Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Covid-19 waliin addunyaan akkamiin oolte?

    Jarmanitti lakkoofsi namoota  koronaavaayirasiin qabamanii dabaleera

    Madda suuraa, Rooyitars

    Addunyaarratti namoonni 787,000 ol sababa Covid-19 lubbuu dhabuusaanii ragaan yuunvarsiitii Joon Hopkiins mul’iseera.

    Afrikaatti namoota 1,084,905 koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e keessaa 780,046 yoo fayyan, 24,683 ammoo dhibee kanaan lubbuun darbeera.

    Biyya Indiyaattis lakkoofsi namoota Kamisa har’aa Covid-19 qabamanii 69,652 qaqqabe. Waliigalatti Indiyaatti namoonni mil 2.84 koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Biyyoota Awurooppaattis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera,Ispeenii fi Xaaliyaanitti ji’a tokkoo keessatti lakkoofsa namoota qabamanii olaanaatu galmaa’e.

    Jarmaan Kamisa kana namoota haaraa guyyaa tokkotti qabaman 1,707 galmeessite, Ji’a Ebla darbe asitti lakkoofsa olaanaadha.

    Kana malees, Kooriyaan Kibbaas lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii daballaan,namoonni 10 ol akka waliitti hin qabamne magaalaa guddoo biyyatti Soolitti daangessiteetti.

  2. Manni murtii Yugaandaa maatii ijoolleensaanii yeroo da’umsaa du’aniif beenyaa doolaar 84,000 murteesse

    Manni murtii Heeraa Yugaandaa mootummaan haadholiif tajaajila fayyaa bu’uuraa kennuu hanqachuun mirga heeraa isaanii kan sarbuufi dubartootni namummaan gaditti akka jiraatan kan godhu dha jedhe.

    Manni murtichi maatii haadholii sababii da’umsaan dhabani lamaaf beenyaa doolaara 84,000 ajajeera.

    Murtoon kun erga himannaan banamee waggaa sagal booda kenname. Fayyaan haadholii heera biyyattii keessatti iddoo akka argatullee taheera.

    Himannaan kun falmattoota mirgoota fayyaa fi haadholii ijoolleen isaanii sababii da’umsaan dhabaniin baname.

    Maatiin kunneen ijoolleen isaanii ulfaa lamaan hanqina meeshaalee fayyaa fi rakkina namuusa ogeessota fayyaan hospitaala keessatti du’an jechuun falmatan

    Himannaan kun sadarkaa kunuunsi fayyaa haadholii Yugaandaa maal irra akka jiruufi mootummaan foyyeessu dadhabuu isaa kan saaxile ture.

    Manni murtii qondaalotni baasii fayyaa haadholiif tahu akka dabaluufi ogeessotni leenjifaman waggaa lama keessatti akka guutaman ajajeera.

    Akka Qorannoon Fayyaa Yugaandaa agarsiisutti yoo tahe guyyaatti dubartoonni 16 rakkoo ulfaafi da’umsaa waliin dhufuun du’u.

    Haadha daa'ima baattu

    Madda suuraa, Getty Images

  3. Dooniin Liibiyaarraa imalaa turte dhohuun yoo xiqqaate namoonni 45 du’an

    Doonii galaanarraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dooniin kun osoo imaltoota 80 feetee jirtuu akkuma imala eegalteen buufata Doonii Liibyaa Zwara’tti dhohuun yoo xiqqaate namoonni 45 kan battalatti du’an.

    Namoonni hagi kun akka du’an namoota 37 ta’an kanneen kiyyeessitoota qurxummii naannawa sana turaniin lubbuun isaanii baraarametu dubbatan.

    Dhaabbileen dhimma baqattootaa UNCHR fi IOM lubbuu baraartonni hedduun naannawa kana yoo hin jiraanne baqattoonni hedduun galaana Meediteraaniyaaniitti dhumuu danda’u jedhan.

    Bara kana baqattoota karaa Liibyaa biyyoota Awurooppaa imalaa turan keessaa namoonni 300 caalan du’aniiru.

    Erga Hoogganaan duraanii biyyattii Mu’ammar Gaadaafii bara 2011 aangoorraa buqqifamanii ajjeefamanii Liibyaan ulaa baqattoonni ittiin gara Awurooppaa ce’an taateetti.

    Baqattoonni Liibyaa erga seenanii gidirfamaa akka turan kan ibse UNHCR, amma ammoo biyyattii keessa nageenya waan hin jirreef baqattoonni daranuu gidraa argaa jiru jedheera.

  4. 'Mootummaan karaa nagaatti balbala waan cufateef uummanni karaatti ba'e'

  5. Qondaalli Sudaan ejjennoosaanii ibsanii aangoorraa hari'ataman

    Yaada dhuunfaa koon dubbadhe jedhan Haayidar Badaawin

    Madda suuraa, Anadol

    Ibsa waa'ee suuraa, Yaada dhuunfaa koon ibse jedhan Haayidar Badaawin

    Dubbi-himaan dantaa alaa Sudaan eeyyama malee hariiroo Sudaan fi Israa'eel irratti ejjennoo Sudaan waan ibsaniif aangoorraa hari'atanan.

    Haayidar Badaawin wayita Sudaan hariiroo mootummaa Israa’el wajjin qaban qajeelchuuf mariyachaa jiranitti ibsa kennuun hojiirra gaggeefffaman.

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjamin Netanayaahuu,yaada ibsame simanneera jedhanii turan.

    Sa’aatii tokko booda garuu,Ministirrii dantaa alaa Sudaan Omar Qamariddin mootummaan dhimma kanarratti tasumayyuu hin mariyanne jedhan.

    Boodarra Haayidar Badaawin gahee dhuunfaa kootiin dubbadhe jedhani.

    Torban darbe UAE’n hariiroo Israa’el wajjin qabdu kan haaromsite wayita ta’u, Guraandhala darbe Sudaan hariiroo waliin qaban haaromsuuf marii eegalan.

  6. ‘Waggaa lamaaf nyaadhee hin beeku’

  7. Keeniyaan qabiyyee dhiiga pilaazmaatiin dhukkubsattoota Covid-19 yaaluuf

    Kutaa yaalii

    Madda suuraa, Reuters

    Seelota dhiigaa keessaa tokko kan ta’e qabiyyeen dhiigaa pilaazmaa, inzaayimoota, soogiddaa fi bishaan of keessaa qaba.

    Gosi dhiigaa kun qaamni keenya weerara dhibee alaa itti seenu ofirraa loluuf qaama keenya kan gargaaruudha.

    Keeniyaan gosa dhiigaa kanaan namoota Covid-19 dhukkubsatan yaaluuf akka hojjechaa jirtu ibsite.

    Dhangala’aa gosa dhiigaa halluu gara keellootti siquu fi dandeettii vaayirasicha qolachuu qabu kun namoota Covid-19 irraa dandamatan irraa argama jedha Ministeerri Fayyaa Keeniyaa.

    Ministeerri kun akkaataa qabiyyee dhiiga kanaa fayyadamuun danda’amurratti qajeeltoon sirrii ta’e bu’uureffamaa jira.

    ‘’Qorannoo kanaan ogeeyyiin akkamiin dhiiga kana namoota dhibamanii dandamatan irraa argatu kan jedhu dhimma ijoodha. Kan haala kanaan wal’aanamanis kanneen dhukkubbii giddu galeessaa qabaniidha’’ jedhan qondaalli Ministeera kanaa Meersii Waganga.

    Addunyaarratti qorannoowwan 80 caalan, dhiiga namoota Covid-19 irraa dandamataniirratti gaggeeffamaa jira.

    Afriikaan Kibbaas yaalii kana gaggeessaa jirti.

  8. ‘Apple’ kaampaanii Ameerikaa gatii tiriiliyoona 2 baase is jalqabaa tahe

    Dhaabbatni teekinolojii Apple kaampaanii Ameerikaa yeroo jalqabaaf doolaar tiriiliyoona lama baase tahe.

    Milkaa’ina kanarra kan gahe erga waggaa lama dura dhaabbata addunyaa doolaara tiriiliyoona baase taheen boodadha.

    Gabaa ganamaa Ameerikaa Roobii irratti qooda doolaara 457.77 qabaachuuni kan tiriiliyoona 2 gale.

    Akka addunyaatti kaampaaniin doolaara tiriiliyoona lama baasee ture dhaabbata boba’aa Saa’udii Araamkoodha.

    Haa tahu malee gatiin Armaakoo gad-bu’ee doolaara tiriiliyoona 1.8 tahuun Apple dhaan caalameera.

    Dhaabbatni bilbila iphone gurguru kun daldaluma weerara koroonaavaayirasiin qabbaneesse keessatti dha gaheen bittaa isaa harka 50 kan guddate.

    Inumaayyuu gatiin gahee dhaabbata kanaa yeroo biyyooti weerarIchaan dhiphataa turanirraa qabeetu dachaan dabaluu jalqabe.

    Apple gabaasa waggaa murna sadaaffaa irratti galii doolaara biiliyoona 59.7 argachuu ibsee ture.

    Gaheen gatii Apple yeroo gabaabaa keessatti dabaluun, ‘’kan diniqsiifamu dha,’’ jechuun xiinxalaan gabaa teekinolojii Paawoloo Peskaatiroo dubbatu

    ‘’Amma bilbilli iphone 5G eegamaa jiru immoo fedhii maamiltootaa ol kaasa,’’ jedhan.

    Maaykiroosoftii fi Amaazon gabaa Ameerikaa keessatti gatii tiriiliyoona 1.6 baasuun sadarkaa Apple itti aanu qabatu.

    Hogganaa Apple

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Naannoo Oromiyaatti abbootiin seeraa hidhamuun gaaffii kaase

  10. Tamsaasa kallattii Hagayya 20, 2020 jalqabneerra

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo biyya keessaafi kan alaa gaggabaabsinee isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Aaga Dhaga'aa!

  11. Yeroon nagaa dhaammatan geesse!

    Tamsaasni kallattii keenyaa guyyaa har'aa kanumaan goolabama.

    Kamisa ganama odeessalee biyya keessaafi addunyaa wayitawoon walitti dachaana.

    Halkan gaarii.

    Mammaaksa Guyyuu BBC Afaan Oromoo keessaa tokko isiniif qoodna.

    Mammaaksa
  12. Reeffi dargaggeessa barbaadamaa ture qarqara gaaanaatti argame

    Reeffi dargageessa lammii Sudaan ganna 16 ta'eefi achii buuteen isaa dhabamee turee qarqara galaanaa Faransaayitti argame.

    Abbootiin siyaasaa Faransaay dargaggeessi reeffi isaa bakka Kalayisitti argame kun, yeroo bidiruu xiqqaan laga Ingiliish Chaanel jedhamu ce'uf osoo yaalu kan achi buuteen isa badeedha jedhani amanu.

    Barbaachi kan eegale erga baqataan tokko qarqara galaanatti kufee rakkatu erga argameedha.

    Hiriyyaan isaa daakaa hin dandeenye dooniin erga dhidhimee booda akka badee jiru anga'ootatti hime.

    Ministira dhimma biyyaa UK Piritii Pateel du'i dargaggoo kanaa akkam namootni karaa seeraan alaan nama daddabarsan nama dadhabaa irraa bu'aa buufatan kan nu yaadachiisudha jedhaniiru.

    Godaantota

    Madda suuraa, PA Media

  13. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii kuma 34 gahe

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darban keessatti namoota 21,326'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee namoota 1,336 irratti vaayirasichi argamuusaa mirkaneessiteetti.

    Kanaanis lakkoofsi namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 34,058 gaheera.

    Gama biraatiin namoonni 28 haaraa yoo du'an, hamma ammaatti namoonni 600 Covid-19 du'aniiru.

    Qorannoo sa'aatii 24 darbaniin namoonni 370 kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 13,308 bayyanataniiru.

    Naannoo Oromiyaatti ammoo namoonni haaraa 216 vaayirasichaan qabamaniiru. Naannichis sa'aatii 24 darbanitti namoota 4516'f qorannoo koronaavaayirasii taasiseera.

    Naannicha keessatti hamma ammaatti namoonni 39 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.

    Haala Itoophiyaa
  14. Talaalliin namoota hiyyeeyyiifillee dhiyaachuu qaba jedhan Phaaphaasiin Firaansiis

    Pope Francis

    Madda suuraa, Getty Images

    Phaaphaasiin Firaansiis talaallii koronaavaayiras yoo argame namoonni hiyyeeyyiinillee talaallicha argachuu qabu jedhan.

    "Talaalliin Covid-19 argamee biyyoota dureeyyiif qofa dursa kenname yoo ta'e baay'ee nama aarsa. Talaallichi qabeenya guutuu addunyaa fi nama hundaa osoo hin taanee kan biyyoota muraasaa qofa ta'a yoo ta'e nama aarsa," jedhan Phaaphaasiin Firaansiis.

    Weerarri koronaavaayiras kun "warroota hiyyeeyyiif rakkisaa ta'uun bulchiinsa addunyaa keessatti walqixxummaan jiraachuu dhabuusaa mul'iseera" jedhan.

    "Gama biraatiin vaayirasii xiqqoo garuu hamaa kanaaf yaala argachuun murteessaadha. Kunis addunyaan hundi jilbeeffachiiseera," jedhaniiru.

    "Gama kaaniin vaayirasicha yaaluu qabna, ummata haqa dhabeef, warroota carraa walqixa hin arganneef, warroota hacuucaman akkasumas warroota gargaarsa hin qabneef gargaarsa ta'uu qabna."

  15. Weellistuun beekamtuu US abbaashee mana murtiitti himatte

    Biriitinii Ispeers

    Madda suuraa, Reuters

    Weellistuun US kan taatee Biritnii Ispeers abbaan kiyya humnaa ol na to’ata kanaaf manni murtii abbaa kiyya narraa qabi jechuun gaafateetti.

    Abbaanshee waggoota 12’f dhimma dhuunfaa fi hojiishee ilaalchisuun mana murtiitiin isatu hordofa ture.

    Abbaanshee Jeemii Ispeers bara 2019’tti yeroo murtaa’eef ishee fi dhimmashee hordofuu dhiisee ture. Sababni isaas haalli fayyaasaanii gaarii waan hin turreef.

    Dinqisiiftoonni ishee ammoo Tiwiitararratti akka isheen to’annaa abbaashee jalaa baatuuf jecha duula taasisaa jiru.

    Weellistuun tun bakka bu’ummaa abbaanshee qabu haqamee akka maanaajarrishee bakka bu’ummaasan fudhatu barbaaddi.

    Manaajarri ishee Joodii Mangaamarii yeroo abbaan ishee hin jiretti dhimmoota ishee hordofaa ture.

    Abbaan weellistuu tanaa qabeenya ishee bulchaa turaniiru. Ammatti garuu weellistuun tun qabeenyashee dhaabbanni tokko akka hordofu barbaaddi.

    Biriitinii Ispeers ganna 38 yoo taatu, eega bara 2018 as dhimmoota maallaqa faana wal qabatan hordoftee hin beektu.

    Kunis sababa manni murtii dhimma mataasheerratti ofiisheetii akka hin murteessine waan ajajeefi.

    Hoji maatni mana murtii ‘conservatorship’ jedhamu kun namoonni rakkinni fayyaa sammuu yoo isaan mudatu qabeenya mataasaaniirrattillee to’annaa akka hin qabaanne godhamuudha.

    Namoota ishee daawwatanillee kan murteessan bakka bu’oota isheeti.

    Gorsa hakiimootashee dabalatee kan hojiirra oolchaniif abbaashee fi abukaatoo isheeti.

    Weellistuun tun rakkoon fayyaa sammuu kan ishee mudate eega abbaa warraashee Keeviin Ferdinaand waliin bara 2017 wal hiikan boodadha.

    Ijoolleen ishee lamas ishee biratti akka hin guddanne manni murtii murteesseera.

  16. Baarseloonaan leenjisaa haaraa muude

    Roonaald Koomaan (mirgaan)

    Madda suuraa, Reuters

    Baarseloonaan taphataasaa duranii Roonaald Koomaan leenjisaasaa haaraa taasisee muudeera.

    Isaaniis leenjisaa duranii kilabichaa 'Quique Setien’tti aananii leenjisaa kilabichaa ta’aniiru.

    Roonaald nama ganna 57 yoo ta’an osoo leenjisummaa Neezarlaandis ta’anii tajaajilaa jiraniitidha kan gara Baarsaa dhufan.

    Waliigalteen isaan Neezarlaandis waliin qaban waggaan lama kan hafu ta’us, gara Baarsaa dhufuudhaan walii galtee waggaa lamaa mallatteessaniiru.

    Koomaan bara 1989 hanga 1995'tti Baarsaaf kan taphatan yoo ta’u, kilabichi liigicha keessatti waancaa afur akkasumas dorgommii Waancaa Awuroppaa akka fudhatuuf gargaaraniiru.

    Kilabiin Ispeen kan ta’e Baarsaan eega tapha Chaampiyeens Liigii Awurooppaa Jimaata darbe kilabii Jarman Baayern Muunik waliin taphatee 8-2 injfatame booda ture leenjisaasaa duraa kan ari’e.

    Roonaald Kooman yeroo jalqabaaf gargaaraa leenjisaa Guus Hidniik ta’uun ture Waancaa Addunyaa bara 1998 irratti gara leenjisummaatti kan dhufan.

    Achi boodas leenjisaa ta’uun Ayaakis fi PSV waliin waancaa ol kaasaniiru. .

    Bara 2017 kilabii Ingiliiz kan ta’e Evertan leenjisuu jalqabanis leenjisummaan isaanii ji’oota 16 ol hin turre ture.

  17. Magaalaan Covid-19 jalqaba keessatti argame akkamiin jireenya duriitti deebite

  18. Fesbuukiin fayyaa hawaasaarrattii ‘miidhaa guddaa’ uumaa jira

    Waggaa darbe keessa odeeffannoon sobaa Fesbuukii irratti sobaa si’a biiliyoona 3.8 kan qoodamee yoo ta’u yeroo weerara Covid-19tti ammoo lakkoofsi kun ol ka’uu isaa qorannoon gaggaafame mul’ise.

    Qorannoon kana kan gaggeesse gartuun rogeessotaa Avaaz, Fesbuukiin fayyaa hawaasaa irrattii ‘miidhaa guddaa’ uumaa jira jedha.

    Oggeessoti fayyaa waa’ee talaallii miidiyaa hawaasummaarratti odeeffannoo sobaa isaan qoodaan yoo talaalliin argamee lakkoofsa qophaa’uu irratti miidhaa uumu danda’a.

    Gabaasni kun ‘tarkaanfii hanga ammaatti fudhannee hin mulisuu' jechuun Feesbuukiin deebii kenneera.

    Dhaabbati Fesbuukii Ibsa baase irratti: “Kaayyoo oduu sobaa hir’usuu Avaaz qabu nutis qabna.

    ''Namoota odeeffannoo dhugaa adda baasuu addunyaa irraa qabnuun Ebla hanga Waxabajjiitti odeeffannoowwan Covid-19 miiliyoona 98 ta’an irratti mallattoo akeekkachisaa keenye.

    ''Odeeffannowwaan miidhaa uumuu danda’an miiliyoona torba ta’an ammoo haqneerra,” jedha.

    “Namoota biiliyoona lama ta’an gara maddoota abbootii taayitaa fayyaatti ergineerra, yeroo namni tokkoo waa’ee Covid-19 irratti odeeffannoo qooduuf jedhu ammoo odeeffannoo fayyaa amanamaa akka ilaalaniif beeksisa itti agrasiifna.”

    Yaaliin kun jiraatus, gaabasni Avaaz garuu odeeffannoo sobaa fayyaa irratti Fesbuukiirratti qoodaman keessa %16 qofatu mallattoo akeekkachiisaa qaba jedha.

    Marsariitiin gurguddoo 10 fayyaa irratti odeeffannoo sobaa kennu qorannichaan jedhaman, Fesbuukii irratti gabaasoota fakkeenyaaf kan Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa caalaa dachaa afur ilaalamu jedha gaabsni kun.

    Qorannoon kun fuula Fesbuukii US, UK, Faransaay, Jarmaniifi Xaliyaanii irratti kan gaggeefamedha.

    Feesbuukii

    Madda suuraa, Getty Images

  19. Jaarmiyaan fayyaa Itoophiyaa Covid-19 ala dhibeewwan isa yaaddessan maali?

  20. Dhoqqee arbaa hin ulatiinaa jechuun Naamibiyaan akeekkachiiste

    Ministeerri Fayyaa Namibiyaa Kalumbii Shanguulaa namootnni Covid-19 irraa 'fayyuuf' jecha dhoqqeee arbaa fayyadamuu akka dhaaban akeekkachiisan.

    Ogeessonnii fayyaa aadaa tokko tokko dhoqqee arbaa aarsanii ulachuun utaalloo, mataa bowwuufi funuuna irraa nama fayyisa jedhanis wal'aansi kun karaa saayinsiin hin qoratamne.

    "Namootni tokko tokko dhibee irraa ni fayyitu kan jedhuun namoota biroo qorichaa bu'uu hin qabne irratti maallaqa akka isaan baasann ni taasisu yaddoo jedhu qaba," jechuun Shangulaan AFPtti himaniiru.

    Namiibiyaa keessatti hanga ammatti namootni 4,464 koronaavayirasiin kan qabaman yoo ta'u namootni 37 ammoo du'aniiru.

    arba

    Madda suuraa, Getty Images