Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gartuun mormituu mootummaa Maalirratti hiriira mormii jabeesse

    Biyya Maaliitti gartuun mormituu hiriira mormii guddaa Jimaata fi Sambata mootummaarratti qindeessee.

    Har’aa jalqabee hiriirri bahamuu kan eegalame wayita ta'u, kufaatii dinagdee,maalammaltummaa fi hidhattoota jihaadistoota to’achuu dadhabuun mootummaa balaalefffatu.

    Bakka bu’oonni gartuu maqaa M5 jechuun of waamanii kun pirezidant Ibiraahiim Bohubakar Keeyitaa aangoo akka gadhiisan barbaadu.

    Mormitoonnni pirezedantichi aangoo akka gadhiisan kan gaafatanii turan yaadasaani jijjiruun mariin biyyoonni naannichaa muddama siyaasaa biyyatti furuuf taasisan otoo hin milkaa’iin hafeera.

  2. ‘ Ijoolleefi akkookootti nagaa naaf himaa’-Yaasin Jumaa

    Gaazixeessaan Keeniyaa Yaasin Jumaa mana hidhaa Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamee fayyaa wayita dhabee jirutti haala hamtuu keessa jiraachuu xalayaa barreesserratti ibse.

    Yaasiin Jumaan turtii guyyoota 47f mana hidhaa jiru ilaalchisuun xalayaan barreessee gaazixaa Keeniyaa’ Daily Nation’irratti maxxanfameera.

    Akkas jedhe Yaasiin.

    ‘’Hidhamtoota 68 Covid-19 na biraa qabaman wajjin jira, iddoo namootaan dhiphatte kanatti wal’aansi argachuun hin jiru,bilookii(W) jedhamtuu keessan jira. Bishaanifi waanti nyaatamu hin jiru.

    Fayyaan koos guyyummaan gadii deemaa jira. Koronaavayirasiirra fayyuuf dhiisuun carraa harki 50 jiraatus, isa caala garuu haalli mana hidhaa keessa jiru carraan dandamachuu koo gadi buusaa jira’’

    Yaasiin Jumaan ajjeefamuu weellisaa Hachaaluu Hundeessaa hordofuun mana xiinxalaafi nama siyaasaa beekama Jawaar Mohammad keessaa qabamee hidhame.

    Sana booda jeequmsa kakasuufi keessatti hirmaachuun himatame mirga wabiin gadhiifamuu argatullee sababa ifa hin taaneen deebi’e hidhameera.

  3. Mootummaan Keeniyaa himata maallaqa badeef irratti baname haqe

    Ministeerri Fayyaa Keeniyaa himata maallaqa koronaavaayirasii ittisuuf deggersaan argame mootummaan hateera jedhu kuffiseera.

    Qorannoon TV’n biyyattii gaggeesse maallaqi doolaara Ameerikaa miiliyoona 400 caalu kan Covid-19 ittisuuf deggersaan argame ammallee tajaajila kanaaf kan hin oollee fi eessa buuteensaa kan hin beekamne ta’uu ibse.

    Akka qorannoo kanaatti caasaaleen mootummaa fi kanneen isaan waliin michooma qaban maallaqa kanatti fayyadamaniiru.

    Ministirri Fayyaa Keeniyaa Mutahi Kagwe paarlaamaa biyyattii irratti argamuun maallaqi deggersaan argatan doolaara miiliyoona 200 malee isa doolaara miiliyoona 400 jedhamu hin beeknu jedhan.

    Himannaa shakkiin irratti dhiyaates maqa balleessiidha jechuun haalan.

  4. 'Obbo Lidatu Ayyaalew beellama kennamuun abdii kutataniiru'

  5. Xaaliyaaniin godaantota Tuniisiyatti ofirraa ittiisuuf doolaara mil 13 kennite

    Mootummaan Xaaliyaanii, Tuniisiyaan daangaa naannoo buufata galaanaa ishee akka jabeessituufi godaantota bidiruudhaan galaana Meditaraaniyaanii qaxxaamuran akka dhaabduuf doolaara miiliyoona 13 nan kenna jedhe.

    Ministirri haajaa alaa biyyattii Luyigii Di Maayoon daawwannaa Tunisitti taasiseen biyyi isaa godaantota seeraan ala dhufaniif kana booda iddoo akka hin qabne hime.

    Mootummaan Xaaliyaanii humnoota galaanaa fi lafoo Tuniisiyaa illee dhimma kooluu galtootaa irratti leenjii kennuuf yaada dhiyeessera.

    Xaaliyaaniin godaantota dhibbaan lakkaa’aman kibba biyyattii gahanii waliin akka rakkattu himti.

    Koronaavaayirasiin immoo daranuu dalagaa kana wal-xaxaa taasisa.

  6. US namoota maqaa guddifachaan daa’imman dararan himatte

    Mootummaan US namoota dhimma daa’imman guddifachaaf kennamanii qabachuun faayidaa maallaqaaf dhimma itti bahaa turan jedhe himate.

    Akka himata mootummaatti namoonni kunneen dhimma daa’immanii isa dhugaa fi isa sobaa waliin dhahuun akka madda maallaqaatti fayyadamaa turan.

    Namoonni himati irratti baname kunneen lammiilee US lamaa fi haadha seeraa Yugaandaa tokkodha.

    Daa’imman maatii qaban, yatiima ykn maatii-maleeyyiidha jedhanii Yugaandaa irraa gara Ameerikaa geessuun maatiiwwan US bira kaa’aa turan.

    Adeemsa kana keessattis waliin dhahanii doolaara kumaan lakkaa’amu argachaa turan.

    Ijoolleen Yugaandaa kunneen wayita maatiisaanii harkaa fuudhaman akka waan carraa barnootaa argatanii US geeffamaniiti.

    Garuu namoonni kunneen walii galuun akka waan ijoolleen kunneen maatii hin qabneetti mana murtiitti galmeessuun guddifachaaf kennaa turan.

    Dhimma kana erga hubatee booda, Ministeerri Maallaqaa US haadha seeraa Yugaandaa himatamte, abbaa warraashee fi abbootii murtii Yugaandaa kan biroo lama irra qoqqobbii diinagdee kaa’eera.

  7. Ambulaansiin beelladaa Itoophiyaatti kan 'jalqabaa' taate hojii eegalte

  8. YOOYYAA!

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeeffannoo gaggabaaboo biyya keessaafi addunyaa isin biraan geenyu Hagayya 18, 2020 jalqabneerra.

    Nu hordofaa!

  9. Goolabne!

    Odeessa keenya kallattii guyyaa har'aa kanumaan goolabneerra!

    Boru odeessaalee biroon walitti dachaana!

    Nagaan Turaa!

    Mammaaksa Guyyuu BBC Afaan Oromoo keessaa tokko kunoo:

  10. Arsenaal deeggartoota isaa Itoophiyaa jiran galateeffate'

    Deeggartoonni Arsenaal Itoophiyaatti argaman gama Waldaa Deeggartoota Arsenaal Itoophiyaatiin dhiiga arjoomaniiru.

    Dhiiga arjoomuu kanarrattis deeggartoonni kilabichaa Itoophiyatti argaman 700 ol qooda fudhataniiru.

    Deggartoonni kunneenis guutuu biyyattii keessatti hospitaalota 12 magaalota adda addaa keessatti argamaniif dhiiga arjoomaniiru.

    Dhiiga arjoomuu kanas deeggartoota kilabichaa magaalaa Finfinneetti argamaniin kan qophaa'e ture.

    Kilabiin Piriimeer Liigii Ingiliiz kunis deeggartootasaa Itoophiyaatti argamaniif galata galcheera.

  11. Itoophiyaatti namoonni haaraa 1,460 Covid-19'n qabaman

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 19,747'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 1,460 irratti argamuu ibsiteetti.

    Kanaanis, lakkoofsi namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii gara 31,336'tti ol guddateera.

    Gama kaaniin, namoonni dabalataa 16 sababa vaayirasichaan lubbuu dhabuu isaanii Ministeerri Fayyaa ibseera.

    Kunis lakkoofsi namoota du'anii 544 akka gahu taasiseera.

    Gama biraatiin namoota haaraa165 dabalatee, hamma ammaatti namoonni 12,524 vaayirasicharraa bayyanataniiru.

    Naannoon Oromiyaa sa'aatii 24 darban keessatti namoota 3,843'f qorannoo koronaavaayirasii taasisee namoota 224 irratti vaayirasichi argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa mirkaneesseera.

    Naannicha keessatti hamma ammaatti namoonni 3,177 koronaavaayirasii kan qabaman yoo ta'u, 35 ammoo du'aniiru.

    Itoophiyaan hamma ammaatti namoota 629,210'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

  12. Obbo Jawaar Mohaammad dhukkubsachuu isaanii mana murtiitti himan

  13. Sudaan Kibbaatti namootni haleellaa mana amantaan ajjeefaman 'jumlaan awwaalaman'

    Sudaan Kibbaatti namootni haleellaa waldaa kateediraalaa irratti taaasifameen ajjeefaman soddomii sadii bakkaa awwaalchaa jumlaa adda addatti awwaalaman.

    Lubi waldaa Episkopaal, Moosis Anuur Ayoom akka jedhanitti torban lama dura waldaan Seent Luuk magaalaa Boor dargaggoota saba Murleen haleelamee ture.

    Haleellaa kanaan hogganaan waldichaa Lubni Daani'eel Garaang Ayuween ajjeefamanii waldichiis barbadeeffameera.

    Oduun haleellaa kanaa torban lamaaf maaliif akka hin gabaafamne ammayyuu ifa miti.

    Sabootni Murlee, Diinqaafi Nuweer yeroo dheeraaf saamicha looniifi haaloo ba'uu keessa turaniiru.

    Gandi Makool Chuyee amma guttumaatti namni gadhiisee ba'ee qullaa jira.

    "Haleellaan haaloo ba'uu kun ajjeechaa namoota nagaa baqatanii waldichaa keessatti da'oo galanii turaniif sababa ta'eera," jechuun Lubi Moosis Dilbata BBC'tti himaniiru.

  14. Humni addaa yaaddoomoo wabii nageenya naannooleeti?

    Itoophiyaatti naannooleen poolisii humna addaa mataasaanii baayinaan hundeeffachuu erga eegalanii bubbulanilleen, erga yeroo dhihooyiitiin as garuu haala raayyaa idilee fakkaatuun leenji'aafi ijaaramaa jiraachuutu himama.

    Kanaan walqabatees gaaffiin poolisii humna addaa haala kanaan ijaaruufi hidhachiisuun bobbaasuun balaa qabaataa? Ofii bu'uura seeraas qabuu? kan jedhu wayita ka'u ni dhagahama.

    Gama biraatiin ammoo kanneen bu'aa poolisiin addaa qabaatu xiyyeeffannaa keessa galchuun nageenya ummata naannoo tokkoo eegsiisuuf poolisoota idileetiin alatti humni addaa kun gumaachaa olaanaa qabaachuu mala kan jedhanis ni jiru.

  15. 'Ho'insi addunyaa inni guddaa US'tti galmaa'e'

    Addunyaa keessatti ho'insi qilleensaa ykn teempireecharri inni guddaan jedhame digirii sentigireedii 54.4 (130F) biyya US bulchiinsa Kaaliforniyaa, Paarkii biyyaalessaa 'Dearth Valley' keessatti galmaa'eera jedhame.

    Dhaabbati Tajaajila Haala Qilleensaa US hoi'insa galmaa'ee kana mirkaneessuuf hojjachaa jira.

    Ho'inni torban dhufuttis itti fufa jedhamee yaadamu kun kan uumame yeroo danbaliin qilleensa ho'aa US lixaa keessa jiruttidha.

    Haalli qilleensaa kun Kaaliforniyaatti Sanbatarra erga wiirtuun annisaa hojjechuu dadhabee booda guyyaa lamaaf ibsaan adda citee tureera.

    Kana dura ho'iinni inni cimaa addunyaa irratti kan galmaa'e bara 2013'tti digirii sentigireedii 54 (129.2 F) achuma 'Death Valley' keessatti ture.

    Kanaan dura tempireecharri inni guddaa digirii seentigireedii 56.6 achuma paarkii kanatti galmaa'ee jedhamu shakkisiisaadha.

    Anga'oonni ho'iinsa cimaa ykn gogiinsa kan jedhan yeroo guyyaa lama ykn sadiif ho'iinn digirii sentigireedii 32C (90F) irra caaludha.

    Dhaabbati To'annoo Dhukkubaa US, CDC jedhamuun beekamu, ho'inni (dambalii qilleensa ho'aa) biyyatti keessatti haala qilleensaa hamaa kamuu caalaa namoota heddu ajjeeseera jedhu.

    Ho'inni cimaan sarara annisaa midhuun ibsaa balleessuu, xiyyaarri akka hin balaliine goochuu, daandiiwwan baqsuufi konkolaattonni hedduu ho'anii akka balaa gessissan taasisu danda'a.

  16. Sigigi lafaa Yunivarsiitii Wallaggaatti maal miidhe?

  17. Shakkamaan of ajjeesuun dura 'ajjeechaa dubartoota hedduu amane'

    Shakkamtoota lama ajjeechaa dubartoota Afrikaa Kibbaa shan keessaa harka qabu jedhamuun naannoo Naataalitti hidhaman keessaa tokko mana hidhaa keessatti of ajjeesuu poolisiin BBCtti himeera.

    Ministeerri poolisii Afrikaa kibbaa akka jedhetti namni kun of ajjeesuun dura dubartoota hedduu ajjeesuu isaa amaneera.

    Silaa shakkamaan kun Wiixata har’aa dhaddachatti dhiyaata ture.

    Ministeerri poolisii Beekii Seele haara ummataaf tasisaniin namichi od ajjeesee dubartoota hedduu ajjesuu isaa akka amaneefi shakkamaan biraa ammoo hidhamtootaa biroon reebamuu isaa ibsaniiru.

    Dabalataanis poolisiin reeffii dubartoota hin argamiin biroo jiraachuu mala jedhanii akka amanan ibsaniiru.

    Sirni dhaddachaa shakkamaa hafeen oolmaa isaa itti fufa jedhameera. Namootni kunneen Jimaata darbe ture to’annoo jala kan oolan.

    Shakamtooti biroon hidhannoo isaan ajjeechaa kana waliin qaban adda baasuuf poolisiin gara qorannootti deebi'uuf dirqameera.

    Reeffi dubartoota kunneenii ji’a Eblaa hanga Hagayya jiru keessatti argame. Naannoo Imtaawaalumee jedhamu qonna hagadaa keessatti argaman. Reeffi nama lamaa torbee darbe ture kan argame.

    Jiraattonni naannichaa sababii eegumsi poolisii gahaa tahe hin jirreef sodaa keessa jiraannaa jedhan.

    Ministirri Poolisiin Biyyaalessaa Beekii Siilii,’’Gochi yakkaa akkanaa akka hin taaneefi dubartoonni nagaan bahanii akka galaniifi nageenyi itti dhagahamuuf,poolisii hawaasaa hundeessuun nagaan naannichaa akka foyya’u gochaa jirra,’’ jedhan.

    Jiraattonni fuullee mana murtiitti bahuun mormii dhageessisniiru,barreefama,’’wabiin kennamuu hin qabu,hidhaatti haa tortoran,’’ jedhullee qabataniiru turan.

    Jiraattonni ajjeechaan kun warreen namoota walitti fufinsaan ajjeesaniin raawwate jedhanii amanu.

    Poolisiin akkas jedhanii himuun yeroo ammaatti hin danda’amu jedheera.

  18. Barattoonni Naajeeriyaa miliyoona 1.5 ol ta'an qormaata fudhachuuf

    Naajeeriyaatti barattoonni sadarkaa lamaffaa milityoona 1.5 ol ta'an qormaata biyyaalessaa akka fudhachuu eegalan ibsame.

    Barattoonni kunneen torban laman darban keessa qormaata kana fudhachuuf qophii taasisaa turaniiru.

    Sababa weerara koronaavaayirasiitiif barnoonni Bitootessaa hanga Adoolessaatti baratamuu qabu garuu addaan citee ture.

    Itti-gaafatamtoonni manneen barnootaa barattoonni yeroo qormaata fudhatan tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuudhaaf akka walirraa fageenya isaaniitti akka taa'an gochuuf akka jiran dubbatu.

    Barattoonni kunneen kan qoramaata fudhatan bara dhuftu dhaabbileen barnootaa ol-aanaa galuudhaaf.

    • Jappaan seenaa keessatti kufaatiin dinagdee argitee hin beekne ishee mudate

      Jappaan dinagdeedgaan addunyaarratti tarree warra baayyee gurguddoodha jedhamaniirra jirti.

      Osoo dhiyeenya kana Chaayinaan irraa hin fudhatiin akka addunyaatti sadrakaa 2ffaarra turte.

      Dinagdee Jappaan haalaan akkas gudddaadha jedhame kun sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een qormaata guddaa keessa galeera.

      Dindagdeen Jappaan Eblaa hanga Waxabajjiitti waalumaagalatti dhibbantaa 7.8 hir'ina agarsiiseera.

      Weerara koronaavaayirasii duras taanaan dinagdeen Jappaan saffisaan guddachuun isa rakkisee ture.

      Akka odeeffannoo har'a baheetti rakkoon dinagdee addunyaa mudate Jappaan irrattis dhiibbaa uumeera.

      Sababa kanaan, Jappaan kufaatiin dinagdee jireenya ishee keessatti argitee hin beekne ishee mudateera.

    • Paarlaamaan Masrii seera eenyummaa dubartoota qoccollaa saalaatiin miidhaman ifoomsuu dhorku raggaasise

      Paarlaamaan Masrii dubartoota qoccollaa saalaa irra gahe wayita himata banan eenyummaan isaanii akka hin ibsamne seeraa ajaju raggaasise.

      Qorattoonni sarbamiinsi mirgaa Masrii keessatti miidhaa dubartootarra gahu hammaatus,dubartoonni eenyummaasaanii ibsanii wayita galmee himannaa banan balaaleffannaa irra qaqqabu sodaatu jedhu.

      Wixineen seera haaraa kun Adooleessa darbe keessa akka raggaasifamuuf kan dhiyeeffame, barataan dhiira tokko dubartoota hedduu gudeeduufi qoccoluun erga himatamee hidhamuun booda ture.

      Sana booda dubartootni hedduun jeeqamuufi qoccollaa isaan mudate ilaachisuun muuxannoo qaban akka waliif qoodu si'eesse.