tarii hojiin sitti heddumaatee yeroo dhabda ta'a. Yeroo tokko tokko biirooma walakkaatti ol kaatee sochii qaamaa hojjechuun akka sirra jiraatu beekta. Garuu kana gochuuf namni ofitti amanu jiraa?

Maalumaafuu qabxiiwwan shanan biiroo keessa si'oominaan nama tursuuf gargaaran kunooti.

Meeshaalee ispoortii minjaaluma hojiirratti fayyadamuu

Meeshaaleen ispoortii xixiqqoo utuu minjaalarraa hin siqin achumatti sochii qaamaa hojjechaa hojii keenyas hojjennu ni jiru. Kanneen akkaataa dandeettii ofiitiin ilaalanii bitatanii bakkuma hojiitti fayyadamuun nama si'oomsa.

Hiixachuu fi kottoonfachuu

Hiixachuuf yookiin kottoonfachuuf barcuma keerraa ka'uun hin barbaachisu. Achuma teessee sochii kanneen hojjechuun hafuura galfachaa hafuura baafachaa boqonnaa argachuu dandeessa.

Ergasii booda nama haaraa taatee hojii keetti deebita. Waan eegaltes si'oominaan xumurta.

Yoo hiixachuu barbaadde mataadhaa hanga lukaatti hiixadhu, bargaanfadhuu sassaabbadhu. Haala Kanaan daqiiqaawwan muraasa keessatti qaamni kee boqnnaa argatee haaroma.

Ka'ii deemsa gabaabaa deemi

Deemsi suuta deemnu yookiin afaan Ingiliziitiin 'walk' inni jennu fayyaa namaaf baayyee barbaachisaadha.

Wayita hojiin sitti heddummaatee boqonnaa dhabdee dhiphattu ka'ii deemsa gabaabduudhaan futtaafadhu. Yeroo qabadhu.

Guyyaatti hagam deemuu akka qabduu fi mana hojii keessattimmoo yoomii fi yeroo hagamii akka deemuu qabdu murteessi. Isa booda hojii kee si'oominaan itti fufta.

Sochii qaamaa gaggabaaboo

Yoo yeroo argatte gidduudhaan sochii qaamaa gaggabaaboo hojjedhu. Onneen kee boqonnaa argatti, gara hojii keetti wayita deebitus xiyyeeffannaa guddaa kennita jechuudha.

Wantoota sammuu kee hojjechiisan irratti xiyyeeffachuu

Kana jechuun sammuun keenya yeroo mara waan haaraa akka yaadu, yaadota garaagaraa burqisiisee akka hojii haaraatti bohaaru gochuudha. Yeroo hunda jiruu keenya keessatti waan haaraa uumuu yoo amaleeffanne hojiin nu hin jibbisiisu.

Hojiima tokko, kan duraan baratame qabannee yoo teenye garuu nu nuffisiisa.