Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Covid-19 Itoophiyaa, Afrikaa fi Addunyaatti

    Sababa uggurri laaffifameef weerarri koronaavaayirasii biyyoota addunyaa keessatti deebi'ee hammaachaa akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

    • Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira. Haga ammaatti namootni 21,452 qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u kanneen keessaa 9415 dandamataniiru, 380 ammoo du'aniiru.
    • Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota qabamanii miliyoona tokko caalee jira. Namoota 1,021,721 qabame keessaa 704,411 dandamataniiru. 22,509 kan ta'an ammoo lubbuu dhabaniiru.
    • Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona 20 jala gahaa jira. Amma dura namootni 19,381,455 vaayirasichaan qabamanii jiru. Kanneen keessaa 11,741,100 kan ta'an yoo dandamatan, 721,409 ammoo du'aniiru.

    Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii hedduu qabaachuun Ameerikaa, Biraaziil, Indiyaa, Raashiyaa fi Afrikaan Kibbaa biyyoota tokkoo hanga shanii jiranidha, Ragaan kan Ministeerota Fayyaa fi Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.

  2. Yooyyaa!

    Gabaasa kallattii haaraan deebineerra!

    Odeessaalee weerara koronaavaayirasiin wal qabatan akkasumas oduuwwan gaggabaaboo biyya keessaa fi alaa fuula tokkorratti isin biraan geenya.

    Gabaasa kallattii guyyoota darbanii asii argattu.

    Oolmaa Gaarii!