Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kooriyaan Kibbaa Covid-19 to'achuuf uggura cimsite

    Mana sagadaatti dhuunfaan wal-arguun dhorkii kaa'aman keessaa tokkodha

    Madda suuraa, Reuters

    Kooriyaan Kibbaa magaalaa guddoo Sewuul irratti uggura cimaa erga keessee booda gara kutaalee biyyattii biroottis dabarsaa jirti.

    Anga’oonni fayyaa biyyattiitti lakkoofsi riikoordii 300 ol guyyaa tokkotti galmaa’uun namoonni 315 qabamuu gaafa Jimaataa ibsani.

    Biyya guyyaatti namoonni 20 gadi qabamaa jiraachuu gabaasaa turteef naasuu uumeera jechuuni Looraa Biikar BBC’f kan gabaaste.

    Weerarri alanaa kun kan madde mana kadhannaa hordoftoonni hiriira itti ba’an tokko keessaa akka ta’e himame. Kunis kan ta’e osoo mootummaan maaloo manaa hin ba’inaa jedhee kadhatuuti.

    Tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa, wal-ga’uu, mana sagadaatti dhuunfaan wal-arguu fi manneen ragadaa, manneen dhugaatii, fi manneen intarneetii cufamuun ni argamu.

  2. Fonqolcha Maalii: Lammiileen kumaan lakkaawaman magaala Baamaakootti gammachuu ibsatan

    Hiriira gammachuu magaala Baamaakoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Fonqolcha Pireezidantii Maalii Ibraahiim Buubakar Keeyitaarratti raawwatameen lammiileen gammadan kan kumaan lakkaawaman magaala gudduu biyyattii Baamaakootti bahuun gammachuu ibsatan.

    Gareen hidhattootaa Kibxata darbe fonqolcha raawwachuun Keeyitaan aangoo akka gadhiisan kan dirqisiisan yoo ta'u hawaasni idila addunyaa gocha kana balaaleffateera.

    Keeyitaan harka hidhattoota kanaa jala galuu isaaniin dura hiriironni mormii hedduun irratti gaggeefamaa waan tureef lammiilee hedduun biyyattiii fonqolcha kanarraa gammachuu qabu.

    Namootni daandiiwwan Baamaakoorratti gammachuu ibsatan vuuvuuzeelaa afuufaa turan.

    Deeggartuun dhaaba mormituu Mariyaam Sissee ''akkaa olin gammade, injifanneerra. kan as dhufne uummata Maalii hunda galateeffachuufi injifannoo uummataati'' jechuun AFP'tti himteetti.

    Gariin ammoo hidhattootni fonqolcha raawwatan aangoo qabachuu yaaduun irra hin jiru jechuun waan itti aanee ta'urratti yaaddoo ibsatu.

  3. Dursaan taphattootaa Maanchistar Yunaayitid Haarii Maaguwaayar hidhame

    Haarii Maaguwaayar

    Madda suuraa, Getty Images

    Dursaan taphattootaa Maanchistar Yunaayitid Haarii Maaguwaayar rakkoo gaafa Kamisaa odola Giriik Maayikoonoositti mudateen hidhamee qoratamaa jira

    Taphataan sarara ittisaa kun boqonnaaf Giriik kan jiru yoo ta’u, lammiileen biyya alaa sadii poolisii Maayikoonoos waliin walitti bu’uusaaniitiin hidhamuu isaaniitu ibsame.

    Abukaatoon Maaguwaayar Konistaantiinoos Daarivaas akka jedhetti taphataan kun himata irratti baname kan hale yoo ta’u, ‘‘adabbii malee har’a akka gadhiifamu ofitti amana’’ jedheera.

    Kilabiinsaa Maanchistar Yunaayitid ibsa kaleessa baaseen taphataan kun waan isa mudate nibeekna jedheera.

    "Haarii waliin qunnamnee jirra, anga’ootaafis tumsa gochaa jira’’ kan jedhe kilabichi, yaada dabalataa kennuu akka hin barbaanne ibseera.

    Maaguwaayar maaliin akka himatame ifatti beekamuu baatus, mana dhugaatii tokko alatti lola ture gargar baasuuf wayita yaalaa turanitti namoonni sadan himataman poolisoota jecha hin taaneen dubbataniiru jedhamee akka mana hidhaa seenan ibsa poolisiin magaalattii baaserraa ni hubatama.

    Maaguwaayar paawundii miiliyoona 80 riikoordii addunyaa taphataa ittisaa ta’een ture bara darbe leestar irraa gara Yunaayitid kan gale.

  4. Kaaliforniyaan ibidda bulchiinsa ishee keessatti qabate dhaamsuuf Awustiraaliyaa deeggarsa gaafatte

    Kutaan biyya US Kaalifoorniyaan balaa ibidda bosonaa hamaa ishee mudateen waldhaansoo qabaa jirtuuf Awustiraaliyaan akka ishee deeeggartu bulchaan Kaalifoorniyaa gaafatan.

    Ibidda kana dhaamsuuf hojjetootni ittisa balaa ibiddaa 12,000 ol bobbaafamaniiru, hanga jimaataattis balaa kanaan lubbuun namoota 6 darbeera.

    Awustiraaliyaa fi Kaanaadaarraa deeggarsa kan gaafatan bulchaan Kaalifoorniyaa Gaviin Niiwsam, kutaalee biyyaa US biroorraas deeggarsi dhufaa jira jedhaniiru.

    Hanga Jimaataatti hangi bosonaa ibidda kanaan qabatee kan guyyaa isa dura ture kan Kamisaa dachaa ta'eera kan jedhan aanga'oonni, jiraattotni 175,000 qe'ee isaanii gadhiisuuf dirqamaniiru.

    Maddi ibidda kanaa ho'i waqtii bonaa akkaan dabaluu akka ta'e himama.

    Niiwsam Pireezidant Tiraamp labsii balaa kan haalichi humnaa ol ta'uu ibsu akka mallatteessan gaafataniiru.

    Ibidda Kaalifoorniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Gabaasa Kallattii Sanbataa

    Ashamaa!

    Gabaasni keenya kallattii kan guyyaa Sanbataa amma eegaleera.

    Nu hordofaa!

  6. Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Jimaataa xumurame.

    Sambata ganama walitti dachaana

    Halkan gaarii.

    Mammaaksa kanaan nagaa isinitti dhaammanne.

    Mammaaksa
  7. Erdohaan kuufama boba’aa guddaa biyyattiin argatte ajaa’ibsiifatan

    Dooniin Turkii boba’aa barbaaddu galaana gurraacha [Afaan Ingiliziin Black Sea] jedhan keessa kuufama boba’aa guddaa argateetti.

    Pirezidantiin biyyattii Reesiph Xayib Erdohaan kuufama boba’aa kuubik meetirii biiliyoona 320 argachuu ibsan.

    Kunis, boba’aa biyyattiin argatte keessaa guddicha jechuun dubbatan.

    Yoo Turkiin boba’a kana baasuu dandeesse, isa alaa fiddu xiqqeessuu malti jechuunis dubbataniiru.

    Erdohaan bara 2023 gaazii baasuu eegalla jedhanis ekispartoonni inarjii garuu shakkii ibsu.

    Akka isaan jedhanitti, boba’a kana baasanii gabaatti gurguruuf invastimantii doolaaraa biliyoonaan lakka’amu akkasumas hanga waggaa 10 fudhachuu mala.

    Pirezidantii Turkii Erdohaan

    Madda suuraa, Getty Images

  8. ‘Itoophiyaan qooda gar-tokkee Itiyoo – telekoom gurguruurratti yaada hin jijjiirre'

    Injinar Baalchaa Reebaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Itoophiyaa, Injinar Baalchaa Reebaa

    Mootummaan Itoophiyaa dhaabbata mootummaa tajaajila telekomiifi intarneetii kennu, Itiyoo – Telekoom, qooda gar-tokkee isaa dhaabbilee kaanitti gurguruuf isa yaade akka hin jijjiirre ibse.

    Gabaasa miidiyaalee garaa garaa hordofee akka waan yaada jijjiirte gaaffiin hedduu nutti dhihaate jedheera Abbaataayitaan Kominikeeshinii biyyattii.

    Dimma kanarratti BBC’tti kan dubbatan Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Injinar Baalchaa Reebaa wanti jijjiirame hin jiru jedhan.

    Akka karooraatti mootummaan Ebla bara kana keessa ture walakkaa qooda dhaabbatichaa (dhibbantaa 49) kaanitti dabarsuf kan yaade.

    • Itoophiyaan maaliif Itiyoo- telecoom gurguruu yaadde?

    Ta’us, sababoota garaa garaan raawwachuu hin dandeenye.

    Hanga ammaa dhaabbileen garaa garaa 11 dhaabbata Keeniyaa Safaricom dabalatee fedhii akka qaban ibsaniiru.

    Eyyama dhaabbilee telekoomiif kennamu sadarkaa irra jiru kan gaafanne Injinar Baalchaa ‘Caal - baasii Fulbaana keessa ni baasna’ jechuun himan.

    Biyyoota Afrikaa muraasa tajaajila intarneetii dhaabbata mootummaan kennan keessaa Itoophiyaan tokko.

    Keessuma bulchiinsa MM Abiy dura mootummaan dhaabbata kanatti dhimma bahuun lammiilee qeeqa dhiheessan ‘basaasaa ture’ jechuun dhaabbileen mirga namoomaa himataa turan.

    Itoophiyaan biyya ummata hedduu qabduufi tajaajilli intarneetii bal'inaan keessatti hin babal'anne keessaa tokkodha.

  9. Ibiddi saafaa Kaaliforniyaa namoota jaha ajjeese

    Ibbidda saafaa Kaaliforniyaa keessa tatamsa'aa jiruun namootni ja'a lubbuun isaani kan darbe yoo ta'u, aarri ibidda kanaa samii lixa US uwwisee jira.

    Ibbiddii iddo adda adda dhibbaa ol ta'an keessatti ka'ee jiru keessaa inni hammatan kan gaarreen Saan Firaansiskoo kibbaafi lixaa irratti ka'ee jirudha.

    Ibiddi kun kan ka'ee yeroo ho'aa isa cimaa kun jirutti bakakkaan erga bu'ee boodadha jedhamee yaadama.

    Gamooleen 100 ol ibidda kanaan kan barbada'anii 50,000 ol kan ta'an ammoo ibiddichaaf saaxilamanii jiru.

    Hojjattoonni to'annoo ibiddaa 10,000 ol ta'an ibidicha bakka namni ga'uu hin dandenyetti qabatee jiruufi qilleensa cimaan tatamsa'aa jiru to'achuuf hohhaa jiru.

    ibidda saafaa Kaaliforniyaa

    Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

  10. Delihiitti dhiirotaa ol dubartoonni Covid19 qabamuu qorannoon agarsiise

  11. Itoophiyaatti guyyaatti lakkoofsi olaanaa namoota Covid-19n qabamanii galmaa’e

    Sa'aa 24 keessatti namoonni haaraa 1,829 vaayirasichaan qabamuun, 17 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera.

    Lakkoofsi kunis qorannoo hanga ammaa taasifameen isa guddaadha.

    Jalqaba baatii Hagayyaa eegalee garuu Itoophiyaan qorannoo cimsuun hammii namoota vaayirasichaan qabamanis dabaleera.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamaniis 37,000 ol ta’eera.

    Ammallee namoonni 248 kutaa wal’aansa addaa barbaadan keessa akka jiran ibsi Ministeera Fayyaa agarsiisa.

    Itoophiyaan yeroo ammaa baay'ina qorannoo taasistuunis ta'e hamma namoota qabamaniin Baha Afrikaarraa sadarkaa duraarraa argamti.

    Guyyaa har’aa namoota 23,035’f qorannoon taasifame.

    Covid-19
  12. Covid-19 liqaa UK haalaan guddise

    Liqaan mootummaa UK paawundii tiriliyoona 2 ol (birrii tiriliyoona 94 ol) gahe.

    Waajjirri Sitaatiksii Biyyaalessaa biyyattii akka beeksisetti Adoolessa keessa ture liqaan kuni tiriliyoona 2 kan caale.

    Kunis, isa bara darbe turerraa paawundii biiliyoona 227.6’n caala jedhame.

    Baasiin mootummichatti baay’ate yeroo weerara koronaavaayirasii diinadee biyyattii cimsuuf tumsa waan taasiseefi jedhameera.

    Erga 1960/61 liqaan oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) UK yoo caalu kan duraati jedheera waajjirri Sitaatiksii.

    Mootummaan Uk diinagdee COvid-19'n miidhame utubuuf baasiin baase liqaatti isa galcheera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Uk diinagdee COvid-19'n miidhame utubuuf baasiin baase liqaatti isa galcheera
  13. Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa tarkaanfiin fudhatame madaalawaadha jedhe

  14. Mootummaan Liibiyaafi Janaraal Hafxaar waraana dhaabuuf waliigalan

    Erga Gaadaafin aangoorraa kaafamani as Liibiyaan hookkara keessa jirti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Erga Gaadaafin aangoorraa kaafamani as Liibiyaan hookkara keessa jirti

    Mootummaan Liibiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)’n deeggaramuufi kan waraana mootummaarratti gaggeessu Janaraal Hafxaar waraana dhabuuf waliigalan.

    Dursaan mootummaa biyyattii beekkamtii idil-addunyaa qabu Faayez al-Saraaj humnoonni nageenyaa battaluma waraana akka dhaaban ajajan.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanis tarkaanfii kana fudhachuu beeksise.

    Jalqaba waggaa kana, humnoonni Janaraal Kaliifaa Hafxaar jala socho’an Turkiin mootummaa biyyattii deeggarte jennaan Tiripoolii of jala oolchuu dhabanii ture.

    Janaraal Kaliifaan Bahaafi Kibba Libiyaa to’atanii jiranis waraana dhaabuu isaanii beeksisaniiru.

    Erga Koloneel Mu’aammar Gaadaafiin bara 2011 aangoorraa kaafaman booda biyyi boba’aan badhaate Liibiyaan hookkara keessa jirti.

  15. 'Rakkoo baqattoota Yamaniifi manneen hidhaa Sa'uudii furuuf ni hojjenna'

  16. Ogeessoti fayyaa Keeniyaa dhukkubsattoota Covid-19 wal'aanan mormii taasisan

    Ogeessonni fayyaa Keeniyaa 300 ol ta'an kanneen hospitalaa ummataa keessa hojjatan magaalaa Naayiroobiitti mormii eegalan.

    Hojjattonni fayyaa kun kaffaltaa foyya'aafi meeshalee of eeggannoo dabalataa waliin haalli hojii isaani akka foyya'u barbaadu.

    Biyyatti keessatti Naayiroobiin lakkoofsa namoota koronaavaayirasii qabamanii isa guddaa qabdi.

    Mootummaa biyyatti tajaajila fayyaa magaalatti keessa jiru hanga to'atu obsinee turre jedhu.

    Haakimootni kunneen yeroo dhibamtoota Covid-19 wal'aananitti meeshaaleen of eeggannoo ga'aa akka kennamuuf akkasumas taajilaa fayyaa bal'aa barbaadu.

    Haakimootni Keeniyaa yeroo mormiif ba'an kun jalqabaa miti.

    Haakiimotni, naarsootiifi hojjattonii fayyaa biroo yaddoon jiru akka furamuuf komiishiniin tajaajila fayyaa akka foyya'uu kan gaafatan ta'us hin milkoofne.

    Namoota 30,000 Keeniyaa keessatti Covid-19 qabaman keessaa 700 kan ta'an ogeessota fayyaadha.

    Dhibee kanaanis ogeessoti fayyaa lubbuu isaanii dhaban hedduudha.

  17. Hakimoonni Covid-19 qabamnaan hospitaalatti dhukkubsattoota gaafachuun dhorkame

    Harka deddebi'anii dhiqachuun mala ittin Covid-19 ittifamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Harka deddebi'anii dhiqachuun mala ittin Covid-19 ittifamu

    Hakimoonni Covid-19 qabamnaan dhukkubsattoota gaafachuun dhorkame

    Hospitaalli referaalaa beekaman Ruwaandatti hakimoonni koronaavaayirasiin qabamnaan hospitaala seenanii dhukkubsattoota gaafachuun dhorkame.

    Hospitaala Fayisaal hakima kan ta'an Dr Edgar Kalimba, 'doktoroonni shanii fi narsoonni muraasni' vaayirasichaan qabamu himan.

    Hospitaalichi yeroo kaan guyyaatti dhukkubsattoota 600-1,000 kan simatee wal’aanu yoo ta’u, hojjattoota 500 qaba ture.

    Guyyoota torba keessatti lakkoofsi namoota Ruwaandaatti vaayirasichaan qabaman kan torban lamaan darbe wajjin wal cina wayita madalaamu dachaa shaniin dabaleera.

    Namoonni du’aniis 5 gara 11 tti dabalee, waliigalatti namoonni 2,700 ol biyyatti keessatti amma yoonatti koronaavaayirasiin qabamaniiru.

  18. Obbo Jawaar Mohaammad ogeessa dhuunfaa isaaniitin akka yaalaman manni murtii ajaje

  19. Nama hiriyaasaa hammate Niwu Zilaand torban ja'af hidhaa buuste

    Dargaggeessi ganna 33 lammiin Niwu Zilaand hiriyaasa biyya hambaatii deebi'e hammate jennaan biyyattiin hidhaa torban jaha itti muruu, Niwu Zilaand Heraald gabaase.

    Dargaggeessi kuni kan irratti murtaa'e sababa koronaavaayirasiin yeroo adda bahe jirutti seera dhukkubicha ittisuuf bahe cabsuudhaani.

    Jeesii Kortiniy Welsh hiriyaasaa biyya Awustiraaliyaa dhaqee deebi’e iddoo tursiisa Okulaand keessa jirutti dhaqee jalqaba ji’a kanaatti ilaalee ture.

    Weelsh ilaaluuf dhaquun seera cabseera garuu, hammatee dubbisuun dubbicha hammeesse.

    Gocha kana raawwachuu amanuun itti gaafatamummaan nan fudha jedhullee adabbii jalaa hin baane.

    Abbaan seeraa gochi kun nama firri jalaa du’e ykn dhiphateef fakkeenya gaarii miti, hiriyaasaa waliin seera cabsaniiru jedhe.

    Niwu Zilaand weerara vaayirasii to’achuuf jalqaba bara kanarraa jalqabdee daangaa cufuun, sochii namootaas daangeessite turte.

    Biyyattii keessa guyyoota 102'f tamsa’inni vaayirasicha hawaasa keessatti otoo hin mul'atin turus, jalqaba ji’a kanaa namoota qabaman adda baasuu beeksiste.

    Dargaggoon kuni bakka adda of baasan dhaqeeti hiriyaasaa hammate, dubbise

    Madda suuraa, NZHelard

    Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoon kuni bakka adda of baasan dhaqeeti hiriyaasaa hammate, dubbise
  20. Naannoon Tigraayi galmee filattootaa har’a eegale

    Namoota galmaa'aa jiran
    Ibsa waa'ee suuraa, Namoota filannoo naannoo Tigiraayif sagalee kennuuf galma'aa jiran

    Naannoon Tigraayi filannoo marsaa 6ffaa sadarkaa naannootti gaggeessuuf deemuuf har’a galmee filattootaa gaggeessaa jiraachuu, Waajjirri dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa beeksise.

    Filannichi Fulbaana 9, 2020 kan gaggeeffamu ta’uusaa komishiniin filannoo naannichaa beeksisee ture.

    Naannichatti buufataaleen filannoo 2,670tti galmeen harra eegalamuufi guyyoota torba itti aananiif kan itti fufu ta'u Ittigaafatamaan Dubbii Himaan Komishinii Filannoo Naannichaa Gargaaraan prof. Marassaa Tsagaayee BBC'tti himan.

    Walumaagalattis naannicha keessatti naannoolee filannoo 38 kan argaman ta'unis himame.

    Haalli galmeen filattootaa itti gaggeeffamaa jirus kan weerara koronaavaayirasii xiyyeefannaa keessa galche ta’uu, waajjirichi fuula feesbuukii isaarratti barreesseera.

    Gama biraatiin ammoo Naannoo Tigiraayi paartilee siyaasaa shan filannoo keessatti hirmaataniif bajata birrii miliyoona 15 ramaduu kaleessa beeksisee ture.

    Bajanni filannichaaf ramadame kunis tokko tokkoo paartilee hirmaatan, miliyoona sadii akka gahu himameera.

    Isaan dursa garuu paartileen siyaasaa filannicha irratti hirmaachuuf galmaa’anii turan sochii akka hin taasifneef hanqina bajataatiin rakkachaa jiraachuu komii dhiyeessaa turan.

    Namoota galmaa'aa jiran

    Madda suuraa, Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Tigraay