Konkolaachisaa konkolaataa barattoota fe'etti ibidda qabsiise

Maxxanfame

Konkolaataa barattoota 51 fe'e ture konkolaachisaa isaatiin butame magaalaa Miilaan Xaaliyaanitti ibiddaan gubate.

Barattoonni jiimii dhaqan konkolaachisaan kuni geessaa ture. Haa ta'u malee, karaa jijjiire.

Erga karaa jijjiiire booda barattoota yeroo haaduudhaan doorsisu, barataan tokko maatiitti bilbilaan hime.

Maatiirraa kan dhagahe poolisiin konkolaataa danqe. Konkolaataa poolisii erga rukute booda saffisi isaa xiqqaate akkuma dhaabaten konkolaachisaan irraa bu'e.

Achii boba'aa itti naqee konkolaataa barattoonni keessa jiranitti ibidda qabsiise.

Ta'us, ijoollee, gar tokko harki hidhame, karaa foddaa duubaa caccabeen poolisiin nagaan isaan baasuu danda'eera.

Namni miidhames hin jiru. Kudha afran isaanii garuu araan ukkaamfamani turan.

Konkolaachisaan lammii Xaaliyaanii, 47, dhufaatiin isaa Senegaalii ta'e to'annoo seeneera.

''Tokkon keeyyuu hin haftan,'' yeroo jedhe dubbatu dhagahameera.

''Ajaa'iba, ajjeechaa hamaa ta'a ture,'' jechuun abbaan alangee olaanaa Miilaan Firaansisko Girekoo dubbachuutu gabaafame.

Barsiisaan konkolaataarra ture akka himetti konkolaachisaan imaammata godaansa Xaaliyaaniifi du'a baqattoota galaana Meditiraaniyaan irratti ta'un baay'ee aara ture.

''Du'a galaanarraa dhaabaa, kanaan achi ajjeechaan raawwadha,'' jechuun iyyaa dubbachuu isaa dubbii himaa poolisii Maarko Paalmiyerii jedhan.

Abbootin alangee akka jedhanitti shakkamaa kuni butu, ajjeechaa jumlaa, ibidda qabsiisuufi hidhamuu diduun himatamuu mala.

Obbo Giresoon immoo qondaaltonni shororkessummaan himachuuf barbaadu jedhu. Shakkamaan kuni kanaan durallee dhugani oofuuniifi haleellaa raawwachuun himatamani turan.

Gama kaaniin, labsiin Fulbaana keessa bahe baqattoota bakkatti deebisuufi yoo yakka hamaa dalagan immoo lammummaa isaanii mulqu baheera.

Sababa kanaan lammummaa shakkamaa kanaa mulquun danda'amu irratti ministirri biyya keessaa biyyattii qorataa akka jiru AFP'n gabaasera.