Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waldaan Kooriyaa Kibbaa Covid-19 akka dabaluuf sababa taate

    Kooriyaa Kibbaatti ji’a shanii as lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haalaan dabalaa jira.

    Gaafa Dilbataa qofa namoota 276 ol tu qabame.

    Namoonni qabaman baayyeen immoo Waldaa Saaraang Jeel jedhamutti kan waaqeffatani dha. Paastariin waldichaa pireezidant Moon Jee’in qeequun beekamu

    Waldaan biraa Shiinchewoonjii Jiisas jedhamu namoonni baayyee covid19n qabaman itti argaman tahuun barameera.

    Waldaan kun namoonni 5,200 ol vaayirasichaan akka qabamaniif sababa taheera jedhamuun falmii kaaseera.

    Kunis lakkoofsa namoota vaayirasii kanaan biyyattii keessatti qabaman 15,318 qaqqabsiiseera.

    Yoo xiqqaate namooti vaayirasichaan qabaman 193 waldaa Saaraang Jeel kan dhaqani dha jedha mootummaan.

    Ogeessoti fayyaa miseensota waldichaa 4,066 tahaniif qorannoo taasisuuf jiru, pireezidantiin biyyattii immoo lakkoofsi dabaluu akka danda’u akeekkachiisan.

    Hogganaan waldaa Shiinchewoonjii Lii Maan-Hii jalqaba ji’a kanaarratti hidhame.

    Odeeffannoo miseensota waldaa isaa vaayirasichaan qabamuu danda’u jedhamna dhoksuunis himtame.

    Waldittiin nageenya miseensotaaf yaaduu irraan malee odeeffannoo hin dhoksine jetti.

  2. Lammiileen Ispeen maaskiin dirqama ta'uusaa mormuun hiriira ba'an

    Lammiileen Ispeen dhibba hedduutti lakkaa'aman magaalaa Madriid keessatti maaskii uffachuun dirqama ta'uusaa mormuun hiriira ba'an.

    Mootummaan biyyattii wayita weerarri koronaavaayirasii itti hammaatu namni hunduu maaskii uffachuu akka qabu dirqama godhe.

    Lammiileen hiriira mormii kanarratti argaman dhaadannoo ergaa labsii maaskii kana mormuu of keessaa qabu qabatanii ba'an.

    Dirqamni maaskii godhachuu Caamsaa darbe keessa ture kan inni imaltoota geejjiba keessa seenan irratti dirqama ta'e.

    Ergasii wayita vaayirasichi hammaachaa deemu kutaalee biyyattii hunda keessatti dirqama ta'e.

    Hiriirri kun wayita mootummaan tarkaanfii dhorkaa haaraa kaa'ee jirutti raawwatame.

    Tarkaanfii haaraa fudhatame keessaa tokko hawaasa keessatti tamboo xuuxuu kan dhorkuudha.

    Ispeen erga Waxabajjii darbe uggura ji'a sadiif keessee turte kaastee as weerarri vaayirasichaa itti hamaateera, haga ammaatti namoonni 28,600 caalan biyyattii keessatti koronaavaayirasiin lubbuu dhabaniiru.

  3. Yaman keessatti godaantonni Itoophiyaa 'ajjeefamaa jiru' - HRW

  4. Niwu Zilaand sababa koronaavaayirasiin filannoo dheeressite

    Ministirri Muummee Niwu Zilaand Jacinda Ardern wayita weerarri koronaavaayirasii deebi’ee biyyattii sodaachise kanatti ji’a tokkoof filannoon akka achi siqu labsaniiru.

    Fulbaana dhufu gaafa bultii 19 gaggeeffamuuf kan ture filannoon biyyattii amma garuu gara Onkoloolessa 17tti darbeera.

    Ministirri Muummee kun wayita yeroon filannoo dheerachuu labsan murteen kun paartileen siyaasaa akka sagantaasaanii haalaan qixeeffataniif kan gargaaruudha jedhan.

    Biyyoota addunyaa keessatti dursitee roorroo Koronaavaayirasii jalaa ba’uu kan ibsitee turte Niwu Zilaand garuu dhibeen kun deebi’ee waan mul’achuu eegaleef torbee darberraa eegaltee uggura sochii uummataatti deebiteetti.

    Erga uggurri sochii uummataa labsamee filannoon darbuu akka qabu Paartileen siyaasaa gaafachaa turan.

  5. Humni addaa yaaddoomoo wabii nageenya naannooleetii?

  6. Israa’eliifi Yunaaytid Arab Imireetis bilbila kallattin quunnamtii jalqaban

    Israa’eliifi Yunaaytid Arab Imireetis waliigaltee torban darbe taasisan hordofuun tajaajila bilbila kallattii jalqabaniiru.

    Ministiroonni haajaa alaa biyyoota lamaaniis walii bilbiluun nagaa wal-gaafataniiru jedhe ibsi dhimma kanarratti bahe.

    Waliigaltee gidduugalummaa Ameerikaan adeemsifamee Kamisa darbe Doonaald Tiraampitu labse.

    Waliigalteen biyyoota lamaanii kun yeroo sadaffaaf kan taasifamedha.

    Hawaasni addunyaa waliigaltee isaanii kana fudhatus, Iraan,Paalistaayiniifi Tarkiin qeeqaniiru.

    Waliigaltee isaanii irratti hundaa’uun Israa’el karoora Weest Baank ofitti dabaluu tursitee jirti.

    Ministirri haajaa alaa Israa'el Gaabii Ashkenaazii, gita isaanii Abdallaa Zaayid al Nahyaan waliin Dilbata kaleessaa bilbilaan haasa’an.Kunis biyyooti lameen waliigaltee isaanii otoo hin mallatteessiin waan uumamedha.

    Ministirri koominikeeshinii Israa’el Yoo’aaz Heendel dhaabbatni mootummaan Yunaatid Arab Imireetis lakkoofsa +972 deebisee baneera jedhan.

    ‘’Kana booda carraan diinagdee adda addaa ni banama, wal-amanteen jalqabames fedhii biyyoota lamaanii guddisuuf barbaachisaadha,’’ jedhan.

    Biyyooti lamaan waliigaltee isaanii torbee sadii keessatti Waashingitanitti mallatteessuun embaasiiwwan akka banamaniif karaa saaqa jedhameera

    .

  7. YOOYYAA!

    Tamsaasa kallattii Hagayya 17, 2020 jalqabneerra.

    Kallattii oduuwwan gaggabaaboo hordofnee ittiin isin biraan geenyudha.

    Keessattuu ammoo odeeffannoo dhimmoota fayyaa biyya keessaafi alaarratti fuulleeffachuun isiniif ni dhiyeessina.

    Nu hordofaa.

    Aagaa Dhaga'aa!!

  8. Tamsaasa keenyaa kallattii kan harraa golabne

    Hordooftootaa gabaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee gagabaaboo isin biraan gahaa turre kan harraa asumaratti xumurree jira.

    Boru odeessaalee haaraa qabannee hanga walitti deebiinuutti turtii nagaa isiniif hawwiina.

  9. Itoophiyaatti dabalataan namoonni 982 Covid-19n yoo qabaman, 19 ammoo du’an

    Itoophiyaatti qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti saamuda 19,769 irratti gaggeefameen namoonni 982 koronaavaayirasiin qabamunsaanii Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Akkasumas, sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 19 lubbunsaanii kan dhaban yoo ta’u, waliigaltti namoonni 528 dhibee kanaan lubbusaanii darbeera.

    Gabaasuma guyyuu Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 217 wallaansa warraa cimaa dhibamanii keessatti argamu.

    Gama biraatiin ammo, namoonni 322 sa’aatii 24 darban keessa dhukkubicharraa kan bayyanatan yoo ta’u, waliigalattis namoota biyyattii keessatti vaayirasii irraa fayyunsaanii mirkanaa’ee 12,359 gaheera.

    Kan har’aa 982 dabalatee waliigalatti Itoophiyaatti namoonni 29,876 dhukkubichaan qabamusaanii ibsichi dabaluun mulliseera.

  10. Keeniyaatti hospitaaloonni ‘meeshaalee hajjattootaaf’ dhkkubsattoota kanfalchuusu

    Keeniyatti hospitaaloonni motummaa namoonni qorannoo vaayirasiifi dhukkubsattooni Covid-19 ammoo meeshaalee hojjattoonni walaansa fayyaa ittiin of eegan (PPE)f akka kafalchiifama midiyaalee biyya keessa gabaasan.

    Gaazexaan ‘Daily Nation’ akka jedheetti wal’aantoota kanfalchiisuun kan eegale erga motummaan biyyattii waadaa qorannoofi PPE kan maaskii, gilaazii fi kkf kan kanfala jedhee cabseen booda jedha.

    Gaazexechi dabaluunis kunis sababii gatiin PPE dabaluun kan baatii bitooteessaa keessa hanaga doolaara 70 ture amma gara doolaara 120 gahu ibseera.

    "Meeshaalee dhuufnaa ittiin of ittifnu maallaqa keenyaan bitataa jirra. Dura motummaan nan dhiyeessa jedhuus waan waadaa isaa hineegneef baayyee rakkoof saaxilamnee’’ jechuu maddisaa gaazexichatti himeera.

    Gabaasaawwan muraasni dhukkubsattoonni Covid-19 fi dhukkuba gara biraa hospitaaloota dhuunfaa keessatti wallaanamaa jiraniis meeshaalee kanneeniif akka kanfalan taasifamaa jiru.

    Gaazeexaan ‘Daily Star’ maatii dhukkubsataa sukkaaraa guyyoota 10f wallaansa kutaa dhukkubsattoota cimaa keessatti hospitaala dhunfaa Naayiroobii tokko keessa ture tokko eeruun, kanfaliin isaan dhumaratto gaafataman meeshaalee PPE gutuu 10 guyyaafi maaskii 80 guyyaatti dabalatee doolaara 46,000 gaafatamuusaanii ibsa.

    Waang’ombe Kaariuki, Daareeektarri Waliigalaa Abbaa Taayitaa Dorgommii Keeniyaa haala ittiin gatiin meeshaalee dhuunfaa ittiin ofeegamuu kun ittiin to’atamurratti gorsu.

    "To’annoowwan gatii hanaga fayyadamaa miisheetti haalaa bu’aa meeshaalee waliin ilaalamu qabaatu. Kunis gabaan fayyadamtoonni filamaata bitachu danda’an mijachu qabaata. Qulqullinnniifi nageenyummaan meeshaalees akkasuma wabii hin qabu,’’ jechuun gaazexichi caqaseera.

  11. Ittaanaan MM Niiw Ziilaand sababii Covid-19'n filannoon haa dabarfamu jedhan

    Ittaanaan Ministira Mummee Niiw Ziilaand filannoo baatii dhufu keessa gaggeefamuu ture sababbii weerara Covid-19'n akka dheeraatuuf gaafatan.

    Ittaanaan MM Wiinistan Piitarsi weerarri dhukkubichaa filannoon bilisaafi walabaa akka hin gaggeefamneef gutuu ta’u danda’a jedhu.

    Itti aanaan MM kana jechuun isaa MM biyyattii kan taatee Jaaziindaa Aridaniif irratti dhiibbaa dabalataa taasisuu danda’a jedhamaa jira.

    Haaluma Kanaan walqabatees MM biyyattii Jaaziindaan Wiixata dhufaa ibsa ni kenniiti jedhamee eegama.

    Biyyi Niiw Ziilaand kan guyyoota 100'f namni vaayirasichaan qabame keessatti osoo hin galmaa’iin turtee amma weerarrichi akka haaraatti ka’usaatiin wal qabatee uggura sochii kee jirti.

    Ragaa guyyaa Dilbataa ifa taasisameen ammoo namoonni dabalataa 13 koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’era. Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii 69 gaheera.

  12. Namoonni siyaasaa jajjaboo himannaa malee hidhaa jiru-Huumaan Raayitis Waach

  13. Maanchistar Siitii dorgommii Chaampiyes Liigii mo’atanii darbuun irratti Liyooniin injifatame

    Kilabii Piriimeer Liigii Ingiliiz Maanchistar Siitii dorgommii Chaampiyes Liigii Awuroppaa kilaba Firaans Liyoon goolii 3 -1’n injifatameera.

    Goolii Liyoon ittiin durse Maaksiwell Korneet daqiiqaa 24ffaffaarratti kan galche yoo ta’u, taphataan Siitii Keeviin de Biruuyne goolii jalqabaa kilabiisaatiif daqiiqaa 69’ffarraati galcheera.

    Daqiiqaa 11 booda taphataan sarara fuulduraa Seeltiki duraanii Muusaa Dembeeleen goolii kilabiinsaa Liyoon Maanchistar Siitii itti dursu daqiiqaa 79 irratti goolii lammaffaa galcheera.

    Ammas daqiiqaa muraasa booda Muusaa Dembeeleen goolii sadaffaa kilabiinsaa taphicha mo’atee akka bahu taasise daqiiqaa 87’ffaarratti galcheera.

    Tapha guyyaa Jimaataa Barseelonaa fi Baayer Muunik jiddutti taasifameen kilabiin Jarman taphicha 8-2 mo’achuunsaa ni yaadatama.

  14. Lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti Covid-19 qabamanii ol’aanaa galmaa’e - WHO

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii sa’aatii 24 darban keessatti 294,000’n dabaleera jedhe.

    Kunis lakkoofsa namoota sa’aatii 24 keessatti Covid-19 qabamanii isa ol’aanaadha.

    Addunyaarratti hamma ammaatti namoonni miiliyoona 21 ol koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkinsi.

    Namoonni 771,000 ol sababa vaayirasii kanaatiin lubbuusaanii dhabaniiru.

    Ameerikaan baay’innan namoota koronaavaayirasiin qabamanii miiliyoona shanii ol akkasumas du’anii 170,000’tti siqu qabaachuun addunyaarraa sadarkaa jalqabaarratti argamti.

    Biraaziil namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 3.3, Indiyaan miiliyoona 2.5, Raashiyaan 920,719 akkasumas Afriikaan Kibbaa 583,653 qabaachuun biyyoota addunyaarraa lammaffaa hanga shanaffatti jiraaniidha.

    Gama kaaniin Biraaziilitti namoonni 107,232 vaayirasichaan du’aniiru. Indiyaatti ammo namoonni 49,980 sababa Covid-19 lubbuunaanii darbeera jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkinsi.

  15. Piriimer Liigiiin Itoophiyaa yoomiifi akkamiin deebiyee jalqabamaa?

  16. Afrikaan Kibbaa namoonni Covid-19 qabaman hir’achaa waan dhufeef uggura laaffisaa jirti

    Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa tatamsa’inni koronaavaayirasii biyyattii keessatti sadarkaan isa cimaadha jedhamee eegamaa turerra waan gaheef tarkaanfii uggura kaa'amanii turan laaffisuu beeksisan.

    Pireezidaant Siriil Raamaafoosaan akka jedhanitti, uggurriiwwan dinagdee biyyattii irraa kaa’amanii turan hundi Wiixata irraa kaasee ni kaafamu.

    Akkasums dhorkaan wal falmisiisaan daldala alkooliifi tamboo irra kaa’amee turees ni kaafama.

    Kana malees biyya keessa imaluu, walitti qabamuun maatii nammota muraasaa fi dhaabbilee daldalaa deebiisanii saaquun ni hayyamama.

    Ibsa Mr Raamaafoosaan TV irratti Sanbata kennaniin, uggurriiwwan kaa'amee ture laaffisuun diinagdee biyyatti rakkoon mudatee ture akka deebi’ee dandamatu gargaara jedhan.

    Haata’u malee, “mallattoon abdii” jiraatullee lammileen biyyattii Covid-19 ittisuu keessatti dagannaa keessa galuu hin qaban, sababiin isaas akkas ta’uu baannaan yeroon hamaan fuuldura keenyatti deebi’ee dhufuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

    Lakkoofsa namoota ardii Afriikaa keessatti Covid-19n qabaman walakkaan olii kan ta'an Afriikaa Kibbaa keessatti kan argaman yoo ta’u, lammiileen biyyattii 570,000 vaayirasichaan qabamanii kan 11,500 ta’an ammoo dhiibeedhuma kanaan du’aniiru.

  17. Chaayinaatti manni nyaataa ulfaatina maamiloota safare dhiifama gaafate

    Biyya Chaayinaatti manni nyaataa ulfaatina maamiltootaa safaree dhiifama gaafate.

    Wixineen kunis eega duulli biyyaalessaa qisaasa’uu nyaatarratti taasifame booda kan hojiirra oolfame.

    Manni nyaataa kun magaalaa Changsha keessatti kan argamu yoo ta’u, torbee kanatti seensarratti safartuu ulfaatinaa lama kaa’eera.

    Maamiloonnis akka ulfaatinasaanii safaraman taasifaman booda kan appiin ulfaatinasaanii galmeessu nyaata ulfaatinasaanii waliin walsimu akka nyaata jajjabbeessu.

    Namoonni miidiyaalee hawaasummaa Chaayinaarratti wixinee kana mormaniiru.

    Miidiyaa hawaasummaa ‘Weibo’ jedhamurratti maqaan mana nyaatichaa ‘hashtag’ of keessa qabu si’a miiliyoona 300 ilaalameera.

    Manni nyaatichaa wixinee biyyaalessaa bahe karaa dogoggoraan fayyadamuusaatiif dhiifama gaafateera.

    “Kaayyoon keenya qisaasa’u nyaata hambisuu fi nyaata fayya qabeessa akka nyaatan taasisuu ture. Maamiloonni keenya akka ulfaatinasaanii safaran goonee hin beeknu,” jechuun maxxanseeras.

    Pireezidaant Xi Jinping torbee kanaa nyaanni sadarkaa biyyaalessaatti qisaasa’u kan nama “rifachiisuu fi dallansiisuudha” jedhnaiiru.

    Ergaasaanii booda waldaan ‘Wuhan Catering Industry Association’ jedhamu nyaanni maamilootaaf dhihaatu murtaa’aa akka ta’u taasiseera – kunis namoonni gareedhaan nyaata ajajan nyaannisaanii dhiyaatu baay’innaan namootaa irraa tokko akka hir’atu godheera jedhe.

  18. Tamsaasa kallattii keenya jalqabneerra

    Akkam jirtu hordoftoota BBC AFAAN OROMOO?

    Tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa har'aa jalqabneerra. Tamsaasa kallattii keenya irratti odeesaalee gaggabaaboo biyya keessaa fi alaa isin biraan geenya.

    Nu faana tura!

    Bakka nagaa oolaa!

  19. Tamsaasa kallattii keenya kan harraa asumarratti xumurreera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa keenya kallattii keenya asirratti xumurree jira.

    Boru odeessaalee gara biraatiin hanga waliitti deebiinuutti nagaan nuuf turaa.

  20. Itoophiyaatti guyyaa tokkootti namoonni 1,652 Covid-19n qabamanii, 17 ammoo du’an

    Itoophiyaatti qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti saamuda 22,254 irratti gaggeefameen namoonni 1,652 vaayirasichaan qabamunsaanii Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.

    Akkasumas, sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 17 dhibee kanaan lubbunsaanii kan dhaban yoo ta’u, waliigaltti namoonni koronaavaayirasiin du’an 509 qaqqabeera.

    Akka gabaasa guyyuu Ministeera Fayyaa kanatti namoonni 199 kutaa wallaansi cimaa isaaniif barbaachisu keessatti argamu.

    Gama biraatiin ammoo namoonni 377 sa’aatii 24 darban keessa dhukkubicharraa kan bayyanatan yoo ta’u, waliigalattis namoota koronaavaayirasiin irratti argame keessaa kanneen 12,037 ta’an dhukkubicharraa fayyuun ibsichi dabaluun mulliseera.

    Akkasumas biyyattii keessatti vaayirasii kanaan qabamunsaanii mirkanaa’ee 28,894 qaqqabeera.