Niw Zelaanditti guyyoota 102 booda Covid-19 namoota afur irratti argame
Niwuu Zelaandi guyyoota 102 booda koroonaavaayirasiin namoota afur irratti argamnaan magaala guddaa biyyichaa guyyoota sadiif uggura jala galchite.
Erga vaayirasiin kun guyyoota 102 booda namarratti argame magaalaan Ooklaandi uggura guyyaa sadii jala galte.
Namootni vaayirasichaan qabaman hundi isaanii maatii tokko keessaa yoo tahu namni biyya biraatti imales isaan keessa hin jiru.
Uggurichi har'a irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo tahu namoota maatiin kun waliin tuttuqqaa qaban ariitiin addaa baasuu jalqabaniiru.
Jiraattotni magaalaa Ooklaandi akka mana turan tahuun walitti qabamuun uummataas ni dhorkama.
Ministirri Muummee Jekindaa Ardeerni, weerara kana hordofuun paarlaamaa biyyatti bittinsuuf kan jedhan yeroo biraatti dabarsaniiru.