Israa’elii fi Yuunaayitid Arab Imireets hariiroo isaanii
foyyeessuuf waliigaluu Pireezidantiin Ameerikaa beeksisan.
Ibsa
waliinii pireezidant Tiraamp, ministira mummee Isaraa’el Beenjaamiin Netaanyaahuu
fi Ilmi Mootii Mohaammad bin Zayaad kennaniin,’’tarkaanfiin seena-qabeessaa fi
murteessaa tahe kun nagaa biyyoota Baha Gidduugalaa ni foyyeessaa,’’ jedhan.
Haaluma
kanaan, Israa’el isa lafa bal’aa Weest Baank ofitti dabaluuf jettu tursuuf
karoorsiteetti.
Hanga
har’aatti Israa’el biyyoota Galoo galaana Arabaa waliin hariiroo dippiloomaasii
hin qabdu ture.
Haa tahu
malee Iraan naannichaatti dhiibbaa uumuu jalqabuun biyyoota kana walitti fiduu
danda’e.
Ibsa
Pireezidaant Tiraamp Tiwiitar irratti barreessaniif ‘Guyyaa seenaqabeessa’ jechuun Netaanyaahuun
deebisaniiru.
Yuunaayitid Arab Imireetsitti ambaasaadara Ameerikaa kan tahan
Yooseef al Otaayibaa,’’ kun hariiroo dippiloomaasii fi naannoo sanaaf mo’icha,’’
jedhan.
‘’Murtoo barbaachisaa muddama biyyoota Arabaa
fi Israa’el gidduu jiru hir’isuufi jijjiirama gaarii fiduu malu dha,’’ jechuun
himan.
Erga
Israa’el 1948tti bilisummaa labsiteen booda waliigalteen nagaa kunyeroo sadaffaaf kan taasifame dha.
Waliigaltee kana Masriin 1979tti, Joordaan immoo 1994tti mallatteessaniitu
turan.