Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. YOOYYAA!

    Tamsaasa kallattii Hagayya 11, 2020n walitti deebineerra.

    Toora kanaa oduuwwan gaggabaaboo biyya keessaafi alaa qiqqixeessinee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Aagaa Dhaga'aa

  2. Gabaasa keenya harraa xumure

    Hordoftootaa gabaasa keenya harra asirratti xumurree jirra.

    Boru hanga walitti deebiinuutti nagaa turaa.

  3. Jawaar fi kaan abbaan seeraa dhimma isaanii ilaalu dhaddacharraa akka ka'u gaafatan

  4. Mariin dhimma Hidha Haaromsa Itoophiyaa torbee har'aatti ce'e

    Mariin dhimma hidha Haaromsa Itoophiyaa irratti Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan har’a akka mariyatan eegamaa ture torban dhufutti dabarfame.

    Ministeerri bishaan,jallisii fi Inarjii akka jedhutti Sudaantu akka torban dhufutti darbu gaafate.

    Waliigaltee biyyoota sadeenii kanaan duraa kan ture walgahiin yaa'iin biiroo Gamtaa Afrikaa taa'amee torban lama keessaatti biyyootni sadeen gabaasa gidduugaleessaafi xumuraa dura taa'aa gamtichaaf akka dhiyeessan eegama ture.

    Haata’u malee akka beellamamuuf Sudaanii fi Masriin yaada waan dhiyeessaniif torban lachuu hin mariyanne jetti Itoophiyaan.

    Mariin kun torban har'aa gaggeeffama jedhameetu eegama.

    Mariin dhimma hidhichaarratti waggoota dheeraaf gaggeeffamaa ture addaan ciccituun waliigaltee xumuraa irra otoo hin qaqqabiin harkifatee amma yoona gahera.

  5. Dr. Teediroos –Dhaamsi koo vaayirasichii akka hin tamsaane dhaabu, dhaabu qofa

    Daarektarrii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adhaanom weerara koronaavaayirasii to’achuun kan danda’amu mootummoonni hawaasa keessatti tamsa'ina vaayirasichi maddisaa wallaalamu dhaabuurratti yoo hojjatanii jedhan.

    Talaaliin malee karaan vaayirasicha to’achuun kan danda’amu walirraa hiiquu, harka dhiqachuu, maaskii keewwachuu, qorachuu fi namoota qabaman wajjiin hariiroo qaban addatti fo’uu qofas jedhan.

    Mootummaan manneen barnoota banuu dursee tamsa’inni vaayirasichaa hawaasa keessatti to’atamu mirkaneeffachuu qabas jechuun ibsan Dr Teediros.

    Torban kana keessa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis mil 20 caalutti hiiquus kaasaaniiru. Dhaamsi koo vaayirasichii akka hin tamsaane dhaabu qofa jedhaniiru.

  6. Naayijeeriyaatti weellisaa amantii arrabse jedhametti duuti murame

    Kaaba Naajeriyaatti weellisaan dargaggeessi ganna 22 Shariif –Aminuu jedhamu nabi Mohaammad arrabsuun himatamee, Mannii Murtii du’aan akka adabamu murteesse.

    Dargaggeessi kun sirbi inni qindeessee karaa toora WhatsApp qoode keessatti Nabi Mohaammad arrabseera jedhe Mannii Murtii olaanaa shariyaa bulchiisa Kaano.

    Dargaggeessi kun muziqaa kana akkuma qindeesseen dhokate. Namoonni sirbuusaa morman mana maatiisaatii gubani, teessoo muummee poolisii islaamaa‘Hisbah’jedhaman duratti walitti qabamuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu gaafataa turan.

    Weellisaan himata irratti baname hin waakkanne, dhaddacha kanarrattis oliyyaannoo gaafachuu hin dhorkamne.

    Adabbiin du'aa isaas haadaayln finyoon akka raawwatamu murtaahe.

    Kaaba biyyatti keessatti adabbiin du’a akkasii hedduu baratama hin turre.

    Kaaba biyyatti iddoo muslimoonni heddummatan keessatti seeronni Shariyaa hojirraa oolfamu.

  7. Wixineen seeraa Somaaliyaatti ijoollee dirqamsisanii heerumsisuu eeyyamu mormiitu mudate

    Wixineen seeraa Somaaliyaa ijoollummaatti warroomu fi dirqamaan gaa’ila dhaabbachuu eeyyame otoo hin ragga'iin mormiin mudate.

    Rogeeyyin Somaaliyaa yaadicha mormuun paarlaamaan biyyattii wixinee seeraa kana akka hin raggaasifneef gaafataa jiru.

    Ammatti heera biyyaa fi seerota idil-addunyaa faalleessa jechuun sagalee namoota mormanii 6,000 walitti qabaniiru.

    Wixineen ‘saalqunnamtii’ paarlaamaan biyyatti filannoodhaan fooyyeessuf deemu mirga namoomaa daa’immanii fi dubartoota Somaaliyaa sarba jedha sagaleen mormii karaa seera qabeessaan sassabame.

    Ambasaaddarri UK biyyatti jiran Biin Findir,wixineen seeraa kun dargaggummaan warroomuu fi dirqiin gaa’ila dhaabbachuu jajjabeessa jedhanii toora tiwitarasaanirratti barreessan.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii wixinee dadhabaadha jedhee qeeqe.

    Wixineen kun otoo hin raggaasifamiin waggaa lama kan gahe wayita ta’u, rogeeyyiin garuu miidhaan saalaa biyyatti keessatti ka'eera jedhanii dubbatu.

  8. Yamanitti erga walakkeessa Adoolessaa lolaan nama 130 ol galaafate

    Erga waqtiin roobaa biyya Yaman eegalee Walakkeessa ji'a Adoolessaa qabee lolaa mudateen lubbuun namoota 130 olii darbuu aanga'oonni biyyattii magaalaa Sana'aa beeksisan.

    Hedduun yoo miidhaman kaan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

    Kutaan magaalitti inni durii hambaa addunyaa ta'ee UNESCO'tti galmaahes akkaan manca'eera.

    Manneen kun jarraa 11'ffaan dura kan ijaaraman turan.

    Hanqina suphaafi sababa waraanaan balaarra bu'aniis turan.

    Erga waggaa shanii waranarra kan jirtu Yaman amma amma magaalaan guddoon ishee Sana'aan harka hidhattootaa jirti.

    Sababa kanaattis lammiileen miiliyoonaan lakkaawaman gargaarsa nyaataan jiru.

  9. Niiw Ziilaanditti namni haaraa Covid-19n otoo hin qabamiin guyyaa 100 guute

    Biyya Niiw Ziilaanditti namni haaraan tatamsa'ina hawaasa keessaan Covid-19n otoo hin qabamiin guyyaan 100 dabruunsaa barame.

    Kunis namoota kaan ogguu gammachiisu, kaan ammoo yaaddoo dhibii akka hin uumne sodaa jedhu qabu.

    Tatamsa'inni hawaasa keessaa inni xumuraa kan argame Caamsaa guyyaa 1 ture.

    Guyyaan Dilbataa guyyaa afraffaa walitti aanee namni qabame haarayaan kan itti hin galmoofne ture.

    Biyyattiitti namoonni vaayirasichaan yeroo ammaa qabamanii jiran 23 qofa - isaanis adda baafamanii to'atamaa jiru.

    Biyyoota biroorraa weerara kana to'achuun biyti kun fooyyee kan qabdu yogguu tahu, haga ammaattis lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii 1,219. 22 ammoo obba'aniiru.

    Muuxannoo kanaafis biyyoota addunyaarraa kan leellifamte Niiw Ziilaand, gosootni ugguraa hedduu kaa'amanii turan ka'aniiru.

    Dafanii ugguruu, seera daangaa cimaa qabaachuu, ergaan fayyaa hawaasa biratti akka barbaadamutti gahuu fi sagantaan hordoffiin namoota tuttuqqaa qabanii - biyyattiin akka milkooftu dandeessisan jedhameera.

  10. Walitti bu'insa Wolaayitaatti uumameen lubbuun namootaa darbe

  11. Pirezidaantiin duraanii Indiyaa Covid-19n qabaman

    Pirezidaantiin duraanii Indiyaa Pranab Mukherjee Covid-19n qabamuusaanii beeksiisan.

    Maanguddoon umuriin waggaa 84 fi kan bara 2012 – 2017 Indiyaa ogganaa turan kunis, namni isaan waliin wal argee ture kamiyyuu akka adda of baasuun turaniifi qoratamaniif karaa ergaa twitaraatiin gaafataniiru.

    Wayita dhimma biraatiif ilaalamuuf gara hospitaalaa dhaqaniitti vaayirasichaan qabamuu baruusaanilleen dabaluun himaniiru.

    Mr Mukherjee aanga’oota olaanoo biyyattii dhiheenya keessa Covid-19n qabamuusaanii beeksiisan keessaa tokko.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Amit Shaah Covid-19n qabamuun hospitaala Deliitti argamu keessatti wal'aanamaa jiru.

    Taateen fiilmii beekamaan Amitaabh Baachaan maatii isaanii waliin dhukkubicha irraa dandamachuun hospitaala Mumbaayii bahaniiru.

    Indiyaan biyyoota addunyaa garmalee dhukkubichaan miidhamaa jiran keessaa tokko yoo taatu, waliigalattis namoonni miliyoona 2.2 vaayirasichaan qabamaniiru.

    Namoonni 63,000 ol ammoo sa’aatii 24 darban keessatti vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’eera.

  12. Koronaavaayiras fi addunyaa; eenyutu mo'achaa jira?

  13. Gaazexeessitoonni Keeniyaa waahilli isaanii Itoophiyaatti hidhame akka gadhiifamu gaafatan

    Waldaan gaazexeessitootaa 'Foreign Correspondents' Association of East Africa' jedhamu, gaazexeessaa Itoophiyaatti hidhaa jiru - Yaasiin Jumaa akka gadhiifamu gaafatan.

    Yaasiin dabalatee gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirribsaa fi kaan mirgi wabii eegameefi akka gadhiifaman murtaa'us haga ammaa hidhaa keessa jiru.

    Waldaan gaazexeessitootaa kun Wiixata hardhaa barreeffama Twitter gubbaatti maxxanseen, wabiin Yaasiin torban dabre ture kan eeggameef - guyyaa Roobii.

    Gaazexeessaan lammii Keeniyaa Yaasiin Jumaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee namoota qabaman keessaati.

    Gaazexeessaan kun mana jireenyaa Jawaar Mohaammad keessaa qabamee fudhatame.

    Yaasiin Jumaa hokkora kakaasuufi harka keessaa qabaachuun himatame. Wayita qabamu sanattis dhaabbata mirga namoomaa idil-addunyaa tokkoof gabaasa qopheessuuf mana Jawaaritti akka argame hima.

    Gaazexeessitoonni waldaa kanaa mootummoonni Itoophiyaa fi Keeniyaa gadhiifamuusaaf akka tumsan gaafataniiru.

  14. Koronaavaayiras: Qulqullina waajira keessaniifi dhibee Covid-19

    Qulqullina waajira keessaniifi dhibee Covid-19 ilaalchisuun wantota gochuu qabdan kana viidiyoo gabaabduu kanarraa hordofaa.

  15. Namoonni 44 halkan tokkotti mana hidhaatti du'an 'Sababa ho'a cimaan' jedhame

    Hidhamtootni 44 mana hidhaatti halakan tokkotti du’an sababa ho’a cimaan jedhame.

    Chaaditti namoonni 44 mana hidhaa tokko keessatti halakan tokkotti du’an sababa kutaa ho’insi isaa 46C tahe keessatti hidhamaniif tahuu qorattootni ibsan.

    Abbaan alangaa garuu namootni hidhaman kunneen miseensota Bookoo Haaram tahu jedhamanii waan shakkamaniif summii nyaatanii du’an jechuun ibse.

    Komishiniin Mirga Namoomaa Chad ammo lammiilee nagaa biyyattiiti jechuun falma.

    Qorannoon akka agarsiisutti ho’a akka malee, dheebuu bishaanii fi beela hamaa irraa kan ka’e akka du’an ibsa.

    Ministirri Haqaa Chaad Diimeet Arabi gabaasa kana akka ka’umsaatti fudhachuun eenyu du’aatii namoota kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba kan jedhu akka qoratu ibse.

    Namoonni du'an kunneen namoota miseensota Bookoo Haaram tahu jedhamuun shakkamuun to'ataman 58 keessaa akka tahanis ibsameera.

    Ebla 15 ammoo mana hidhaatti du'anii argaman. Chaad haleellaa Bookoo Haraamin irra dedeebiin midhamaa turte.

  16. Dureessichi Hong Kong hoggansa Chaayinaa qeequun beekamu hidhame

    Dureessi beekamaa Hong Kong Jimii Laay humnoota alaan hidhata qabda jedhamuun jedhamuun hidhaman.

    Waajjirri gaazexaa isaa poolisootaan kan sakkatta’ame yoo tahu erga Chaayinaan Hong Keessaatti seera nageenya biyyaalessaa jedhu diriirsiteen as namni maqaa guddaa qabu yoo hidhamu kun kan jalqabaati.

    Jiimii Laay nama dimokirasiin akka dagaguuf leellisuufi sagalee tahee falmaa ture tahuun adda durummaan beekama.

    Fincila guuddaa bara darbe Hongi Koongiti dhohee yeroo dheeraaf ture keessaattis hirmaataa kan ture yoo tahu ‘’nama adda durummaan qindeessaa ture’’ jedhamuunis miidiyaalee Chaayinaa giduu galeessaan ibsamaa turan.

    Ji’a Guraandhalaa keessa namni ganna 71 tokko Jiimii Laay kora seera qabeessa hin taane gaggeesite jedhamun himatamee booda wabiin gad lakkifame.

    Namni lammummaa UK qabu Laay ha’a to’atamuu hojii gaggeessaa ol aanaa miidiyaa isaa Next Digital jedhamuutu ibse.

    ‘’Jiimiin humnoota alaa waliin shira xaxaa jirta jedhamuun qabame,’’ jedhe.

    Tujaarri kun qabeenya Doolaara biliyoona tokko tahu qaba jedhama. Abbaa qabeenyaa miidiyaalee yoo tahu warshaa huccuu irraa ka’uun booda gara miidiyaalee maxxansaa hundeessuutti ce’e.

    Bulchiinsa Chaayinaa kan gidduu-galeessaa qeequunis beekama.

  17. Obbo Lammaa dabalatee aanga'oonni sadii koree giddu-galeessaa Badhaadhinaarraa dhorkaman

  18. Awustaraaliiyaatti marsaa lammaaffa Covid-19'n guyyaatti namoonni hedduun qabaman

    Awustiraaliyaa magaalaa Meelboorn keessatti lakkoofsi namoota olaanaa guyyaa tokkoon Covid-19'n qabamuun galmaa'e.

    Akkasumas Viktoryaa magaalaa guddoo Meelboorn keessatti Wiixata har'aa namoonni 19 du'unsaanii himameera. Magaalattiitti lakkoofsi namoota du'anii 314 yoo gahu kanneen vaayirasichaan qabama 21,400 tti tilamaama.

    Guyyaa Wiixataataa qofaatti namoonni haaraa 322 Covid-19n qabamuu galmaa'eera. Haaluma walfakkaatunis torbanuma darbe qofaatti Magaalaa Vikitoriyaa keessa qofaatti namoonni 100 ta'an du'aniiru.

    Du'aatiin mudate kunis irra caalaan manneen kununsaa kanneen namoonni waggaa 100 ol keessatti argaman kan bulchinsicha keessa jiran keesatti kan mudate akka ta'e himama.

  19. Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattiin kunoo deebiineerra. Odeessaalee adunyaa gurguddoo fi wayitawoo tahan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii kanaannu hordofaa.

    Turtii gaarii!

  20. Itoophiyaatti namoonni haaraa 565 Covid-19n qabamanii, 17 ammoo du’an

    Itoophiyaatti qoarannoo sa’aatii 24 darban keessa saamuda 9,035 irratti gaggeefameen namoonni 565 irratti Covid-19n yoo argamuu, namoonni 17 ammoo dhukkubichaan lubbuusaanii dhabuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.

    Haaluma kanaanis namoonni biyyattii keessatti vaayirasiichaan qabamunsaanii mirkannaa’e 22,818 yoo ta’u, kanneen dhukkubichaan du’an ammoo 407 ta’eera.

    Gama biraatiin guyyaa harraatti namoonni 499 dhukkubicharraa kan bayyanatan yoo ta’u, waliigalatti kan dhukkubicharraa fayyan 12,203 ta’u ibsichi dabalee himeera.

    Kana malee, ammalleen nammoonni 163 bakka wallaansa cimaan barbaachisuuf keessatti argamu jedhameera.

    Kan harraa saamuda 9,035 dabalatee, hanga ammaattis saamuuda 497,971 irratti qorannoon gaggeefamuu ibsichi dabalee himeera.