'Ajandaa siyaasaati jedhamee Covid-19 dagachuutu mul'ata'
Baatiiwwan muraasaan dura yeroo koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul’achuun dhagahame maloonni ittisaa sirnaan hojiirra oolaa turan.
Harka walfuudhuu dhiisuun, hoteelotaa fi iddoowwan bashananaatti walitti qabamuu dhiisuun, walirraa fageenya eeggachuun,maaskii fayyadamuu, bakka hundatti harka dhiqachuun amaleefamee ture.
Yeroo dhihoo asitti garuu baayyinni namoota Itoophiyaatti Koronaavaayirasiin qabaman kuma 11 caalus ofeegannoon taasifamu ammoo faallaa isaatiin gara hafuutti deemeera.
Jiraattotni magaalaalee adda addaa maal jedhu?
Kana keessaa ni argattu: 'Koronaavaayirasiin ajandaa siyaasaati'' jechuun namni of eeggachuu dhiiseera