Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Ajandaa siyaasaati jedhamee Covid-19 dagachuutu mul'ata'

    Baatiiwwan muraasaan dura yeroo koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul’achuun dhagahame maloonni ittisaa sirnaan hojiirra oolaa turan.

    Harka walfuudhuu dhiisuun, hoteelotaa fi iddoowwan bashananaatti walitti qabamuu dhiisuun, walirraa fageenya eeggachuun,maaskii fayyadamuu, bakka hundatti harka dhiqachuun amaleefamee ture.

    Yeroo dhihoo asitti garuu baayyinni namoota Itoophiyaatti Koronaavaayirasiin qabaman kuma 11 caalus ofeegannoon taasifamu ammoo faallaa isaatiin gara hafuutti deemeera.

    Jiraattotni magaalaalee adda addaa maal jedhu?

  2. Dhaddachi qorannoo duraa maali?, Golgaa duubaa ragaa bahuun hoo?

  3. Biraazilitti lakkoofsi namoota Covid-19 du'anii 100,000 caale

    Biraaziil keessatti erga weerarri koronaavaayiras mul'atee as namoonni 100,000 ol vaayirasichaan du'aniiru.

    Lakkoofsni kunis Ameerikaatti aanee isa lammaffaadha.

    Vaayirasichi ji'oota sadii keessatti namoota 50,000 kan ajjeessee yoo ta'u, guyyoota 50 booda garuu lakkoofsichi dachaa lamaan dabaleera.

    Biyyattii keessatti namoonni miiliyoona 3 ta'an koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraatus suuqonniifi manneen nyaataa irra deebiin banamaa jiru.

    Pireezidaantiin biyyattii Bolsonaaroon Covid-19 "qufaa xiqqaadha" jechuusaaniif biyya keessaafi alarraa qeeqamaa turan.

    Bolsonaaroon ofiifuu koronaavaayirasiin kan qabamanii turan yoo ta'u, amma garuu vaayirasicharraa bayyanataniiru.

    Lakkoofsi qabatamaan lafa jiru garuu sababa hanqinna qorachuutiin malee kana caala jedhameera.

    Ameerikaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'anii baay'ee qabaachuudhaan addunyaarraa sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

  4. Simbirroo halkaniifi koronaavaayirasii maaltu walitti fide?

    Saayintistoonni tibbana caaseffama dhala/ qaccee sanyii simbirroota halkanii gosa 6 addunyaa keenyarra jiraatanii xiinxaluun iccitii haaraa tokko ifoomsan.

    Qacceen sanyii simbira hoosftuu taatee kanaas, ‘’madinummaa vaayirasoota lubbuu namaa galafaatanii dandamachuun waliin jiraachuu dandeessisu,’’ qabachuusaanii qorannoon barruu ‘Nature’ jedhurratti maxxanfame mirkaneesse.

    Covid-19n simbirroota halkaniirraa gara namaatti darbuu hin oolle jedhama. Kanaaf, ogeeyyiin iccitii simbirroota vaayirasii wajjjin waldanda’anii jiraatan kana sakatta’uurratti fuulleffataniiru.

    Waanti beekamuu qabus, gosoonni vaayirasota balaafamooSars,Mers, fi Iboolaallee simbirroota halkaniirra namatti darbanii jedhame yaadama.

  5. Balaa ibiddaa wirtuu Covid-19 dhaqqabetti dhukkubsattoonni 7 du'an

    Kibba-bahaa Indiyaatti balaa ibiddaa hospitaala yeroo wallaansi dhibee Covid-19 keessatti kennamutti qabateen yoo xiqqaatee dhukkubsattoonni 7 du'an.

    Balaan ibiddaa kun hoteelaa Swarna Palace jedhamutti kan qaqqabe yoo ta'u, hoteelichi ammoo bakka dhukkubsattoonni Covid-19 itti yaalaman ta'ee tajaajilaa jira.

    Ibiddi qabates erga to'atamee booda dhukkubsattoonni gara hospitaala biraatti jijjiiramaniiru jedhan qondaaltonni mootummaa.

    MM biyyattii Nareendraa Moodii balaa dhaqqabeen "akka gaddan" himaniiru.

    Guyyoota muraasa duras balaan ibiddaa wirtuu dhibamtoota Covid-19 keessatti wallaanan mudatee ture.

    Sababni balaa kanaa qoratamaa jira.

    Maatii miidhamtoota balaa kanaatiif yuuroon 51,000 akka kaffalamu ibsameera.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni miliyoona 2.1 Covid-19 kan qabaman yoo ta'u, 43,000 ammoo du'aniiru jedha gabaasni Yunivarsiitii Joons Hoopkiins.

    Indiyaan lakkoofsa namoota Covid-19 hamma kana qabaachuun addunyaarraa sadarkaa sadaffaarratti argamti.

    Biyyattiin sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 64,000 vaayirasichaan qabamuusaanii mirkaneessiteetti.

  6. Yeroo Covid-19 kanatti wantoota borsaa keessan keessaa dhabuu qabne afran beektuu>

    Weerara Covid-19 of irraa ittisuuf malootni fayydamnu adda adda jiru.

    Yeroo kanatti wantoonni barbaachisuu of biraa ykn borsaa ofii keessa qabaachu qabnu afran maali?Daraartuu Amaloo isinitti ni himti.

  7. Dirree Dhawaatti ogeessonni fayyaa Covid-19n qabamuun yaaddoo uumeera

  8. Namoonni Covid-19 irraa bayyanatan maal jedhu?

    Dhukkubni koronaavaayirasii addunyaarratti babalatee badiinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'aa jiraatulleen, akkasuma ammoo namoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hintaane dhukkubicharraa bayyanachaa jiru.

    Koronaavaayirasiin irra caala maanguddoota umuriin jaaran kan miidhu ta'unsaa himamus, dargaggoonnis haaluma walfakkaatuun kan qabaman ta'uun dhagahamaa jira.

    Dargaggoota koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala erga galanii booda fayyan waa'ee dhukkichaafi haala keessa darban akksiin dubbatu.

  9. 'Shaashamanneetti namoonni man-kuusaatti hidhaman seeratti hin dhiyaanne' - Jiraattota

  10. Werarri COvid-19 waqtii Gannaa hangam hamaa ta'a?

    Biyyoota gara kaaba waaltaatti argamaniif amma gara waqtii qorraafi qufaan itti hamaatutti deemaa jira. Tarii haalli kun ammoo tatamsa'ina Covid-19 fi dhukkuuboota gara biraatiif caalaa kan itti saaxilamanuun ta'aa?

    Kunis amma koronaavaayirasiin walqabatee tarii dhukkubicha marsaa lammaaffaaf kan isa jalqabaa caaluu akka ka'u ni taasisaa laata sodaa jedhu guddaa umaa jira.

    Haata'u malee, Covid-19 yeroowaqtii Gannaa keessa maal fakkaachuu akka danda'u tilmaamuun ni danda'amaa?

  11. YOOYYAA!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo odeeffannoo addatti dhimma koronaavaayirasii irratti xiyyeefatu kan Hagayya 9, 2020 jalqaneerra.

    Odeeffannoo biroo gaggabaaboo biyya keessaafi kan addunyaas ni argattu, kallattii kanaan.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa!

  12. Xumurreerra!

    Odeeffannoo kallattiin isin biraan genyu kan guyyaa har'aa kanumaan xumurreerra.Bor odeessaalee biroon walitti dachaana!

    Mammaaksa guyyaa har'aan nagaatti isiniin jenna!

  13. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

  14. Dooniin Moorishees cinatti dhidhime boba’aa dhimmisuu eegale

    Moorishees erga dooniin garba guddaa keessatti boba’aa dhimmisuu eegalee booda labsii yeroo muddamaa labsite.

    Dooniin MV Wakashiyoo jedhamu garba guddaa Indiyaanii irratti Adooleessa 25 yeroo danqame dhidhimuu eegaletti hojjattonni doonicha keessa akka ba’an godhamee ture.

    Ta’us garuu doonii guddichi kun boba’aa toonii hedduu bishaan keessatti dhimmisuu eegalee jira.

    Ministirri Muummee Moorishees Piravind Jugnawut Jimaatarra “laabsii yeroo muddamaa” labsaniiru.

    Dabalataanis Moorishees “oggummaa doonii dhidhime baasuu hin qabdu,” jechuun Firaansii fi pireezidantii biyyatti Imaanuweel Maakroon gargarsa gaafataniiru.

    Dooniin Panamaatti galmaa’ee abbaan qabeenyumaasaa kan dhaabbata Jaappan ta’e kun- yeroo dhidhimu boba’aa toonii 4,000 fe’ee gara Biraazil imalaa ture.

  15. 'Manneen murti ajaja kennan dirqisiisanii raawwachiisuu danda'u' - Aanga'aa Mana Murtii

  16. Ameerikaan hoggantuu Hoongi Koongirra qoqqobbii keesse

    Ministeerri qabeenyaa Ameerikaa hoggantuu Hoongi Koongi Keerii Laam fi qondaalota ishee akkasumas aanga'oota Chaayinaa walumaagalatti nama 10 irra qoqqobbii keesse.

    Ministirri Qabeenyaa Ameerikaa Istiivev Minushiin qaqqoobbin kun warra walabummaa Hoongi Koongi gadi qabuuf yaalan irratti kan fuulleffate jedhan.

    "Ameerikaan uummata Hoongi Koongi waliin dhaabatti" jechuunis dubbatan.

    Hoggantuun Hoongi Koongi Keerii Laam ammoo "imaammata Chaayinaa bilisummaa fi sirna diimokraasii ukkaamsu hojiirra oolchiti" jechuun qeeqan.

    Kuni erga Chaayinaan seera nageenya biyyaalessaa falmisiisaa kan jiraattonni Hoongi Koongi mirga keenya ukkaamsa jedhan Hoongi Koongirratti labsiteen torbee tokko booda ta'e.

    Wal diddaan Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu jiru jabaachaa jira. Torbee kana Tiraamp aappii abbootii qabeenyaa Chaayinaa TikTok nan uggura jedhanii turan.

    Murtee Ameerikaa kana mootummaan Hoongi Koongi 'dhimma keessoo Chaayinaa keessa qabata Hoongi Koongiin harka galfachuudha' jedhe.

  17. Gaazexeessitoonni Asraat mana murtiitti dhiyaatan maaliin shakkaman?

  18. Indiyaatti lolaa sigiga lafaa fideen namootni 22 du’an

    Bulchiinsa kibba Indiyaa Keraalaa keessatti rooba cimaa booda lolaan sigiga lafaa uumee yoo xiqqaate namootni 22 du’aniiru.

    Jimaata galgarra roobni cimaa utuu addaan hin citiin erga roobee booda manneen hedduu aanaa Idduukii jedhamtuu keessa jiran lolaan fudhatamaniiru.

    Lubbu baraartonni reeffa namoota hedduu kan argatan ta’us ammallee namootni 44 achi buuteen isaanii hin baramne jechuun bakka bu’aan Iduukkii Diin Kyriyaakose BBCtti himaniiru.

    Ministirri Muumme Indiyaa Narendraa Moodii gadda isaanii Tiwitara gubbatti ibsaniiru.

    Sigigi lafaa kun kan uumame bakka Rajamalaay jedhamu kan hojjattoonni qonnaa baala shaayii jiraatan keessatti.

    Gabaasni miidiyaalee nannicha akka ibsutti manneen hojjatoota kanaafi maatii isaanii 20 ta’an lafa sigige kana jalatti awwaalamani.

    Hojiin lubbuu baraaru kan itti fufe ta’us, garuu sababa rooba cimaa, hurriifi soda sigiga lafaa biraan yeroof addaan cite jira.

    Sababuma rooba kanaatiin xiyyaarri osoo qubatuuf jedhu kufee cabee du'a nama 18f sababa ta'eera.

  19. 'Covid-19 yoo dubbataniifi yoo dhukkubsatan gargari' - Ittiiqaa Tafarii

  20. Dhaddachi qorannoo duraa maali?, Golgaa duubaa ragaa bahuun hoo?

    Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Araadaatti dhaddachi yakkaa tokkoffaa oolmaa isaa Hagayya 06 2020n Jawar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 14 irratti qorannoon duraa ykn 'preliminary investigation' abbaan alangaa iyyate akka adeemsifamu murteesseera.

    Dhaddacha qorannoo duraa ykn 'preliminary inquiry' Wiixata eegalurratti ragaalee abbaan alangaa dhiyeeffatu keessa 5 eenyummaan isaanii osoo hin baramiin golgaa duuba taa'anii akka jecha kennan abbaan alangaa gaafatee manni murtiis hayyameera.

    Maalummaa dhaddacha qorannoo duraa fi barbaachisummaa namoota golgaa duuba kaa'anii ragaa akka bahan gochuu irratti gaaffii hedduutu ka'aa jira.

    Ofii dhaddachi qorannoo duraa maali?, Eenyutu irratti argama?, Golgaa duubaa ragaa bahuun hoo ija seeraan akkamiin ilaalama?