Covid-19 waliin addunyaan akkamiin oolte?

Madda suuraa, Rooyitars
Addunyaarratti namoonni 787,000 ol sababa Covid-19 lubbuu dhabuusaanii ragaan yuunvarsiitii Joon Hopkiins mul’iseera.
Afrikaatti namoota 1,084,905 koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e keessaa 780,046 yoo fayyan, 24,683 ammoo dhibee kanaan lubbuun darbeera.
Biyya Indiyaattis lakkoofsi namoota Kamisa har’aa Covid-19 qabamanii 69,652 qaqqabe. Waliigalatti Indiyaatti namoonni mil 2.84 koronaavaayirasiin qabamaniiru.
Biyyoota Awurooppaattis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera,Ispeenii fi Xaaliyaanitti ji’a tokkoo keessatti lakkoofsa namoota qabamanii olaanaatu galmaa’e.
Jarmaan Kamisa kana namoota haaraa guyyaa tokkotti qabaman 1,707 galmeessite, Ji’a Ebla darbe asitti lakkoofsa olaanaadha.
Kana malees, Kooriyaan Kibbaas lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii daballaan,namoonni 10 ol akka waliitti hin qabamne magaalaa guddoo biyyatti Soolitti daangessiteetti.













