Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Veetnam namoota mootora oofaa qaama osoo dhiqatanii warrabaman adabe
Gabaasni akka jedhutti namoonni lama osoo mootora oofanii qaamasaanii dhiqatan kunneen poolisiidhaan adabamaniiru.
Huynh Thanh Khanh, nama umurii ganna23 fi namni lammaffaan osoo qaama dhiqatanii viidiyoon kan waraabbame bulchiinsa Binh Duong keessatti.
Viidiyoon kun akka agarsiisutti namoonni lamaan kunneen bishaan of bira kaa'achuun saamunaadhaan yeroo dhiqatan mul'isa.
Namni duubarraan taa'e sun yeroo bishaan ofittiifi konkolaachisaatti naqu ni mul'ata.
Viidiyoonsaanii miidiyaa hawaasummaarratti hedduminnaan waliin qoodamuusaatiin namoonni hedduu viidiyicha ilaaluun namoota kanneen laman qeeqaniiru.
Poolisiin erga viidiyoo kana daawwatee booda achi buutee namoota kanneen beekuu danda'eera.
Lakkofsi gabatee viidiyoorratti waan mul'atuuf poolisiin akkuma salphaan to'annaa jala oolchuuf gargaareera.
Gaafa Roobii poolisiin Binh Duong konkolaachisaa viidiyoorratti mul'atu gaafiif dhiheesseera.
Khanhfi namni lammaffaan sababa seera tiraafikii hin kabajineen, akkasumas kooffiyyaa yeroo mootora oofan godhatamu (heelmeetii) osoo hin godhatiin oofatan jechuun birrii 2,400 adabamaniiru jedha gaazexaan biyyattii tokko.
Dabalataanis namni mootorasaa Khanah'f kenne nama konkolaachisuudhaaf gahumsa hin qabneef mootora kee kennite jechuun adabameera jedha gabaasni gaazexichaa.