Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Covid-19 ji'aa jahaan duuba Afrikaatti maal fakkaata?

    Vaayirasiin harayaa ji'a torbaan dura Chaayinaatti mul'ate, hardha addunyaa walii gahee namoota miiliyoona 21tti siqan qabeera.

    Kanneen 755,550 tahan ammoo lubbuu dhabaniiru.

    Miiliyoona 13tti kan siqan ammoo vaayirasii kanarraa ya dandamatan.

    Afrikaatti hoo maal fakkaata? Biyyoota kam fa'itu daran miidhame?

    Dizaayinoota (graphics) odeeffannoon dabaalaman kanneen irraa argattu.

    Hubachiisa! ragaann hanga Hagayya 10 kan jirudha.

  2. Addunyaan akkamitti namoota biliyoona 7 talaalchifti?

  3. Mootummaan Afgaanistaan hidhamtoota Taalibaan hiikuun marii nagaa itti fufuuf

    Mootummaan Afgaanistaan mormitoota waliin marii nageenyaa itti fufuuf jecha hidhamtoota 400 gadi dhiisuu eegale.

    Hidhamtoonni kunneen hedduunsaanii kanneen haleellaa lammiilee Afgaanistaaniifi lammiilee alaarraan ga'an jedhamuun hidhamaniidha.

    Kaleessa namoonni 80 ta'an hiikamuufi hojiin kun ammas itti fufee jiraachuu mootumman himeera.

    Tarkaanfiin marii nageenyaa kun waraana waggoota 19'f biyyattii goolaa turetti kan fala godhu yoo ta'u, akkuma hidhamtoonni hundi gadi dhiifamaniin Qaataar keessatti itti fufa.

    Pirezidaantiin biyyattii Ashraaf Gaani, hidhamtoota kunneen gadi dhiisuun addunyaaf yaaddoo ta'us, garuu wanti marii nagaa caalu waan hin jirreef kana murteessine jedhan.

    Gareen mootummaa haleelu Taalibaan erga tumsa mootummaan US mootummaa Afgaanistaaniif taasiseen, bara 2001 aangoorraa dhiibamee as dandamatee of cimsee iddoowwan ijoo ta'an hedduu to'ateera.

    Gareen Taalibaan mariitti seenuuf miseensonni isaanii hidhaa jiran 5000 dursa akka gadi dhiifaman haal duree kaa'anii turan.

    Hidhamtoonni kumaan lakkaa'aman gadi dhiifamaniiru.

    Amma kanneen hafan 400 hiikamaa jiru.

    Kanneen keessaa 150 kan ta'an kanneen adabbiin du'aa iti murameedha.

  4. Hidhattoonni Huutii godaantota Itoophiyaa Yaman keessatti ajjeesaa, ari'aa jiru

  5. Biyyoonni Afriikaa dandeettii Covid-19 ofirraa ittisuu qaama namaa irratti qorannoo eegaluuf

    Biyyoonni Afriikaa torba dandeettii koronaavaayirasii ofirraa ittisuu qaama namaa irratti torbee dhufurraa eegalanii qorannoo eegaluuf akka jiran Giddu-galli To'annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa beeksise.

    Hojiin qaama karoora facaatii vaayirasichaa Afriikaa keessatti hubachuuf qabameeti.

    Biyyoonni kunneen Laayibeeriyaa, Seeraa Liyoon, Zaambiyaa, Zimbaabwee, Kaameeruun, Naayijeeriyaa, Morookoo fa'a.

    Biyyoonni kunneen warra adda durummaan kutannoo agarsiisaniidha jedhan Hoogganaan Giddu-gala To'annoo fi Ittisa Dhibee Afriikaa Dr. John Nkengasong.

    Afriikaan hanga ammaatti namoota miiliyoona 9.4 koronaavaayirasiif qoratteetti kan jedhan qondaalli kun, karoorri akka waliigalaatti qabame garuu miiliyoona 10 jedhan.

    Afriikaa keessatti hanga ammaatti namoonni 1,084,904 koronaavaayirasiin qabamaniiru.

  6. 'Guyyaa sadii fi halkan sadii qooxirra jiraanne' - lolaa laga Awaash

  7. Facebook BBC Afaan Oromoo - 500,000, BAGA GAMMANNE! BAGA GAMMADDAN!

    Fulbaana 2017 takka jennee eegalle - ganna saditti hordoftoota miiliyoona walakkaa horanne!

    BAGA GAMMANNE! BAGA GAMMADDAN!Warri jalqabaa kaasee nu hordofaa turtan, yaada keessan nuuf qoodaa.Ammallee miiliyoona tokko gahuuf nu waliin duulaa, hiriyoota keessan affeeraa (invite godhaa).

    Waliin jalqabne - waliin asiin geenye - waliin bakka hin geenye hin qabnu.Yaada | Gaaffii | Komii keessan nu biraan gahaa.Horaa bulaa deebanaa.

  8. Kooriyaan Kibbaa dahoo imaltoonni yeroo konkolaataa eegan keessa turan magaalaa guddoo biyyattii Soowul keessatti ijaarte.

    Dahoon kun balbala isaa irratti meeshaa ho’a qaamaa ilaaluufi ibsaa vaayirasii qulqulleessu qaba.

    Dahoo kana keessa seenuun dura imaltootni kaameeraan ho’a qaama isaanii mirkaneessuu qabaata. Ho’i qaama isaanii 37.5C ol taanaan balballi hin banamuufi.

    Dahoo tokkoosaa kana ijaaruun doolaara 84,000 fudhateera.

    Kiim Juuliin nama ganna 49 yoo taatu,’’ dahoo kana keessatti nagaan natti dhagahama sababiinsaa warreen kaan illee akkuma koo ho’I isaanii waan mirkanaa’eef,’’ jetti.

  9. Saree yuroo 250,000 imaltoonni dhoksanii qabatan saaxilte

    Sareen Jarman Akii jedhamtu yuroo 250,000 tahu kan imaltoonni fudhatanii bahuuf turan buufata xiyyaaraa Firaankfartitti qabachuun qondaalota gargaarteetti.

    Sareen kun icciitii namoota 12 dhuma baatii Waxbajjii hanga Adoolessaatiis saaxilteetti.

    Yeroo tokko immoo kiisii nama tokkoo keessaa qofa yuroo 52,000 tahu qabatteetti.

    Qondaaltonni akka jedhanitti imaltoonni kunneen hundi biyyoota Gamtaa Awurooppaan ala jiranitti imalaa turan jedheera, qarshii galmeessisuu irratti immoo seera jabaataatu jira.

    Akka Seera Gamtaa Awurooppaatti namni biyya sadaffaatti imalu qarshii yuroo 10,000 qabateera taanaan yeroo bahuuf galu beeksisuu qabu.

    Akiin warreen yuroo fi doolaara korojoo fi kobbortaa keessatti dhoksanii darbuuf turan saaxiluun qondaalota gargaarteetti.

    ‘’Jechamni maallaqni foolii hin qabu jedhu Akii biratti waan hojjete hin fakkaatu,’’ jedhan dubbii himtuun gumuruukaa buufata xiyyaaraa Firaakfart Isaabeel Giilmaan.

    To’annoon qarshii akkanaa gibira waliin dhahuu fi qarshii daddabarsuu hambisuuf gargaars jedhaniiru.

    Sareen ganna sagalii kun bara darbes lammii Chaayinaa yuroo 10,775 qabatee bahuuf ture saaxiluun mata duree oduu taatee turte.

  10. Israa’elii fi Yuunaayitid Arab Imireets waliigaltee seenaqabeessa mallatteessan

    Israa’elii fi Yuunaayitid Arab Imireets hariiroo isaanii foyyeessuuf waliigaluu Pireezidantiin Ameerikaa beeksisan.

    Ibsa waliinii pireezidant Tiraamp, ministira mummee Isaraa’el Beenjaamiin Netaanyaahuu fi Ilmi Mootii Mohaammad bin Zayaad kennaniin,’’tarkaanfiin seena-qabeessaa fi murteessaa tahe kun nagaa biyyoota Baha Gidduugalaa ni foyyeessaa,’’ jedhan.

    Haaluma kanaan, Israa’el isa lafa bal’aa Weest Baank ofitti dabaluuf jettu tursuuf karoorsiteetti.

    Hanga har’aatti Israa’el biyyoota Galoo galaana Arabaa waliin hariiroo dippiloomaasii hin qabdu ture.

    Haa tahu malee Iraan naannichaatti dhiibbaa uumuu jalqabuun biyyoota kana walitti fiduu danda’e.

    Ibsa Pireezidaant Tiraamp Tiwiitar irratti barreessaniif ‘Guyyaa seenaqabeessa’ jechuun Netaanyaahuun deebisaniiru.

    Yuunaayitid Arab Imireetsitti ambaasaadara Ameerikaa kan tahan Yooseef al Otaayibaa,’’ kun hariiroo dippiloomaasii fi naannoo sanaaf mo’icha,’’ jedhan.

    ‘’Murtoo barbaachisaa muddama biyyoota Arabaa fi Israa’el gidduu jiru hir’isuufi jijjiirama gaarii fiduu malu dha,’’ jechuun himan.

    Erga Israa’el 1948tti bilisummaa labsiteen booda waliigalteen nagaa kunyeroo sadaffaaf kan taasifame dha. Waliigaltee kana Masriin 1979tti, Joordaan immoo 1994tti mallatteessaniitu turan.

  11. Amma nu gahe, Itoophiyaan lakkoofsa namoota sa'aatii 24 keessatti Covid-19n qabamanii olaanaa galmeessite

    Sa'aatii 24 darban keessa qofa namoonni 1086 koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

    Guyyaa tokkotti namootni kuma tokkoo ol vaayirasichaan yoo qabaman kun isa jalqabaati.

    Sa'aatii 24 keessatti lakkoofsi namoota du'anii 16.

    Kanaanis waliigalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 26,204 yoo gahu, kan du'an ammoo 479 gaheera.

    Kanneen sa'aatii 24 darban keessa vaayirasichaan qabaman keessaa 601 Finfinneetti yoo ta'u, 143 Oromiyaa, 109 ammoo Tigraay keessatti.

  12. Eegdoti Jawaar Mohaammad 5 Covid-19n qabamuu poolisiin hime

  13. Hogganoonni Walaayitaa hidhaman mirgi wabiin akka bahan murtaa'e

    Hogganoonni godina Walaayitaa, ogeeyyiin seeraa fi jaarsoliin biyyaa 20 ta'an Dilbata darbe to'annoo jala oolanii turan mirga wabii qarshii 100,000n akka bahan manni murtii ajajuu miseensi mana maree seekreetariyaatii Walaayitaa Obbo Amsaaluu Masamee BBC'tti himan.

    Murtee kana hordofuun jiraattonni magaalaa Sooddoo karaatti bahanii gammachuu isaanii ibsatanii jiru.

    Bulchaa godinichaa dabalate hogganoonni 22 kan hidhaman osoo gaaffii naannoo ta'uu uummata Walaayitaa ilaalchisee mari'achaa jiranii ture.

    Namoonni lama kaleessa kan gadi dhiifaman yoo ta'u kan hafan 20 ammoo akka gadi dhiifaman murtaa'ee jira.

    Hidhamuu hogganoota kanaa hordofuun mormii magaalota godinichaa keessatti uumamee tureen yoo xiqqaate namoonni 16 humnoota mootummaan ajjeefamaniiru.

  14. Mana amala sirreessaa Daseetti namootni 13 Covid-19'n qabaman

    Mana amala sirreessaa magaalaa Dasee keessatti qorannoo Covid-19 marsaan gaggeefameen namootni 13 vaayirasichaan qabamuu qajeelchi fayyaa magaalichaa ibse.

    Namotni 12 kanneen hidhamanii jiran yoo ta'u, namni tokko ammoo hojjetaa achii ta'uu hoji gaggeessaan qajeelchichaa obbo Abdulhamiid Yimar himaniiru.

    Namootni dhibeen kun irratti argame hundi gara Hospitaala sadarkaa jalqabaa Boruumeedaatti ergamuus aanga'aan kun himaniiru.

    Kanneen mana amala sirreessaa sanitti hafaniifis qorannoo godhameen hunduu bilisa ta'aniiru jedhan.

    Akka biyyaalessaatti torbee lama keessaatti namoota 200,000 qorachuuf sagantaa qabameen naannoo Amaaraa keessatti namoota 50,050 qorachuuf qophiin taasifamaa jira.

    Naannichatti namoota vaayirasii kanaan qabamuun isaanii beekame keessaa 23 kan ta'an ogeeyyii fayyaa ta'uu isaanii Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Amaaraarraa odeeffanneerra.

  15. Qondaalli 'Muslim Brotherhood' Masrii mana hidhaa keessatti du'e

    Hogganoota sosochii 'Muslim Brotherhood' Masrii keessaa tokko mana hidhaa keessatti du'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Namni umurii ganna 66 Esaam al-Eriyaan kun fonqolcha bara 2013 Mohaammad Muursii irratti humna waraanaan raawwatame booda ture kan hidhame.

    Mana hidhaa Kibba Kaayirootti argamu Tooraa jedhamutti hidhaa umurii guutuurra kan jiran qondaalli kun dhukkuba onnee tasaan du'uun gabaafameera.

    Mootummaan du'a isaa homaa hin jenne garuu miidiyaaleen mootummaa deeggaranis ta'e kan 'Muslim Brotherhood' deeggaran gabaasaniiru.

  16. ‘Ilmikoo oboleessa isaa quxisuu barbaaduu ba’ee ajjeefame’-Abbaa Sooddootti ilma dhaban

  17. Foon lukkuu gara Chaayinaatti ergamerratti koronaavaairasiin argame

    Qondaaltonni magaalaa kibba Chaayinaa Shenzhen akka jedhanitti foon lukkuu cabbii keessa turerratti vaayirasichi argameera.

    Foon lukkuu kunis Biraaziil irraa gara biyyattiitti akka seene dubbataniiru.

    Foon lukkuu kunis qondaaltota naannichaan kan qorataman. Qondaaltonnis nyaata biyyoota biroorraa gara biyyattii seenaniif qorannoo ni taasisu.

    Qondaaltonni Shenzhen namoota foon tuttuqan hundaafi nyaata naannichatti kuufamee irratti qorannoo kan taasisan yoo ta'u, namoonnifi nyaatnillee vaayirasicharraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru.

    Guyyaa sana dura miidiyaan Chaayinaa baha magaalaa Wuhaanitti gosa qurxummii 'Shrimps' jedhamu kan Ekuwaador irraa gara biyyaatti seene irratti Covid-19 argamuu gabaaseera.

    Taateen lamaanuu yaaddoo gosoonni nyaataa biyyoota biroorraa gara biyyattii seenan weerara haaraa Covid-19 biyyoota alaarraa fiduu danda'u jedhan uumeera.

    Qondaaltonni fayyaa Shenzhen hawaasni foonii fi nyaata galaanaa yeroo fayyadamu of eeggannoo taasisu qaba jedhaniiru.

    Bara darbe magaalaa Wuhaanitti yeroo jalqabaaf kan mudate weerarri koronaavaayiras, gabaa nyaata galaanaa waliin kan walqabatuudha.

  18. Yugaandaa keessatti dargaggeessi ganna 19 filannoof dorgomuuf

    Yugaandaa keessatti dargaggeessi umrii waggaa 19, filannoo walii galaa dhufaa jiru irratti hirmaachuuf waraqaa pirezidaantummaaf kaadhimamuusaa irratti galmeessu harkaan ga’ateera.

    Dargaggeessi Hillary Humphrey Kaweesa jedhamu kun dandeettii biyya bulchuu akka qabu ibseera.

    Maallaqa kaadhimamaa ta’uuf isa barbaachisu shilingii Yugaandaa miiliyoona 20 walitti qabuuf akka jirus himeera.

    Dargaggoon kun tokkoon tokkoon aanaalee biyyattii hunda keessatti mallattoo 100 walitti qabuutu irra jiraata.

    Yugaandaan aanaalee 100 qabdi.

    Namoonni umriin isaanii waggaa 18 ol ta’e akka pirezidaantummaaf akka dorgoman heerri mootummaa Yugaandaa ni iyyama.

    Dargaggeessi kun seera baastota biyyattii keessaa tokko kan ta’ee fi maqaa Bobi Wine jedhamuun kan beekamu Robert Kyagulani fi tibbana Pirezidaanti Yuweerii museveenii morkachuuf kan murteesse janaraala waraanaa duraanii Henry Tumukunde waliin garee uummateera.

    Buufati raadiyoo Yugaandaa suuraa dargaggeessa kanaa fi pirezidaantummaaf dorgomuuf akka jiru tuwiitarasaarratti barreesseera.

  19. ‘Yakka raawwadhee osoo hin taane, namarratti akkan ragaa bahuuf na dararaa jiru'

  20. Qondaalli Fayyaa Keeniyaa koronaavaayirasiin du'an

    Qondaalli olaanaan Ministeera Fayyaa Keeniyaa Kamau Mugeendaa dhibee Covid-19'n du'an.

    Keeniyaan facaatii koronaavaayirasii garmalee dabalaa jiruufi lubbuu vaayirasii kanaa gaaga'amaa jiru baraaruuf wal'aansoo keessa wayita jirtutti kun ta'e.

    Kamau Mugeendaa dhaabbata dhimma qorannoofi talaallii Covid-19 hoogganu Inistitiyuutii Fayyaa Keeniyaa keessatti qondaala olaanaa turan.

    Ragaaleen BBCn argate akka mul'isan qondaalli kun ogeeyyii fayyaa koronaavaayirasiin qabaman 450 keessaa tokko turan.

    Qondaala ammaa kana dabalatee ogeeyyiin fayyaa ittisa koronaavaayirasii keessatti adda durummaan hirmaachaa turan afur hanga yoonaatti vaayirasii kanaan du'aniiru jedhu aanga'oonni Keeniyaa.

    Keeniyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 28,000 vaayirasichaan qabamanii 450 kan ta'an ammoo du'aniiru.